Wangeela Maatewos 9:1-38
9 Kanaafuu, Yesuus bidiruu yaabbatee galaanicha gamatti ceʼuudhaan gara magaalaa isaa*+ dhaqe.
2 Yeroo kanatti isaan nama lamshaaʼee siree irra ciise tokko gara isaatti fidan. Yesuus amantii namoota kanaa ilaalee, namicha lamshaaʼe sanaan, “Jabaadhu ilma koo! Cubbuun kee siif dhiifameera”+ jedhe.
3 Yeroo kanatti barsiisonni seeraa tokko tokko, “Namni kun Waaqayyoon arrabsaa jira” jedhanii yaadan.
4 Yesuusis yaada isaanii hubatee akkana jedhe: “Garaa keessanitti maaliif wanta hamaa yaaddu?+
5 ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo, ‘Kaʼiitii deemi’ jechuutu salphata?+
6 Haa taʼu malee, Ilmi namaa lafa irratti dhiifama cubbuu gochuuf aangoo qabaachuu isaa akka hubattaniif” erga jedhee booda, namicha lamshaaʼe sanaan, “Kaʼiitii siree kee baadhuu gara mana kee deemi!”+ jedhe.
7 Namichis kaʼee gara mana isaa deeme.
8 Namoonni hedduun sunis wanta kana yommuu argan, baayʼee sodaatanii Waaqa isa namootaaf aangoo akkanaa kenneef ulfina kennan.
9 Sana booda Yesuus bakka sanaa kaʼee utuu deemaa jiruu, namicha Maatewos jedhamu tokko bakka qaraxni itti sassaabamu utuu taaʼuu argee, “Duuka buutuu koo taʼi!” isaan jedhe. Yeroo kanatti inni kaʼee isa duukaa buʼe.+
10 Boodas, Yesuus mana Maatewositti utuu maaddiitti dhihaatee jiruu, namoonni qaraxa sassaabanii fi cubbamoonni hedduun dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaachuu* jalqaban.+
11 Fariisonni garuu yommuu kana argan, barattoota isaatiin, “Barsiisaan keessan maaliif warra qaraxa sassaabanii fi cubbamootaa wajjin nyaata?”+ jedhan.
12 Yesuus wanta isaan jedhan dhagaʼee akkana jedhe: “Namoota dhukkubsataniif malee, namoota fayyaadhaaf ogeessi fayyaa hin barbaachisu.+
13 Kanaafuu dhaqaa, ‘Ani aarsaa utuu hin taʼin gara laafinan barbaada’+ jechuun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Sababiin isaas, ani qajeelota utuu hin taʼin, cubbamoota waamuufan dhufe.”
14 Sana booda barattoonni Yohaannis gara isaa dhufanii, “Nutii fi Fariisonni kan soomnu, barattoonni kee garuu kan hin soomne maaliifi?”+ jedhanii isa gaafatan.
15 Yeroo kanatti Yesuus akkana isaaniin jedhe: “Michoonni misirrichaa utuu misirrichi+ isaanii wajjin jiruu sababii itti gaddan qabuu? Garuu guyyaan misirrichi isaan irraa itti fudhatamu ni dhufa;+ isaan yeroo sana ni soomu.
16 Eenyu iyyuu uffata moofaa irratti erbee haaraa hin erbu; sababiin isaas, erbeen haaraan sun shushuntuuree uffata sana caalaatti tarsaasa.+
17 Yookiin namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Akkana yoo godhan garuu, qalqallichi dhoʼee daadhichi ni dhangalaʼa; qalqalloon sunis sana booda faayidaadhaa ala taʼa. Haa taʼu malee, namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo haaraatti naqu; akka kanaan lamaanuu yeroo dheeraa turu.”
18 Utuu inni wanta kana isaanitti himaa jiruu, bulchaan tokko gara isaa dhufee erga isaaf sagadee booda, “Intalli too yoona duuteetti; garuu kottuutii harka kee ishii irra kaaʼi; ishiinis deebitee jiraatti”+ isaan jedhe.
