Wangeela Maatewos 21:1-46

  • Yesuus injifannoodhaan seene (1-11)

  • Yesuus mana qulqullummaa qulqulleesse (12-17)

  • Muka harbuu abaaramte (18-22)

  • Aangoo Yesuus morman (23-27)

  • Fakkeenya ilmaan lamaanii (28-32)

  • Fakkeenya qonnaan bultoota nama ajjeesanii (33-46)

    • Dhagaan golee hunda caalu ni tuffatame (42)

21  Gara Yerusaalemitti dhihaatanii Beetafaagee ishii Gaara Ejersaa irra jirtu yommuu gaʼan Yesuus barattoota isaa lama erge;+  akkana isaaniin jedhe: “Ganda fuula keessan duraa mulʼattu sana dhaqaa; akkuma achi geessaniinis harree hidhamtee jirtu tokko ilmoo ishii wajjin argitu. Isaaniin hiikaatii naa fidaa.  Namni yoo isin gaafate, ‘Gooftaatu isaan barbaada’ jedhaa. Innis yeruma sana isaan erga.”  Kunis kan taʼe, wanti karaa raajichaa akkana jedhamee dubbatame akka raawwatamuufi:  “Akkana jedhaa intala Xiyoonitti himaa: ‘Kunoo, mootiin kee garraamii+ taʼee, harree irra, eeyyee, ilmoo harree ishii horii feʼumsaa taate irra taaʼee gara kee ni dhufa.’”+  Kanaafuu, barattoonni isaa dhaqanii akkuma Yesuus isaan ajaje godhan.+  Harree sanaa fi ilmoo ishii ni fidan; uffata isaaniis isaan irra buusan; Yesuusis irra taaʼe.+  Namoota hedduu sana keessaa baayʼeen isaanii uffata isaanii karaa irra afan;+ warri kaan immoo dameewwan mukaa kukkutanii karaa irra afan.  Kana malees, namoonni isa duraa fi isa duuba deeman hedduun, “Ilma Daawit+ akka oolchitu si kadhanna! Inni maqaa Yihowaatiin* dhufu eebbifamaa dha!+ Yaa isa samii irra jirtuu, akka isa oolchitu si kadhanna!”+ jedhanii iyyu turan. 10  Yeroo inni Yerusaalemitti seenus namoonni, “Kun eenyu?” jedhanii gaafatan; guutummaan magaalattiis ni raafamte. 11  Namoonni hedduun sunis, “Kun Yesuus raajicha,+ isa Naazireet biyya Galiilaatii dhufe dha!” jedhu turan. 12  Yesuus mana qulqullummaa* seenee, warra mana qulqullummaa keessatti gurguranii fi bitan hunda achi keessaa ariʼe; minjaala warra maallaqa jijjiiranii fi barcuma warra gugee gurguraniis ni gaggaragalche.+ 13  Achiis, “‘Manni koo mana kadhannaa jedhama’+ jedhamee barreeffameera; isin garuu holqa saamtotaa gochaa jirtu”+ isaaniin jedhe. 14  Namoonni qaro dhabeeyyiinii fi naafa taʼanis mana qulqullummaa keessatti gara isaa dhufan; innis isaan fayyise. 15  Dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa wantoota dinqisiisoo inni raawwatee fi ijoollee mana qulqullummaa keessatti, “Ilma Daawit akka oolchitu si kadhanna!”+ jedhanii iyyan yommuu argan aaranii,+ 16  “Wanta isaan kun jedhan ni dhageessaa?” isaan jedhan. Yesuusis, “Eeyyee, nan dhagaʼa. ‘Afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa galata argamsiiste’+ isa jedhame matumaa hin dubbisnee?” isaaniin jedhe. 17  Sana booda isaaniin dhiisee magaalattiidhaa baʼee gara Bitaaniyaa dhaqe; halkan sanas achuma bule.+ 18  Ganama barii yommuu gara magaalattiitti deebiʼus ni beelaʼe.+ 19  Muka harbuu* tokko karaa qarqaratti argee gara ishii dhaqe; garuu baala malee homaa irraa hin arganne;+ kanaafuu, “Kana booda firiin si irraa hin argamin”+ jedhe. Mukti harbuu sunis yeruma sana gogde. 20  Barattoonni isaas yommuu kana argan dinqisiifatanii, “Mukti harbuu sun akkamitti daftee gogde?”+ jedhan. 21  Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, amantii yoo qabaattanii fi yoo shakkuu baattan, wanta ani muka harbuu kana irratti godhe qofa utuu hin taʼin, gaara kanaan ‘Asii buqqaʼii galaana keessatti darbatami’ yoo jettan illee ni taʼa.+ 22  Wanta amantiidhaan kadhattan hundumaas ni argattu.”+ 23  Gara mana qulqullummaatti erga seenee booda, utuu inni barsiisaa jiruu dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni sabichaa gara isaa dhufanii, “Aangoo maaliitiin wantoota kana hojjetta? Aangoo kana kan sii kenne hoo eenyu?”+ isaan jedhan. 