Miikiyaas 6:1-16
6 Maaloo, wanta Yihowaan jedhu dhagaʼaa.
Kaʼaa, gaarota duratti dhimma seeraa keessan dhiheeffadhaa,Tabbawwanis sagalee keessan haa dhagaʼan.+
2 Yaa gaarota nana, yaa hundeewwan lafaa warri ciccimoo taatan,Falmii seeraa Yihowaa dhagaʼaa,+Sababiin isaas, Yihowaan saba isaa wajjin falmii seeraa qaba;Inni saba Israaʼeliin ni falma:+
3 “Yaa saba koo, maalan si godhe?
Akkamittan si dadhabsiise?+
Mee ragaa na irratti baʼi.
4 Ani biyya Gibxii keessaa si baaseera,+Mana garbummaa jalaas si fureera;+Musee, Aaronii fi Miiriyaamiin+ si dura ergeera.
5 Gochawwan qajeelummaa Yihowaa beekuu akka dandeessuuf,Yaa saba koo, maaloo, yaada Baalaaq mootiin Moʼaab dhiheessee+ fiDeebii Balaʼaam ilmi Be’or isaaf kenne,+Wanta Shitiim+ irraa kaasee hamma Gilgaalitti+ raawwatame yaadadhu.”
6 Ani maal fudhadheen Yihowaa duratti dhihaadha?
Maal fudhadheen Waaqa isa ol gubbaa jiru duratti sagada?
Aarsaawwan guutummaatti gubamanii fiJabbiiwwan waggaa tokkoo qabadhee isa duratti dhihaadhuu?+
7 Yihowaan korbeeyyii hoolaa kumaan lakkaaʼamanitti,Zayitii safartuu guguddaa kuma kudhaniin lakkaaʼamutti ni gammadaa?+
Ani fincila kootiif ilma koo isa angafaa,Cubbuu kootiifis* firii qaama kootii kennuu?+
8 Yaa namaa, inni wanta gaarii taʼe sitti himeera.
Yihowaan maal si irraa* barbaada?
Haqa* akka raawwattu,+ amanamummaa akka jaallattu,*+Gad of qabuudhaan*+ Waaqa kee wajjin akka deddeebitu qofa mitii?+
9 Sagaleen Yihowaa magaalattii ni waama;Warri ogummaa qaban maqaa kee ni sodaatu.
Ulee sanaa fi isa isa ramade sanaaf xiyyeeffannaa kennaa.+
10 Mana nama jalʼaa keessa qabeenyi jalʼinaan argamee fiSafartuun eefaa* hirʼuun inni jibbisiisaa taʼe amma iyyuu jiraa?
11 Ani madaallii jalʼaa fiDhagaa madaallii sobaa utuun harkaa qabuu karaa naamusaa qulqulluu taʼuu nan dandaʼaa?+
12 Sababiin isaas, namoonni ishii warri sooreyyiin jeequmsaan guutamaniiru;Jiraattonni ishii soba dubbatu;+Arrabni isaaniis gowwoomsituu dha.+
13 “Kanaafuu, ani si rukutee sin madeessa,+Cubbuu keetiin kan kaʼes ona sin godha.
14 Ati ni nyaatta, garuu hin quuftu;Keessi kee duwwaa ni taʼa.+
Wanta fudhattu eeggattee turfachuu hin dandeessu,Wanta ati eeggattee turfatte immoo goraadeetti dabarsee nan kenna.
15 Sanyii ni facaafatta, garuu midhaan hin galfattu.
Zayitii baafachuuf firii ejersaa ni dhidhiitta, garuu zayitii isaatti hin fayyadamtu;Daadhii wayinii haaraa ni qopheeffatta, garuu daadhii wayinii hin dhugdu.+
16 Sababiin isaas, ati dambiiwwan Omrii fi gocha mana Ahaab hundumaa ni hordofta,+Akka gorsa isaaniittis ni deddeebita.
Ani, siin wanta sodaachisu,Jiraattota ishii immoo wanta itti siiqsamu kanan godhu kanaafi;+Ati qoosaa sabootaa ni baatta.”+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “lubbuu kootiifis.”
^ Ykn., “Humna kee beektee.”
^ Ykn., “jaalala keetiin gaarummaa akka argisiistuu fi amanamaa akka taatu.” Kal., “jaalala amanamaa akka jaallattu.”
^ Ykn., “Wanta sirrii.”
^ Ykn., “maal deebistee akka isaaf kennitu.”
^ Kutaa Dabalataa B14 ilaali.