Wangeela Maarqos 5:1-43

  • Yesuus jinniiwwan gara booyyotaatti erge (1-20)

  • Intala Yaayiros; dubartii uffata Yesuus tuqxe (21-43)

5  Achiis galaanicha gamatti ceʼanii gara naannoo Gergesenoon+ dhufan.  Akkuma Yesuus bidiricha irraa buʼeenis, namichi hafuura xuraaʼaadhaan qabame tokko awwaala* gidduudhaa baʼee isatti dhufe.  Namichi kun awwaala gidduu jiraata ture; hanga yeroo sanaatti namni funcaadhaan isa hidhuu dandaʼe tokko illee hin turre.  Yeroo baayʼee hidhaa sibiilaa fi funcaadhaan hidhama ture; inni garuu funcaa sana ni kukkuta, hidhaa sibiilaa sanas ni caccabsa ture; namni toʼannaa jala isa oolchuuf humna qabu tokko illee hin jiru ture.  Yeroo hunda halkanii fi guyyaa bakka awwaalaa gidduuttii fi gaarota irratti ni iyya; dhagaadhaanis of mummura ture.  Yeroo Yesuusiin fagootti argu garuu, fiigee dhufee isaaf sagade.+  Achiis sagalee guddaadhaan iyyee, “Yaa Yesuus Ilma Waaqa Isa Hundaa Olii, anii fi ati maal wal irraa qabna? Akka na hin dhiphisne maqaa Waaqayyootiin sin kakachiisa”+ jedhe.  Akkana kan jedhes Yesuus, “Hafuura+ xuraaʼaa nana, nama kana keessaa baʼi” waan jedheef ture.  Haa taʼu malee Yesuus, “Maqaan kee eenyu?” jedhee isa gaafate. Innis, “Nuti baayʼee waan taaneef, maqaan koo Leegewooni” jedhee deebise. 10  Innis Yesuus hafuurota sana biyyattii keessaa akka hin ariine cimsee isa kadhate.+ 11  Yeroo kanatti hoomaan booyyee+ tokko gaara irra ni dheeda ture.+ 12  Kanaafuu hafuuronni sun, “Booyyota sanatti akka galluuf gara isaanitti nu ergi” jedhanii isa kadhatan. 13  Innis isaaniif heyyame. Hafuuronni xuraaʼoon kunis baʼanii booyyota sanatti seenan; booyyonni gara 2,000 taʼanis qarqara hallayyaa irraa didichanii galaanicha keessa lixanii liqimfaman. 14  Tiksitoonni isaanii garuu baqatanii deemanii magaalaa fi baadiyyaatti waaʼee kanaa waan odeessaniif, namoonni wanta taʼe kana ilaaluu dhufan.+ 15  Gara Yesuus yommuu dhufanis, namichi duraan jinniidhaan, jechuunis leegewooniin qabamee ture sun uffata uffatee, sammuun isaa fayyee taaʼuu isaa waan arganiif baayʼee sodaatan. 16  Namoonni kana arganis, wanta namicha jinniidhaan qabamee fi wanta booyyota sanaa wajjin haala wal qabateen raawwatame isaanitti himan. 17  Kanaafuu, isaan Yesuus naannoo isaanii gadhiisee akka deemu isa kadhachuu jalqaban.+ 18  Utuu inni bidiruu yaabbachaa jiruus, namni jinniidhaan qabamee ture sun isaa wajjin deemuuf isa kadhate.+ 19  Yesuus garuu isaaf heyyamuu mannaa, “Gara qeʼee kee fi firoottan kee dhaqiitii wanta Yihowaan* siif godhe hundumaa fi gara laafina inni sitti argisiise isaanitti himi” isaan jedhe. 20  Namichis dhaqee wanta Yesuus isaaf godhe hundumaa Dikaapoolisitti* lallabuu jalqabe; namoonni hundis ni dinqisiifatan. 21  Yesuus ammas bidiruudhaan galaanicha gamatti erga ceʼee booda, namoonni hedduun isa biratti walitti qabaman; inni galaanicha bira ture.+ 22  Achiis geggeessitoota mana sagadaa keessaa tokko kan taʼe Yaayiros dhufee yommuu isa argu miila isaatti kufe.+ 23  Innis, “Intalli too akka malee dhukkubsatteetti.