24  Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Mee anis wanta tokkon isin gaafadha. Isin yoo naa deebistan, anis aangoo maaliitiin wantoota kana akkan hojjedhu isinitti nan hima: 25  Cuuphaan Yohaannis maddi isaa eessa irraa ti? Samii irraa moo nama irraa ti?” Isaan garuu akkana jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban: “‘Samii irraa ti’ yoo jenne, ‘Maaliif isa hin amanne ree?’+ nuun jedha. 26  ‘Nama biraa ti’ yoo jenne garuu, namoonni hundi Yohaannisiin akka raajiitti waan ilaalaniif isaan sodaanna.” 27  Kanaafuu isaan, “Hin beeknu” jedhanii Yesuusiif deebisan. Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Anis wantoota kana aangoo maaliitiin akkan hojjedhu isinitti hin himu. 28  “Maal isinitti fakkaata? Namichi tokko ijoollee lama qaba ture. Gara ilma isaa isa jalqabaa dhaqee, ‘Ilma koo, harʼa gara maasii wayinii dhaqii hojjedhu’ isaan jedhe. 29  Innis, ‘Hin dhaqu’ jedhee isaaf deebise; booda garuu gaabbee dhaqe. 30  Ilma isaa isa lammataa bira dhaqees akkanuma isaan jedhe. Innis, ‘Nan dhaqa, abbaa* koo’ jedhee isaaf deebise; garuu utuu hin dhaqin hafe. 31  Lamaan isaanii keessaa fedhii abbaa isaa kan raawwate isa kami?” Isaanis, “Isa jalqabaa ti” jedhan. Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Dhuguman isiniin jedha, warri qaraxa sassaabanii fi sagaagaltoonni isin dursanii Mootummaa Waaqayyootti galu. 32  Sababiin isaas, Yohaannis daandii qajeelummaa isinitti argisiisuuf dhufe; isin garuu isatti hin amanne. Haa taʼu malee, warri qaraxa sassaabanii fi sagaagaltoonni isatti amananiiru;+ isin garuu, kanuma ilaaltanii illee gaabbitanii isatti hin amanne. 33  “Fakkeenya kan biraa dhagaʼaa: Namni abbaa lafaa taʼe tokko jira ture; inni wayinii dhaabee+ naannoo isaatti dallaa ijaare; achiis boolla wayinii itti cuunfan qote; siree irra taaʼanii eeganis ni ijaare;+ sana booda maasii isaa kana qonnaan bultootaaf kireessee gara biyya fagoo dhaqe.+ 34  Waqtiin firii itti sassaaban yommuu gaʼu, gaʼee isaa akka isaaf fidaniif garboota isaa gara qonnaan bultoota sanaatti erge. 35  Qonnaan bultoonni sun garuu, garboota isaa qabanii isa tokko ni reeban,* isa tokko ni ajjeesan, isa tokko immoo dhagaadhaan tuman.+ 36  Ammas garboota warra jalqabaa irra caalan kan biroo erge; isaan garuu warra kanas akkanuma godhan.+ 37  Dhuma irrattis, ‘Ilma koo ni kabaju’ jedhee ilma isaa gara isaaniitti erge. 38  Qonnaan bultoonni sunis ilma isaa kana yommuu argan, ‘Dhaaltichi+ isa kana. Kottaa, isa ajjeesnee dhaala isaa fudhanna!’ waliin jedhan. 39  Kanaafuu, isaan isa qabanii maasii wayinichaa keessaa gad baasanii isa ajjeesan.+ 40  Maarree, abbaan maasii wayinichaa yommuu dhufu qonnaan bultoota sana maal godha?” 41  Isaanis akkana isaan jedhan: “Hamoota waan taʼaniif, badiisa guddaa* isaan irra geessisa; maasii wayinii isaas qonnaan bultoota kan biroo oomisha isaa yeroo isaatti isaaf kennanitti kireessa.” 42  Yesuusis akkana isaaniin jedhe: “Kitaabota Qulqulluu keessatti, ‘Dhagaan ijaartonni tuffatan, dhagaa golee isa hunda caalu*+ taʼe. Kun Yihowaa* biraa dhufe, ija keenyaafis dinqii dha’+ isa jedhu matumaa hin dubbisnee? 43  Mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba firii isaa godhatuuf ni kennama kanan isiniin jedhus kanaafi. 44  Kana malees, namni dhagaa kana irratti kufu ni caccaba.+ Namni dhagichi isa irratti kufu kam iyyuu ni hurraaʼa.”+ 45  Dura buutonni lubootaa fi Fariisonni fakkeenya isaa kana yommuu dhagaʼan, inni waaʼee isaanii dubbachaa akka jiru hubatan.+ 46  Isa qabuu barbaadanii kan turan taʼus, namoonni hedduun sun akka raajiitti+ waan isa ilaalaniif isaan sodaatan.

Miiljaleewwan

Ykn., “dasoo.”
Ykn., “Dheeka.”
Kal., “gooftaa.”
Jechuunis, ni dhaanan.
Ykn., “hamaa.”
Kal., “mataa golee.”