Xalayaa Warra Qolosaayisiif Barreeffame 3:1-25
3 Haa taʼu malee, isin Kiristoosii wajjin duʼaa kan kaatan erga taʼee,+ wantoota samii irra, jechuunis mirga Waaqayyoo bakka Kiristoos taaʼe+ jiran barbaaduu keessan itti fufaa.
2 Sammuun keessan wantoota lafa irra jiran irratti utuu hin taʼin,+ wantoota samii irra jiran irratti akka xiyyeeffatu godhaa.+
3 Sababiin isaas, isin duutaniittu; jireenyi keessanis Kiristoos isa Waaqayyoo wajjin tokkummaa qabuu wajjin dhokfameera.
4 Kiristoos inni jireenya keenya taʼe+ yommuu mulʼifamu, isinis isaa wajjin ulfinaan ni mulʼifamtu.+
5 Kanaafuu, kutaawwan qaama keessanii+ warra lafa irraa ajjeesaa; isaanis halalummaa,* xuraaʼummaa, fedhii saalqunnamtii toʼannaa hin qabne,+ hawwii hamaa fi sassata isa waaqolii tolfamoo waaqeffachuu taʼe dha.
6 Sababii wantoota kanaatiin dheekkamsi Waaqayyoo ni dhufa.
7 Isinis akkaataa jireenyaa keessan isa duraa keessatti wantoota akkasii raawwachaa* turtan.+
8 Amma garuu dheekkamsa, aarii, hamminaa+ fi arrabsoo+ hundumaa of irraa fageessaa; dubbiin nama qaanessus+ afaan keessan keessaa hin baʼin.
9 Wal hin sobinaa.+ Namummaa* moofaa gochawwan isaa wajjin of irraa baasaa gataa;+
10 namummaa haaraa isa akka fakkaattii uumaa isaatti+ beekumsa sirriidhaan haareffamaa deemu sana uffadhaa;+
11 isa keessas Giriikiin yookiin Yihudiin, dhaqna kan qabate yookiin dhaqna kan hin qabanne, ormi, Iskutees,* garbichi yookiin namni bilisa taʼe hin jiru; Kiristoos garuu waan hundumaa ti, hundumaa keessa jiras.+
12 Kanaafuu, isin warra Waaqayyoof filatamtan,+ qulqullootaa fi jaallatamoo waan taataniif, gara laafina garaadhaa madde,+ gaarummaa, gad of qabuu,+ garraamummaa+ fi obsa+ uffadhaa.
13 Namni tokko sababii nama kan biraa itti komatu yoo qabaate illee,+ wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.+ Akkuma Yihowaan* tola isiniif dhiise, isinis tola waliif dhiisaa.+
14 Wantoota kana hundumaa malees, jaalala uffadhaa;+ sababiin isaas, jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha.+
15 Kana malees, akka qaama tokkootti nagaa sanaaf waan waamamtaniif, nagaan Kiristoos garaa keessan keessatti haa moʼu.*+ Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.
16 Dubbiin Kiristoos ogummaa hundumaan baayʼinaan isin keessa haa jiraatu. Faarfannaadhaan,+ jajannaa Waaqayyoof dhihaatuun, faarfannaa hafuuraa galateeffannaadhaan faarfatamuun wal barsiisuu fi wal jajjabeessuu* keessan itti fufaa; garaa keessanitti Yihowaadhaaf* faarfadhaa.+
17 Wanta dubbattanis taʼe wanta hojjettan kam iyyuu karaa Yesuus Waaqayyo Abbaa galateeffachaa, wanta hundumaa maqaa Gooftaa Yesuusiin hojjedhaa.+
18 Isin haadhotiin manaa, Gooftaa duratti fudhatama waan qabuuf, abbootii manaa keessaniif bitamaa.+
19 Isin abbootiin manaa, haadhotii manaa keessan jaallachuu keessan itti fufaa,+ garmalees isaanitti hin dheekkaminaa.*+
20 Isin ijoolleen, waan hundumaatiin warra keessaniif ajajamaa;+ kun Gooftaa kan gammachiisu dha.
21 Isin abbootiin, hamileen isaanii akka hin cabneef,* ijoollee keessan hin aarsinaa.+
22 Isin garboonnis namoota gammachiisuuf jecha yeroo isaan isin ilaalanitti qofa* utuu hin taʼin, garaa qulqulluu fi Yihowaa* sodaachuudhaan waan hundumaatiin gooftolii keessaniif ajajamaa.+
23 Wanta hojjettan hunda, akka namootaaf hojjettanitti utuu hin taʼin, akka Yihowaadhaaf* hojjettanitti lubbuu* guutuudhaan hojjedhaa;+
24 sababiin isaas, isin dhaala keessan Yihowaa* biraa akka badhaasaatti akka argattan beektu.+ Kiristoos Goofticha akka garbaatti tajaajilaa.
25 Namni balleessaa hojjetu, balleessaa hojjeteef gatii isaa akka argatu beekamaa dha;+ Waaqayyo hin loogu.+
Miiljaleewwan
^ Afaan Giriikiitiin poorniyaa. Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Ykn., “akkasitti deddeebiʼaa.”
^ Kal., “nama.”
^ “Iskutees” nama qaroomina hin qabne argisiisa.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “garaa keessan haa toʼatu.”
^ Ykn., “gorsuu.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “hin hammaatinaa.”
^ Ykn., “abdii akka isaan hin kutanneef.”
^ Kal., “akka warra namoota gammachiisuuf jecha ija ilaallachaa hojjetaniitti.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ibsa Jechootaa ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.