Nahimiyaa 11:1-36

  • Yerusaalem deebitee namootaan ni guutamte (1-36)

11  Yeroo kanatti bulchitoonni sabichaa Yerusaalem keessa jiraatu turan;+ namoonni kaan garuu namoota kudhan keessaa namni tokko achi keessa akka jiraatuuf gara Yerusaalem ishii magaalaa qulqulluu taatetti fiduuf, akkasumas warri hafan salgan kaan immoo magaalota kaan keessa akka jiraataniif carraa ni buufatan.+  Sabichis namoota Yerusaalem keessa jiraachuuf fedhii qaban hundumaa ni eebbise.  Dura buutonni koonyaa warri Yerusaalem keessa jiraatan kanneen kana turan. (Israaʼelonni kaan, luboonni, Leewwonni, tajaajiltoonni mana qulqullummaa*+ fi ilmaan tajaajiltoota Solomoon+ magaalota Yihudaa keessa, jechuunis tokkoon tokkoon isaanii magaalota isaanii keessa dhaala isaanii irra ni jiraatan.+  Namoonni Yihudaa fi Biiniyaam tokko tokkos Yerusaalem keessa ni jiraatu turan.) Namoota Yihudaa keessaa, Ataayaa ilma Ooziyaa, ilma Zakkaariyaas, ilma Amaariyaa, ilma Shefaatiyaa, ilma Mahaalaalel isa ilmaan Faares+ keessaa tokko taʼe,  akkasumas Maaʼaaseyaa ilma Baaruk, ilma Kolhozee, ilma Hazaayaa, ilma Adaayaa, ilma Yoyaariib, ilma Zakkaariyaas, sanyii Sheelaa.  Ilmaan Faares warri Yerusaalem keessa jiraatan walumaa galatti namoota gaʼumsa qaban 468 turan.  Kanneen kun namoota Biiniyaam turan: Saaluu+ ilma Meshulaam, ilma Yooʼed, ilma Pedaayaa, ilma Qolaayaa, ilma Maaʼaaseyaa, ilma Itiʼeel, ilma Yeshaayaa,  isa booda immoo Gaabaayii fi Saalaay, walumaa galatti namoota 928;  Yooʼel ilmi Zikrii ilaaltuu ol aanaa isaanii ture; Yihudaan ilmi Hasnuʼaa immoo ajajaa lammaffaa magaalattii ture. 10  Luboota keessaa: Yedaayaa ilma Yoyaariib, Yaakiin,+ 11  Seraayaa ilma Hilqiyaa, ilma Meshulaam, ilma Saadoq, ilma Meraayoot, ilma Ahixuub+ isa geggeessaa mana* Waaqa dhugaa taʼe, 12  akkasumas obboloota isaanii warra hojii manichaa hojjetanii turan, walumaa galatti namoota 822; kana malees, Adaayaa ilma Yerohaam, ilma Pelaaliyaa, ilma Amzii, ilma Zakkaariyaas, ilma Paashuur,+ ilma Maalkiyaa, 13  akkasumas obboloota isaa warra dura buutota manneen abbootii taʼan, walumaa galatti namoota 242; kana malees, Amaashisaay ilma Azaarel, ilma Ahzaay, ilma Meshilemoot, ilma Iimer, 14  akkasumas obboloota isaanii warra namoota jajjaboo fi onnatoo taʼan, walumaa galatti namoota 128; Zaabdiʼel inni miseensa maatii beekamaa taʼe immoo ilaaltuu ol aanaa isaanii ture. 15  Leewwota keessaa: Shemaayaa+ ilma Hashuub, ilma Azriqaam, ilma Hashaabiyaa, ilma Bunii, 16  akkasumas Shaabetaayii+ fi Yozaabaad+ warra dura buutota Leewwotaa keessaa taʼanii fi mana Waaqa dhugaa wajjin haala wal qabateen hojii isa alaa irratti itti gaafatamummaa qaban; 17  kana malees, Maataaniyaa+ ilma Miikiyaas, ilma Zaabdii, ilma Asaaf+ isa geggeessaa faarfannichaa taʼee fi galata yeroo kadhannaatti dhihaatu geggeessu,+ Baaqbuqiyaa isa obboloota isaa keessaa lammaffaa taʼe, akkasumas Abdaa ilma Shaamuʼaa, ilma Gaalaal, ilma Yedutuun.