* Maaloo, ishiin fayyitee jiraachuu ishii akka itti fuftuuf kottuutii harka kee ishii irra kaaʼi”+ jedhee irra deddeebiʼee isa kadhate. 24  Kanaafuu, Yesuus isaa wajjin ni deeme; namoonni hedduunis gara isaatti wal dhiibaa isa duukaa buʼan. 25  Yeroo kanatti dubartiin waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼaa+ ture tokko jirti turte.+ 26  Ogeeyyii fayyaa hedduu bira dhaquudhaan baayʼee kan dhiphattee fi wanta qabdu hundumaa kan fixxe taʼus, ittuma hammaate malee itti hin wayyoofne. 27  Ishiin waaʼee Yesuus yommuu dhageessu, namoota hedduu gidduudhaan duuba isaatiin dhuftee uffata isaa tuqxe;+ 28  sababiin isaas ishiin, “Uffata isaa qofa illee yoon tuqe nan fayya”+ jettee yaaddi turte. 29  Dhiigni ishii dhangalaʼaa tures yeruma sana ni dhaabbate; dhukkuba ishii isa ishii dhiphisu irraa akka fayyites qaama ishii keessatti itti beekame. 30  Yesuusis yeruma sana humni+ akka isa keessaa baʼe itti dhagaʼame; uummaticha gidduudhaa duubatti garagalee, “Eenyutu uffata koo tuqe?”+ jedhee gaafate. 31  Barattoonni isaa garuu, “Namoonni hedduun akka si dhiibaa jiran utuma argituu, ‘Eenyutu na tuqe?’ jettee gaafattaa?” isaan jedhan. 32  Inni garuu eenyu akka isa tuqe beekuuf naannoo isaa ilaale. 33  Dubartiin fayyuu ishii hubatte sun sodaadhaan hollachaa dhuftee isa duratti kuftee wanta tokko utuu hin hambisin dhugaa isaa isatti himte. 34  Innis, “Intala too, amantiin kee si fayyiseera. Nagaadhaan dhaqi;+ dhukkuba kee isa si dhiphisu irraas fayyi”+ ishiidhaan jedhe. 35  Utuu inni dubbachaa jiruus, mana geggeessaa mana sagadaa sanaatii namoonni muraasni dhufanii, “Intalli tee duuteetti! Kana booda maaliif Barsiisaa dhamaasta?”+ jedhan. 36  Yesuus garuu wanta isaan dubbatan dhagaʼee, geggeessaa mana sagadaa sanaan, “Amani+ qofa malee hin sodaatin”* jedhe. 37  Yeroo kanatti Pheexiros, Yaaqoobii fi Yohaannis obboleessa Yaaqoob+ malee eenyu illee akka isa duukaa buʼu hin heyyamne. 38  Yeroo mana geggeessaa mana sagadaa sanaa gaʼanis, Yesuus namoota wacan, booʼanii fi gadoodan arge.+ 39  Erga ol seenee booda, “Maaliif waccanii boossu? Intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” isaaniin jedhe. 40  Isaanis yeroo kanatti qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban. Inni garuu hunda isaanii erga gad baasee booda, abbaa fi haadha intalattii, akkasumas warra isaa wajjin jiran fudhatee bakka intalattiin jirtutti ol seene. 41  Achiis harka intalattii qabee, “Xaaliitaa quumii” ishiidhaan jedhe; hiikni isaas, “Intaloo siinan jedha, kaʼi!”+ jechuu dha. 42  Intalattiinis yeruma sana kaatee deemuu jalqabde. (Umuriin ishii waggaa 12 ture.) Yeroo kanatti warri ishii baayʼee gammadanii of wallaalan. 43  Inni garuu waaʼee kanaa eenyutti iyyuu akka hin dubbanne irra deddeebiʼee* isaan ajaje;+ wanta nyaatamu akka ishiidhaaf kennanis isaanitti hime.

Miiljaleewwan

Ykn., “awwaala yaadannoo.”
Ykn., “Naannoo Magaalota Kurnanii.”
Ykn., “duʼuu jala geesseetti.”
Ykn., “sodaachuu kee dhiisi.”
Ykn., “cimsee.”