19 Kanaafuu, Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin namicha duukaa buʼe.
20 Yeroo kanatti dubartiin dhiigni ishii dhangalaʼuudhaan+ waggaa 12f dhiphachaa turte tokko duuba isaatiin dhuftee fiixee uffata isaa tuqxe;+
21 ishiin garaa ishiitti, “Ani uffata isaa qofa yoon tuqe illee nan fayya” jettee yaadaa turte.
22 Yesuus of irra garagalee ishii ilaalee, “Intala too, jabaadhu! Amantiin kee si fayyiseera”+ ishiidhaan jedhe. Dubartiin sunis saʼaatii sanaa kaasee ni fayyite.+
23 Yeroo mana bulchaa sanaa gaʼus, namoota ulullee afuufanii fi namoota wacaa jiran hedduu arge;+
24 Yesuus, “Mee gad baʼaa; intalattiin rafaa jirti+ malee hin duune” jedhe. Yeroo kanatti qoosaadhaan isatti kolfuu jalqaban.
25 Akkuma namoonni sun gad baafamaniin, gara manaatti seenee harka ishii qabe;+ intalattiinis ol kaate.+
26 Oduun isaas guutummaa naannoo sanaatti babalʼate.
27 Yesuus achii kaʼee utuu deemaa jiruu, namoonni qaro dhabeeyyii taʼan lama,+ “Yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi” jedhanii iyyaa isa duukaa buʼan.
28 Mana tokko erga seenee boodas, namoonni qaro dhabeeyyiin sun gara isaa dhufan; Yesuusis, “Kana gochuu akkan dandaʼu ni amantuu?”+ jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa” jedhanii isaaf deebisan.
29 Achiis ija isaanii qaqqabee,+ “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedhe.
30 Ijji isaaniis ni baname. Yesuusis, “Eenyu iyyuu dhimma kana akka hin beekne of eeggadhaa!”+ jedhee cimsee isaan akeekkachiise.
31 Isaan garuu erga manaa baʼanii booda, waaʼee isaa naannoo sana hundumaatti odeessan.
32 Isaan yommuu achii deemanis, jarri tokko nama arrabni isaa hidhamee fi jinniidhaan qabame+ tokko gara isaatti fidan;
33 jinniin sun erga isa keessaa baʼee booda, namichi arrabni isaa hidhame sun dubbachuu jalqabe.+ Namoonni hedduun sunis baayʼee dinqisiifatanii, “Wanti akkanaa matumaa Israaʼel keessatti mulʼatee hin beeku”+ jedhan.
34 Fariisonni garuu, “Inni jinniiwwan kan baasu, gargaarsa bulchaa jinniiwwaniitiini” jedhu turan.+
35 Yesuus, manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, misiraachoo Mootummichaa lallabaa, akkasumas dhukkuba akaakuu hundumaa fi dhibee akaakuu hundumaa fayyisaa magaalotaa fi gandeen hunda keessa naannaʼe.+
36 Namoota hedduu sana yommuu argu, baayʼee isaaniif gadde;+ sababiin isaas, isaan akka hoolota tiksee hin qabneetti+ cunqurfamanii fi dagatamanii* turan.
37 Achiis barattoota isaatiin akkana jedhe: “Eeyyee, hojiin makarichaa guddaa dha, hojjettoonni garuu muraasa.+
38 Kanaafuu, Gooftaan makarichaa, hojjettoota gara makara isaatti akka ergu kadhadhaa.”+
Miiljaleewwan
^ Jechuunis, Qifirnaahom ishii Yesuus yeroo Galiilaa keessatti tajaajilaa turetti yeroo baayʼee keessa taaʼaa ture.
^ Ykn., “maaddiitti dhihaachuu.”
^ Kal., “gogaan isaanii irraa baafamee fi gatamanii.”