+ 18  Leewwonni magaalaa qulqulluu keessa turan, walumaa galatti namoota 284 turan. 19  Karra eegdota kan turan Aquubii fi Taalmoon,+ akkasumas obboloota isaanii warra karrawwan irratti eegaa turan, walumaa galatti namoota 172 turan. 20  Israaʼelonni kaan, luboonnii fi Leewwonni magaalota Yihudaa hundumaa kaan keessa, jechuunis tokkoon tokkoon isaanii lafa dhaalan* irra jiraatu turan. 21  Tajaajiltoonni mana qulqullummaa*+ Ofeel+ keessa jiraachaa turan; Zihaa fi Gishpaan immoo ajajjoota tajaajiltoota mana qulqullummaa* turan. 22  Uuziin ilmi Baanii, ilmi Hashaabiyaa, ilmi Maataaniyaa,+ ilmi Miikaa inni ilmaan Asaaf warra faarfattoota taʼan keessaa tokko taʼe, Leewwota Yerusaalem keessa jiran irratti ilaaltuu ol aanaa ture; hojii mana Waaqa dhugaatti hojjetamu irrattis ajajaa ture. 23  Mootichi isaaniin ilaalchisee ajaja kennee ture;+ wanta guyyaa guyyaadhaan isaan barbaachisu akka argataniifis qophiin dhaabbataa taʼe faarfattootaaf godhamee ture. 24  Dhimma sabicha ilaallatu hundumaa ilaalchisee ilmaan Zeeraa isa ilma Yihudaa taʼe keessaa Petaahiyaan ilmi Meshezaabel gorsituu mootichaa* ture. 25  Gandeen sun maasiiwwan isaanii wajjin kanneen kana turan: Namoonni Yihudaa muraasni Qiriyaat Arbaa+ fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa, Diboonii fi magaalota ishii jalatti argaman keessa, Yaaqaabzeʼelii+ fi gandeen ishii keessa, 26  Yeshuwaa keessa, Molaadaa+ keessa, Beet Paalet+ keessa, 27  Hazaar Shuʼaal+ keessa, Ber Sheebaa fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa, 28  Siqlaag+ keessa, Mekoonaa fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa, 29  Een Rimoon+ keessa, Zoraa+ keessa, akkasumas Yaarmut keessa, 30  Zaanoʼaa+ keessa, Adulaamii fi gandeen isaanii keessa, Laakiishii+ fi maasiiwwan ishii keessa, akkasumas Azeeqaa+ fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa jiraatan. Isaan Ber Sheebaadhaa hamma Sulula Hinoomitti+ ni buufatan. 31  Namoonni Biiniyaam Geebaa,+ Mikmaash, Aayi, Beetelii+ fi magaalota ishii jalatti* argaman keessa, 32  Anaatot,+ Noob,+ Anaaniyaa, 33  Hazoor, Raamaa,+ Gitaayim, 34  Hadiid, Zeboʼiim, Nebaalaax, 35  Loodii fi Onoo,+ akkasumas sulula namoota ogeeyyii harkaa taʼan keessa jiraatu turan. 36  Gareewwan Leewwotaa warri naannoo Yihudaatii dhufan tokko tokko naannoo Biiniyaamitti ramadaman.

Miiljaleewwan

Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoonni kennamanii.”
Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn., “dhaala isaanii.”
Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoonni kennaman.”
Ykn., “Naataaniim.” Kal., “namoota kennamanii.”
Kal., “harka mootichaa irra.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”
Ykn., “naannoo ishiitti.”