Obaadiyaa 1:1-21

  • Edoom ishiin of tuultu ni salphifamti (1-9)

  • Edoom Yaaqoob irratti hammina raawwate (10-14)

  • Guyyaan Yihowaa saboota hundumaa irratti dhufa (15, 16)

  • Manni Yaaqoob iddoo isaa duriitti deebifama (17-21)

    • Yaaqoob Edoomiin ni guba (18)

    • Mootummaan kan Yihowaa ni taʼa (21)

 Mulʼata Obaadiyaa:* Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan Edoomiin ilaalchisee akkana jedha:+ “Nuti gabaasa Yihowaa biraa dhufe tokko dhageenyeerra,Ergamaan tokko saboota gidduutti ergameera: ‘Kaʼaa, ishii waraanuuf haa qophoofnu.’”+   “Kunoo, ani saboota gidduutti homaatti kan hin lakkaaʼamne si godheera;Ati guutummaatti tuffatamteetta.+   Yaa isa dahoo kattaa keessa buufattu,Iddoo ol kaʼaa irra jiraattuu fi garaa keetti,‘Eenyutu gara lafaatti gad na buusa?’ jettu nana,Of tuulummaan garaa keetii si gowwoomseera.+   Ati iddoo jireenyaa kee akka risaatti yoo ol fageessite*Yookiin urjiilee gidduutti manʼee kee yoo ijaarratte iyyuu,Ani achii gad sin buusa” jedha Yihowaan.   “Hattoonni utuu sitti dhufanii, saamtonnis halkaniin utuu sitti dhufanii,(Guutummaatti akka balleeffamtu beekamaa dha!)* Isaan wantuma barbaadan qofa hatu mitii? Warri firii wayinii funaanan yoo sitti dhufan immoo,Qaarmii muraasa hin hambisanii?+   Esaawu akkam sakattaʼame! Qabeenyi isaa inni dhokfame akkam barbaadame!   Isaan gara daangaatti si ariʼaniiru. Warri hidhata kee taʼan* hundi si gowwoomsaniiru. Namoonni sii wajjin nagaa qaban si injifataniiru. Warri sii wajjin nyaata nyaachaa turan saaphana si jala kaaʼu,Ati garuu hin hubattu.”   Yihowaan akkana jedha:“Guyyaa sanatti, ani Edoom keessaa ogeeyyii,Naannoo gaarotaa Esaawu keessaas hubannaa hin balleessuu?+   Yaa Temaan,+ loltoonni kee ni hollatu,+Sababiin isaas, naannoo gaarotaa Esaawu keessa kan jiru hundi ni ajjeefama.+ 10  Hammina obboleessa kee Yaaqoob irratti raawwatameen kan kaʼe,+Qaaniin si haguuga,+Bara baraafis ni balleeffamta.+ 11  Guyyaa ati calluma jettee qarqara dhaabbatetti,Guyyaa namoonni biyya ormaa raayyaa isaa boojuudhaan fudhatanitti,+Yommuu namoonni biyya ormaa karra isaatti ol seenanii Yerusaalem irratti carraa buufatanitti,+Ati akkuma isaanii gooteetta. 12  Ati guyyaa obboleessa kee wanti hamaan mudatetti gammaduu hin qabdu turte,+Guyyaa sabni Yihudaa itti badanitti ililchuu hin qabdu turte,+Guyyaa dhiphinaa isaaniittis of tuulummaadhaan dubbachuu hin qabdu turte. 13  Guyyaa badiisa isaaniitti gara karra saba kootii dhufuu hin qabdu turte,+Rakkina guyyaa badiisa isaatti isa irra gaʼetti gammaduu hin qabdu turte,Akkasumas, guyyaa badiisa isaatti qabeenya isaa tuquu hin qabdu turte.+ 14  Namoota isaa warra miliqan ajjeesuuf daandii qaxxaamuraa irra dhaabbachuu hin qabdu turte,+Guyyaa badiisaatti namoota isaa warra lubbuudhaan oolan dabarsitee kennuu hin qabdu turte.+ 15  Guyyaan Yihowaan saboota hundumaa irratti itti dhufu gaʼeera.+ Akkuma ati goote si irratti ni godhama.+ Wanti ati warra kaan irratti gochaa turte mataa kee irratti ni deebiʼa. 16  Akkuma ati tulluu koo isa qulqulluu irratti dhugde,Saboonni hundis utuu wal irraa hin kutin dhuguu isaanii itti fufu.+ Isaan xuruursanii ni dhugu,Akkuma waan kanaan dura hin jiraannees ni taʼu. 17  Warri miliqan garuu Gaara Xiyoon irra ni jiraatu,+Innis qulqulluu ni taʼa;+Manni Yaaqoobis wanta kan isaanii taʼe ni dhaalu.+ 18  Manni Yaaqoob ibidda,Manni Yoseef labooba,Manni Esaawu immoo akka galabaa ni taʼa;Isaan gubanii isaan ni fixu,Mana Esaawu keessaas kan oolu hin jiraatu,+Sababiin isaas, Yihowaan kana dubbateera. 19  Isaan Negeebii fi naannoo gaarotaa Esaawu,Shefelaa fi biyya Filisxeemotaa ni dhaalu.+ Isaan lafa Efreemii fi lafa Samaariyaa ni dhaalu,+Biiniyaamis Giiliyaadiin ni dhaala. 20  Lafti Kanaʼaanotaa hamma Saraaptaatti+ kan warra dallaa ittisaa kana keessaa boojuudhaan fudhatamanii,+Jechuunis kan saba Israaʼel ni taʼa. Warri Yerusaalem keessaa boojiʼamanii fi Sefaaraad keessa turan magaalota Negeeb+ ni dhaalu. 21  Warri isaan oolchan naannoo gaarotaa Esaawu irratti murtii dabarsuuf,+Gara Gaara Xiyoonitti ol ni baʼu,Mootummaan kan Yihowaa ni taʼa.”+

Miiljaleewwan

“Tajaajilaa Yihowaa” jechuu dha.
Ykn tarii, “Ati ol fagaattee yoo barriste.”
Ykn tarii, “Isaan badiisa hammamii geessisu laata?”
Ykn., “Warri sii wajjin kakuu galan.”