Ruut 2:1-23

  • Ruut maasii Boʼaaz irraa qaarmii funaannatte (1-3)

  • Ruutii fi Boʼaaz wal argan (4-16)

  • Ruut waaʼee gaarummaa Boʼaaz Naaʼomiitti himte (17-23)

2  Naaʼomiin karaa abbaa manaa ishii fira baayʼee sooressa taʼe tokko qabdi turte; maqaan namichaa Boʼaaz+ yeroo taʼu, innis fira Eliimeleek ture.  Ruut ishiin nama biyya Moʼaab taate Naaʼomiidhaan, “Mee maaloo gara maasii* dhaqeen, nama faara naa tolu biraa qaarmii funaannadha”+ jette. Naaʼomiinis, “Dhaqi, yaa intala too” ishiidhaan jette.  Yeroo kanatti ishiin baatee warra midhaan haaman duubaan maasii keessaa qaarmii funaannachuu jalqabde. Akkuma carraa taʼees gara maasii Boʼaaz+ isa fira Eliimeleek+ taʼee dhaqxe.  Boʼaazis yeruma sana Beetaliheemii dhufee warra midhaan haaman sanaan, “Yihowaan isinii wajjin haa taʼu” jedhe. Isaanis, “Yihowaan si haa eebbisu” jedhanii isaaf deebisan.  Achiis Boʼaaz dargaggeessa itti gaafatamaa warra midhaan haamanii taʼe sana, “Intalli tun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate.  Dargaggeessi itti gaafatamaa warra midhaan haamanii taʼe sunis akkana jedhee isaaf deebise: “Intalattiin nama biyya Moʼaab+ ishii Naaʼomii wajjin biyya Moʼaabii dhufte sana dha.+  Ishiin, ‘Maaloo, mataa midhaanii* haamtonni bira darban funaannadhuu?’+ jettee na gaafatte. Xinnoo boqochuuf amma daasii keessa taaʼuu ishii irraan kan hafe, ganama erga dhuftee jalqabee hamma ammaatti takkaa gad hin teenye.”  Achiis Boʼaaz Ruutiin akkana jedhe: “Dhagaʼi, yaa intala too. Qaarmii funaannachuuf gara maasii kan biraa hin dhaqin; bakka kan biraa eessa iyyuu hin dhaqin; hojjettoota koo warra durbaa irraa hin fagaatin.+  Maasii isaan keessaa haaman ilaaliitii isaanii wajjin deemi. Dargaggoonni kun akka si hin tuqne* ani isaan ajajeera. Yommuu dheebottu gara hubboo* bishaanii dhaqiitii isa dargaggoonni waraaban sana keessaa dhugi.” 10  Yeroo kanatti ishiin adda ishiitiin lafatti gombifamtee sagaduudhaan, “Ani nama biyya ormaa+ taʼee utuun jiruu, ija kee duratti ulfina kanan argadhee fi xiyyeeffannaa kan naaf kennite akkamitti?” isaan jette. 11  Boʼaazis akkana jedhee deebiseef: “Abbaan manaa kee erga duʼee booda wanta amaatii keetiif goote hundumaa, gara saba kanaan dura hin beeknee deemuuf jettee akkamitti abbaa kee, haadha tee fi firoottan kee dhiistee akka baates guutummaatti dhagaʼeera.+ 12  Wanta ati gooteef Yihowaan si haa kiisu;+ Yihowaan Waaqni Israaʼel inni ati qoochoo* isaa jalatti dahoo argachuuf gara isaa dhufte+ gatii kee guutummaatti* siif haa kennu.” 13  Ishiinis deebistee, “Ani tajaajiltoota kee keessaa tokko taʼuu baadhus, yaa gooftaa koo, waan na jajjabeessitee fi karaa nama jajjabeessuun ana* tajaajiltuu teetti waan dubbatteef, yeroo hundumaa ija kee duratti ulfina akkan argadhu godhi” jette. 14  Yeroo nyaanni dhihaatetti Boʼaaz, “As kottuutii daabboo xinnoo nyaadhu, cuunfaa wayinii isa dhangaggaaʼaattis cuuphadhu” ishiidhaan jedhe. Kanaafuu, ishiin warra midhaan haaman bira teesse. Innis akaayii ishiidhaaf kenne; ishiinis erga nyaattee quuftee booda hammi taʼe ishii irraa ni hafe. 15  Yommuu ishiin qaarmii funaanuuf kaatu,+ Boʼaaz akkana jedhee dargaggoota sana ajaje: “Mataa midhaanii* isa haamame irraa illee haa funaannattu; ishii hin rakkisinaa.+ 16  Bissii* hidhame keessaa mataa midhaanii luqqisaatii akka ishiin funaannattuuf dhiisaafii; ishii dhowwuufis homaa hin dubbatinaa.” 17  Kanaan kan kaʼes, ishiin hamma galgalaatti qaarmii funaanuu ishii itti fufte.+ Garbuu funaannatte sanas yommuu cagaddu, gara eefaa* tokkoo taʼe. 18  Achiis midhaanicha fudhattee gara magaalattii seente; amaatiin ishiis qaarmii ishiin funaannatte ni argite. Ruut nyaata nyaattee erga quuftee booda irraa hafe+ sana baastee ishiidhaaf kennite. 19  Yeroo kanatti amaatiin ishii, “Harʼa eessaa qaarmii funaannatte? Eessa hojjechaa oolte? Inni xiyyeeffannaa siif kenne haa eebbifamu”+ ishiidhaan jette. Ishiinis, “Namichi ani harʼa biraa hojjechaa oole maqaan isaa Boʼaaz jedhama” jechuudhaan eenyu biraa hojjechaa akka oolte amaatii ishiitti himte. 20  Yeroo kanatti Naaʼomiin haadha manaa ilma ishiitiin, “Yihowaan inni jaalala isaa isa amanamaa warra jiranittis taʼe warra duʼanitti argisiisuu+ hin dhiisne isa haa eebbisu” jette. Naaʼomiin itti fufuudhaan, “Namichi fira keenya+ isa nu furuuf* mirga qabu dha”+ jette. 21  Sana booda Ruut ishiin nama biyya Moʼaab taate, “Namichi, ‘Hanga isaan midhaan koo hundumaa haamanii fixanitti hojjettoota koo irraa addaan hin baʼin’+ naan jedheera” jette. 22  Naaʼomiinis haadha manaa ilma ishii Ruutiin, “Yaa intala too, gara maasii nama kan biraa dhaqxee balaadhaaf saaxilamuu mannaa, hojjettoota isaa warra durbaa wajjin taʼuu sii wayya” jette. 23  Kanaafuu, ishiin hanga haamaan garbuu+ fi haamaan qamadii xumuramutti hojjettoota Boʼaaz warra durbaa irraa addaan utuu hin baʼin qaarmii funaannatte. Amaatii ishii wajjin jiraachuu ishiis itti fufte.+

Miiljaleewwan

Ykn., “oyiruu.”
Ykn tarii, “bissii.”
Ykn., “si hin rakkisne.”
Ykn., “okkotee.”
Ykn., “badhaasa guutuu.”
Jechuunis, goflaa.
Kal., “garaa.”
Ykn tarii, “bissii.”
Jechuunis, nadoo ykn ladoo.
Eefaan tokko gara 22 L ti. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Fira rakkina keessaa bitee baasuuf mirga qabu argisiisa.