Naahom 1:1-15

  • Waaqayyo diinota isaa irratti haaloo baʼa (1-7)

    • Waaqni guutummaatti akka isaaf bulan barbaada (2)

    • Yihowaan warra isatti kooluu galan beeka (7)

  • Nanawween guutummaatti balleeffamti (8-14)

    • Dhiphinni yeroo lammataatiif hin dhufu (9)

  • Misiraachoo Yihudaadhaaf labsame (15)

1  Murtii Nanawwee irratti dabarfame:+ Kitaaba mulʼataa Naahom* Eelqooshichaa:   Yihowaan Waaqa guutummaatti akka isaaf bulan barbaaduu fi haaloo baʼu dha;+Yihowaan haaloo ni baʼa, dheekkamsa isaa ibsuufis qophaaʼaa dha.+ Yihowaan diinota isaa irratti haaloo ni baʼa,Hamajaajota isaatiifis dheekkamsa walitti ni qaba.   Yihowaan aariidhaaf suuta kan jedhuu+ fi humna guddaa kan qabu dha,+Taʼus Yihowaan adaba barbaachisu kennuu irraa matumaa duubatti hin jedhu.+ Daandiin isaa bubbee fi obomboleettii badiisa geessisu keessa jira,Duumessoonnis akkuma awwaara miila isaa jala jiruu ti.+   Inni galaana ni ifata,+ ni gogsas;Lageen hundi akka goganis ni godha.+ Baashaanii fi Qarmeelos ni coolligu,+Daraaraawwan Libaanonis ni coolligu.   Sababa isaatiin gaaronni ni sochoʼu,Tabbawwanis ni baqu.+ Laftis fuula isaatiin kan kaʼe,Biyyattii fi warra ishii keessa jiraatan hundumaa wajjin ni jeeqamti.+   Dheekkamsa isaa dura eenyutu dhaabbachuu dandaʼa?+ Aarii isaa isa guddaa eenyutu dandamachuu dandaʼa?+ Dheekkamsi isaa akka ibiddaatti ni dhangalaʼa,Qarsaawwanis isaan kan kaʼe ni caccabu.   Yihowaan gaarii dha,+ guyyaa dhiphinaattis dahoo dha.+ Inni warra isatti kooluu galan ni beeka.*+   Inni lolaa haree sokkuun iddoo ishii* guutummaatti ni balleessa,Diinota isaas dukkanni ni hordofa.   Isin Yihowaa irratti maal karoorfattu? Inni guutummaatti isin ni balleessa. Dhiphinni siʼa lammaffaadhaaf hin kaʼu.+ 10  Isaan akkuma qoreetti wal xaxaniiru,Isaan akkuma warra dhugaatii alkooliitiin* machaaʼanii ti;Taʼus akkuma galabaa gogaatti ni gubatu. 11  Si keessaa inni gorsa gatii hin qabne kennuudhaanYihowaa irratti waan hamaa qopheessu ni kaʼa. 12  Yihowaan akkana jedha: “Isaan jabina guutuu kan qabanii fi hedduu yoo taʼan illee,Ni kutamu, ni duʼus.* Ani si* adabeera, kana booda garuu si hin adabu. 13  Ani waanjoo isaa si irraa nan cabsa,+Hidhaa kees bakka lamatti nan kuta. 14  Yihowaan waaʼee kee* akkana jedhee ajaja dabarseera: ‘Maqaan kee kana booda itti hin fufu. Mana* waaqolii kee keessaa fakkiiwwan bocamanii fi siidaawwan sibiilaa* nan balleessa. Ati tuffatamaa waan taateef, awwaala siif nan qopheessa.’ 15  Kunoo, miilli nama misiraachoo fiduu,Kan isa nagaa labsu+ sanaa gaarota irra jira. Yaa Yihudaa, ayyaanota kee kabaji,+ wareega kees raawwadhu,Sababiin isaas, inni gatii hin qabne sun lammata si keessa hin darbu. Inni guutummaatti ni balleeffama.”

Miiljaleewwan

“Jajjabina kan Kennu” jechuu dha.
Ykn., “ni kunuunsa.”
Jechuunis, Nanawwee.
Ykn., “dhugaatii qamadii irraa tolfameen.”
Ykn tarii, “innis keessa ni darba.”
Jechuunis Yihudaa.
Jechuunis Asoor.
Ykn., “Mana qulqullummaa.”
Ykn., “siidaawwan baqfamanii tolfaman.”