Miilkiyaas 4:1-6

  • Guyyaa Yihowaa dura Eeliyaas ni dhufa (1-6)

    • “Aduun qajeelummaa ni baati” (2)

4  “Kunoo, guyyaan akka iddoo ibiddaatti bobaʼu ni dhufa;+ guyyaa sanatti namoonni of tuulanii fi namoonni hammina raawwatan hundi akka galabaa ni taʼu. Isaan guyyaa dhufu sanatti dhugumaan ni balleeffamu; hiddis taʼe dameen isaaniif hin hafu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  “Isin warra maqaa kootiif ulfina kennitaniif* garuu aduun qajeelummaa ni baati, carallaan* ishiis isin fayyisa; isinis akkuma jabbilee coccoomootti ni burraaqxu.”  “Isin hamoota miila keessan jalatti ni dhidhiittu; sababiin isaas, isaan guyyaa ani tarkaanfii fudhadhutti akkuma biyyoo faana miila keessanii jala jiruu ni taʼu” jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.  “Seera tajaajilaa koo Musee, jechuunis dambiiwwanii fi heeraawwan ani Israaʼelonni hundi akka eeganiif Horeebitti ajaje sana yaadadhaa.+  “Kunoo, ani guyyaan Yihowaa inni guddaanii fi sodaachisaan dhufuu isaa dura+ Eeliyaas raajicha+ gara keessanitti nan erga.  Innis ani dhufee lafa rukutuudhaan guutummaatti akka ishii hin balleessineef, garaa abbootii gara ilmaaniitti,+ garaa ilmaaniis gara abbootiitti ni deebisa.”

Miiljaleewwan

Kal., “maqaa koo sodaattaniif.”
Kal., “qoochoon.”