Warra Roomaatiif 11:1-36
11 Kanaafuu, ‘Waaqayyo saba isaa dhiiseeraa?’+ jedheen gaafadha. Matumaa! Ani iyyuu nama Israaʼel, sanyii Abrahaam, gosa Biiniyaam keessaa dhalate dha.
2 Waaqayyo saba isaa warra dursee beeke hin dhiisne.+ Eeliyaas Waaqayyo duratti Israaʼelota himachuu isaa ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhu hin beektanii?
3 “Yaa Yihowaa,* isaan raajota kee ajjeesaniiru, iddoowwan aarsaa kee diiganiiru, anuma qofatu hafe; amma immoo lubbuu koo balleessuuf yaalaa jiru.”+
4 Haa taʼu malee, deebiin Waaqayyo isaaf kenne maal ture? “Ani namoota Baʼaaliif hin jilbeenfanne 7,000 qaba.”+
5 Haaluma wal fakkaatuun, yeroo ammaattis namoonni gaarummaa guddaadhaan filatamanii hafan jiru.+
6 Filannaan kun gaarummaa guddaadhaan erga taʼee,+ hojiidhaan taʼuun isaa hafeera jechuu dha;+ utuu hojiidhaan taʼee gaarummaa guddaan gaarummaa guddaa taʼuun isaa ni hafa ture.
7 Egaa maal jechuu dandeenya ree? Israaʼelonni wanta cimsanii barbaadan sana hin arganne; warri filataman garuu argataniiru.+ Warri kaan garuu miirri isaanii ni hadoode;+
8 kunis akkuma, “Ijji isaanii akka hin arginee fi gurri isaanii akka hin dhageenyeef, Waaqayyo hamma guyyaa harʼaatti+ hafuura hirriba cimaa isaanitti buuse”+ jedhamee barreeffametti dha.
9 Daawitis akkana jedheera: “Maaddiin isaanii qamaaxira,* kiyyoo, gufuu fi adaba isaanitti haa taʼu.
10 Arguu akka hin dandeenyeef, ijji isaanii haa dukkanaaʼu; dugdi isaaniis yeroo hundumaa haa goophatu.”+
11 Kanaafuu ani, ‘Isaan kan gufatan, guutummaatti kufanii akka hafaniifii?’ jedheen gaafadha. Matumaa! Isaan seera waan cabsaniif saboota kaaniif fayyinni ni dhufe; kunis kan taʼe Israaʼelota hinaaffaadhaaf kakaasuufi.+
12 Egaa seera cabsuun isaanii addunyaadhaaf eebba erga fidee fi hirʼachuun isaanii saboota kaaniif eebba erga argamsiisee,+ lakkoofsi isaanii guutuun isaa immoo hangam eebba guddaa fida ree?
13 Amma immoo isin warra saboota kaan keessaa dhuftanittan dubbadha. Ani saboota kaaniif ergamaa waanan taʼeef,+ tajaajila koo nan kabaja;+
14 kana kanan godhus, saba* koo hinaaffaadhaaf kakaasee isaan keessaa tokko tokko akka fayyan gochuufi.
15 Gatamuun isaanii+ addunyaadhaaf araara erga argamsiisee, fudhatama argachuun isaanii caalaatti duʼa irraa gara jireenyaatti hin fiduu ree?
16 Kana malees, gar tokkoon bukoo akka firii jalqabaatti dhihaate qulqulluu yoo taʼe, guutummaan bukichaas qulqulluu dha; akkasumas, hiddi isaa qulqulluu taanaan dameewwan isaas qulqulluu dha.
17 Haa taʼu malee, dameewwan tokko tokko yoo caccabanii fi ati immoo utuma ejersa bosonaa taatee jirtuu isaan gidduutti maxxanfamtee eebba hidda ejersichaa irraa argamu irraa yoo hirmaatte,
18 dameewwan sana irratti of hin jajin. Yoo isaan irratti of jajje garuu,+ hidda sanatu si baata malee ati hidda sana akka hin baanne yaadadhu.
