Warra Roomaatiif 6:1-23
6 Egaa, maal jechuu dandeenya ree? Gaarummaan Waaqayyoo inni guddaan akka baayʼatuuf cubbuu hojjechuu keenya itti fufuu qabnaa?
2 Matumaa! Cubbuudhaaf waan duuneef,+ kana booda akkamitti cubbuu keessa jiraachuu keenya itti fufna?+
3 Yookiin warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi,+ gara duʼa isaatti akka cuuphamne hin beektanii?+
4 Kanaafuu, gara duʼa isaatti cuuphamuudhaan isaa wajjin awwaalamneerra;+ akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin duʼaa kaafame, nutis jireenya haaraa jiraanna.+
5 Duʼa akka isaa duʼuudhaan isaa wajjin tokkummaa yoo qabaanne,+ duʼaa kaʼuu akka isaa argachuudhaanis isaa wajjin tokkummaa akka qabaannu beekamaa dha.+
6 Qaamni keenya inni cubbamaan nu irratti humna akka hin qabaannee+ fi nuti kana booda garboota cubbuu akka hin taaneef,+ namummaan keenya inni moofaan isaa wajjin muka irratti akka fannifame beekna.+
7 Sababiin isaas, namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera.*
8 Kana malees, Kiristoosii wajjin yoo duune isaa wajjin akka jiraannu ni amanna.
9 Kiristoos amma duʼaa akka kaafame,+ kana boodas akka hin duune beekna;+ duuti kana booda isa irratti gooftummaa hin qabu.
10 Inni yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha cubbuudhaaf* duʼeera;+ jireenya amma jiraatu garuu Waaqayyoof jiraachaa jira.
11 Haaluma wal fakkaatuun, isinis cubbuudhaaf akka duutan, garuu immoo karaa Kiristoos Yesuus Waaqayyoof jiraachaa akka jirtan godhaa of ilaalaa.+
12 Kanaafuu, isin kajeellaa fooniitiif akka hin ajajamneef, cubbuun qaama keessan isa duʼu+ irratti mootii taʼuu isaa akka itti fufu hin heyyaminaa.
13 Akkasumas qaama* keessan cubbuudhaaf meeshaa jalʼinaa gootanii hin dhiheessinaa; kanaa mannaa, akka warra duʼaa kaafamaniitti Waaqayyoof of dhiheessaa; qaama* keessanis meeshaa qajeelinaa godhaatii Waaqayyoof dhiheessaa.+
14 Isin seera jala utuu hin taʼin,+ gaarummaa guddaa jala waan jirtaniif,+ cubbuun isin irratti gooftaa taʼuu hin qabu.
15 Egaa maal jechuu dandeenya ree? Seera jala utuu hin taʼin, gaarummaa guddaa jala waan jirruuf cubbuu hojjechuu qabnaa?+ Matumaa!
16 Nama kamiif iyyuu akka garbichaatti ajajamuuf yoo of dhiheessitan, nama ajajamtan sanaaf garbicha akka taatan hin beektanii?+ Kanaafuu, isin cubbuu+ isa gara duʼaatti+ geessuuf yookiin ajajamuu isa gara qajeelummaatti geessuuf garboota dha.
17 Haa taʼu malee, cubbuudhaaf garboota kan turtan yoo taʼe iyyuu, amma barumsa isinitti kenname sanaaf garaadhaa waan ajajamtaniif Waaqayyoof galanni haa gaʼu.
18 Eeyyee, cubbuu irraa bilisa waan baataniif,+ qajeelummaadhaaf garboota taataniittu.+
19 Foon keessan dadhabaa waan taʼeef, jechoota namoonni hubataniinan dubbadha; akkuma kutaawwan qaama keessanii xuraaʼummaa fi jalʼina isa jalʼina hojjechuutti geessuuf garboota gootanii dhiheessitan, amma immoo kutaawwan qaama keessanii qajeelummaa isa gara qulqullummaatti geessuuf garboota godhaa dhiheessaa.+
20 Sababiin isaas, yeroo garboota cubbuu turtanitti, qajeelummaa jala hin turre.
21 Yeroo sanatti firii akkamii godhattu turtan? Firii amma itti qaanoftan godhattu turtan. Sababiin isaas, dhumni wantoota sanaa duʼa dha.+
22 Haa taʼu malee, amma cubbuu irraa bilisa baatanii Waaqayyoof garboota waan taataniif, daandii qulqullummaa irratti firii godhachaa jirtu;+ kunis dhumni isaa jireenya bara baraa ti.+
23 Mindaan cubbuun kaffalu duʼa dha;+ kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus+ jireenya bara baraa ti.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “hiikameera; dhiifama argateera.”
^ Jechuunis, cubbuu balleessuuf.
^ Ykn., “kutaawwan qaamaa.”
^ Ykn., “kutaawwan qaamaa.”