Nahimiyaa 8:1-18

  • Seerichi sabichaaf dubbifamee ibsame (1-12)

  • Ayyaanni Daasii ni kabajame (13-18)

8  Yeroo kanatti namoonni hundi tokko taʼanii addabaabayii Karra Bishaanii+ fuuldura jirutti walitti qabaman; achiis Izraan+ inni garagalchituu* taʼe kitaaba Seera Musee+ isa ajaja Yihowaan Israaʼeliif kenne+ qabate akka isaaniif fidu isa gaafatan.  Kanaafuu, Izraan lubichi jiʼa torbaffaa keessaa guyyaa isa tokkoffaatti+ Seericha gumii dhiirota, dubartootaa fi warra dhagaʼanii hubachuu dandaʼan of keessatti qabate duratti dhiheesse.+  Innis addabaabayii isa Karra Bishaanii fuuldura jiru duratti ganama bariidhaa jalqabee hamma guyyaa walakkaatti dhiirotaaf, dubartootaa fi warra hubachuu dandaʼan hundumaatiif sagalee isaa ol kaasee achi irraa ni dubbise;+ uummatichis kitaaba Seerichaa xiyyeeffannaadhaan ni dhaggeeffate.+  Izraan inni garagalchituu* taʼe, waltajjii mukaa isa yeroo kanaaf hojjetame irra dhaabbatee ture; Maataatiyaan, Sheemaan, Anaayaan, Uuriyaan, Hilqiyaanii fi Maaʼaaseyaan karaa mirga isaa isa bira dhaabbatanii kan turan yeroo taʼu, Pedaayaan, Mishaaʼel, Maalkiyaan,+ Hashuum, Hash Baadaanaan, Zakkaariyaasii fi Meshulaam immoo karaa bitaa isaa isa bira dhaabbatanii turan.  Izraan guutummaa sabichaatii olitti dhaabbaatee waan tureef, namoota sana hundumaa duratti kitaabicha ni bane. Yeroo inni kitaabicha banuttis, namoonni sun hundi kaʼanii dhaabbatan.  Achiis Izraan Yihowaa Waaqa dhugaa isa guddaa taʼe ni jajate; yeroo kanatti namoonni hundi, “Ameen!* Ameen!”+ jedhanii deebisan; achiis harka isaanii ol kaasan. Sana booda gad jedhanii adda isaaniitiin gombifamanii Yihowaadhaaf ni sagadan.  Namoonni sun utuma dhaabbatanii jiranii, Yeshuwaan, Baaniin, Sherebiyaan,+ Yaamiin, Aquub, Shaabetaay, Hodiyaan, Maaʼaaseyaan, Qeliixaan, Azaariyaan, Yozaabaad,+ Haanaanii fi Pelaayaan warri Leewwota taʼan namoota sanaaf Seericha ni ibsu turan.+  Isaanis kitaabicha irraa, jechuunis Seera Waaqa dhugaa irraa sagalee isaanii ol kaasanii dubbisuudhaan, karaa ifa taʼeen isaaniif ni ibsu, akkasumas hiika wanta dubbifame sanaa ifa isaaniif godhu turan; akka kanaan, isaan wanta dubbifame akka hubatan namoota sana ni gargaaran.+  Nahimiyaan inni yeroo sanatti bulchaa* ture, Izraan+ lubichi inni garagalchituu* taʼee fi Leewwonni warri sabicha barsiisan guutummaa sabichaatiin, “Guyyaan kun Waaqa keessan Yihowaadhaaf qulqulluu dha.+ Hin gaddinaa yookiin hin booʼinaa” jedhan. Akkana kan jedhan namoonni sun hundi dubbii Seerichaa yeroo dhagaʼanitti booʼaa waan turaniifi. 10  Innis, “Guyyaan kun Gooftaa keenyaaf qulqulluu waan taʼeef, dhaqaa, wantoota filatamoo* nyaadhaa; wanta miʼaawaa dhugaa; warra wanta qophaaʼe hin qabneefis nyaata ergaa;+ gammachuun Yihowaa dahoo* keessan waan taʼeef hin gaddinaa” isaaniin jedhe. 11  Leewwonnis, “Guyyaan kun qulqulluu waan taʼeef, calluma jedhaa, hin gaddinaa” jedhanii guutummaa sabichaa ni tasgabbeessu turan. 12  Guutummaan sabichaas wanta isatti himame waan hubateef,+ nyaachuuf, dhuguuf, warra kaaniif nyaata erguu fi baayʼee gammaduuf+ ni deeme. 13  Guyyaa lammaffaattis dura buutonni manneen abbootii guutummaa sabichaa, luboonnii fi Leewwonni dubbii Seerichaa ilaalchisee hubannaa dabalataa argachuuf, Izraa isa garagalchituu* taʼe biratti walitti qabaman. 14  Isaanis Seera Yihowaan karaa Musee ajaje keessatti, yaanni Israaʼelonni tibba ayyaana isa jiʼa torbaffaatti kabajamuutti daasii* keessa taaʼuu akka qaban ibsu barreeffamee argatan;+ 15  kana malees yaanni, “Akka Seerichi ajajutti, daasiiwwan hojjechuuf gara naannoo gaarotaa dhaqaatii mukeetii ejersaa, mukeetii gaattiraa, mukeetii hadaasii* fi mukeetii meexxii irraa, akkasumas mukeetii kan biroo irraa dameewwan baala qaban fidaa” jedhanii guutummaa magaalota isaaniitti, akkasumas guutummaa Yerusaalemitti labsii akka labsanii+ fi beeksisa akka himan ibsu barreeffamee argatan. 16  Kanaafuu, namoonni sun dhaqanii tokkoon tokkoon isaanii baaxii isaanii irratti, mooraawwan isaanii keessatti, mooraawwan mana Waaqa dhugaa+ keessatti, addabaabayii Karra Bishaanii+ keessattii fi addabaabayii Karra Efreem+ keessatti ofii isaaniitiif daasiiwwan hojjechuuf wantoota kana ni fidan. 17  Akka kanaan guutummaan gumii warra boojuudhaa deebiʼan qabate daasiiwwan hojjetee daasiiwwan sana keessa ni taaʼe; Israaʼelonni bara Iyyaasuu+ ilma Nuunii jalqabee hamma guyyaa sanaatti ayyaanicha akkanatti kabajanii waan hin beekneef gammachuu guddaatu taʼe.+ 18  Guyyaa jalqabaatii kaasee hamma guyyaa dhumaattis, guyyaa guyyaadhaan kitaaba Seera Waaqa dhugaa+ irraa ni dubbifama ture. Isaanis guyyaa torbaaf ayyaanicha ni kabajan; akkuma Seerichi ajajuttis guyyaa saddeettaffaatti walgaʼii qulqulluun ni godhame.+

Miiljaleewwan

Ykn., “barreessaa.”
Ykn., “barreessaa.”
Ykn., “Haa taʼu!”
Ykn., “barreessaa.”
Ykn., “Tirshaataan,” maqaa ulfinaa bulchaa koonyaa Faarsiif kennamu dha.
Kal., “coccoomoo.”
Ykn., “jabina.”
Ykn., “barreessaa.”
Ykn., “bakka yeroo muraasaaf keessa turan.”
Biqiltuu baalli isaa cululuquu fi abaaboo adii urgaaʼu qabu.