19 Ati, “Dameewwan kan caccaban ani iddoo isaaniitti akkan maxxanfamuufi”+ jetta taʼa.
20 Kun dhugaa dha! Isaan amantii dhabuu isaaniitiin caccabaniiru,+ ati garuu amantiidhaan dhaabbatteetta.+ Egaa, sodaadhu malee of hin tuulin.
21 Waaqayyo dameewwan uumamaatiif erga hin hillee siifis hin hilu.
22 Kanaafuu, gaarummaa+ fi gara jabina Waaqayyoo yaadi. Waaqayyo warra kufan irratti ni jabaata;+ ati garuu gaarummaa isaa keessa yoo jiraatte, gaarummaa isaa sitti argisiisa; taʼuu baannaan atis muramtee gatamta.
23 Isaanis akkuma amantii dhabanitti yoo itti fufuu baatan, Waaqayyo deebisee iddoo isaaniitti isaan maxxansuu waan dandaʼuuf, deebiʼanii ni maxxanfamu.+
24 Ati muka ejersaa isa uumamaan muka bosonaa taʼe irraa muramtee, karaa uumamaan ala taʼeen muka ejersaa qeʼeetti erga maxxanfamtee, warri dameewwan uumamaa taʼan kun hoo deebiʼanii muka ejersaa isaaniitti hin maxxanfamanii ree?
25 Yaa obbolootaa, ogeeyyii akka taatanitti akka of hin ilaalleef, waaʼee iccitii qulqulluu kanaa utuu hin beekin akka haftan hin barbaadu:+ Hanga lakkoofsi namoota saboota kaan keessaa dhufanii guututti miirri Israaʼelota tokko tokkoo ni hadoode;
26 akka kanaan Israaʼel hundi+ ni fayya. Kunis akkuma akkana jedhamee barreeffametti dha: “Fayyisaan Xiyoon keessaa ni baʼa,+ ilmaan Yaaqoobis gocha hamminaa isaanii akka dhiisan ni godha.
27 Cubbuu isaanii ergan isaaniif dhiisee boodas,+ isaanii wajjin kakuu kana nan gala.”+
28 Dhugaa dha, isaan misiraachichaa wajjin haala wal qabateen, faayidaa keessaniif diinota taʼaniiru; filannaa Waaqayyoo wajjin haala wal qabateen garuu, sababii abbootii isaaniitiin Waaqayyo biratti jaallatamoo taʼaniiru.+
29 Sababiin isaas, Waaqayyo kennaa fi waamicha isaatti hin gaabbu.
30 Akkuma isin warra Waaqayyoof hin ajajamne kan turtan taʼus,+ amma sababii ajajamuu diduu isaaniitiin+ gara laafina argattan,+
31 Yihudoonni utuu hin ajajamin hafuu isaaniitiin Waaqayyo gara laafina isinitti argisiiseera; kanaafuu, amma isaanittis gara laafina argisiisuu dandaʼa.
32 Sababiin isaas, Waaqayyo hunda isaaniitti gara laafina argisiisuuf,+ hunda isaanii ajajamuu diduu keessatti hidhe.+
33 Badhaadhinni, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha! Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu, karaan isaas bira gaʼamuu hin dandaʼu!
34 Sababiin isaas, “Eenyutu yaada Yihowaa* beeke? Yookiin eenyutu gorsituu isaa taʼe?”+
35 Yookiin, “akka inni isaaf deebisuuf, jalqaba eenyutu waa isaaf kenne?”+
36 Sababiin isaas, wanti hundi isa biraa fi isaan argame, akkasumas isaaf jiraata. Isaaf bara baraaf ulfinni haa taʼu. Ameen.
Miiljaleewwan
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kun gosa kiyyoo ti.
^ Kal., “foon.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.