Ruut 4:1-22

  • Boʼaaz deebisee bituuf tarkaanfii fudhate (1-12)

  • Yoobeed Boʼaazii fi Ruut irraa dhalate (13-17)

  • Hidda dhalootaa Daawit (18-22)

4  Boʼaazis gara karra magaalattiitti+ ol baʼee achi taaʼe. Yeroo kanatti namichi dubartittii akka furu Boʼaaz dubbatee ture+ sun achiin darbaa ture. Boʼaazis, “Yaa abalu, as kottu; taaʼi mee” isaan jedhe. Innis dhaqee taaʼe.  Achiis Boʼaaz jaarsolii magaalattii+ kudhan fidee, “As taaʼaa” isaaniin jedhe. Isaanis ni taaʼan.  Yeroo kanatti Boʼaaz namicha furu+ sanaan akkana jedhe: “Naaʼomiin ishiin biyya Moʼaabii+ deebite maasii obboleessa keenya Eliimeleek+ ni gurgurti.  Kanaafuu, akkana jedhee dhimma kana si beeksisuufan yaade: ‘Namoota as jiraatanii fi jaarsolii saba keenyaa kana duratti laficha bitadhu.+ Bitachuu yoo barbaadde bitadhu. Bitachuu hin barbaaddu taanaan garuu, bitachuuf jalqaba mirga kan qabu siʼi, sitti aansee immoo ana waan taʼeef na beeksisi.’” Namichis, “Bitachuu nan barbaada”+ jedhee deebise.  Achiis Boʼaaz, “Guyyaa Naaʼomii irraa laficha bitattutti, dhaalli isaa maqaa namicha duʼe sanaatiin akka waamamuuf, Ruut nama biyya Moʼaab ishii haadha manaa namicha duʼe sanaa taate irraas bitachuu qabda”+ isaan jedhe.  Namichi furu sunis akkana jedhe: “Dhaala koo na dhabsiisuu waan dandaʼuuf, ani furuu hin dandaʼu. Ani furuu waan hin dandeenyeef, mirga ani furuuf qabutti fayyadamiitii ofii keetiif furi.”  Bara duriitti Israaʼel keessatti mirga furuuf qabanis taʼe mirga sana dabarsanii kennuu isaanii raggaasisuuf sirni itti hojjetamu kana ture: Namni tokko kophee isaa of irraa baasee+ namicha isa kan biraadhaaf kenna; Israaʼel keessatti walii galteen* kan mirkaneeffamu akka kanatti ture.  Kanaafuu, namichi furu sun Boʼaaziin, “Ati ofii keetiif bitadhu” jechuudhaan kophee isaa of irraa baase.  Achiis Boʼaaz jaarsolii fi namoota sana hundaan akkana jedhe: “Ani wanta kan Eliimeleek, kan Kiiliyoonii fi kan Maahiloon taʼe hundumaa Naaʼomii irraa bitachuu kootiif harʼa isin ragoota dha.+ 10  Kana malees, maqaan namicha duʼe sanaa obboloota isaa fi namoota magaalattii* gidduudhaa akka hin badnetti dhaalli isaa maqaa namicha duʼe sanaatiin akka waamamuuf,+ Ruut nama biyya Moʼaab ishii haadha manaa Maahiloon taate haadha manaa godhadhee fudhadheera. Isin harʼa ragoota dha.”+ 11  Yeroo kanatti namoonni karra magaalattii keessa jiran hundii fi jaarsoliin sun akkana jedhan: “Nuti ragoota dha! Yihowaan haadha manaa ishii gara mana keetti seentu tana akka Raahelii fi akka Liyaa warra manni Israaʼel irraa argame sanaa haa godhu. Atis Efraataa keessatti sooressa taʼi; Beetaliheem keessattis maqaa gaarii qabaadhu. 12  Sanyii Yihowaan karaa dubartii tanaa siif kennuun, manni kee akkuma mana Faares isa Taamaar Yihudaadhaaf deesse sanaa haa taʼu.” 13  Kanaafuu, Boʼaaz Ruutiin ofitti fudhate, ishiinis haadha manaa isaa taate. Innis ishii wajjin saalqunnamtii raawwate; ishiinis eebba Yihowaatiin ulfooftee ilma deesse. 14  Achiis dubartoonni Naaʼomiidhaan akkana jedhan: “Yihowaan inni harʼa nama si furu si hin dhabsiisne haa jajamu. Maqaan daaʼima kanaas Israaʼel keessatti haa labsamu! 15  Inni kan dhalate haadha manaa ilma keetii ishii si jaallattuu fi ilmaan torba irra siif caaltu sana irraa waan taʼeef, jireenya* kee siif haaromseera; bara dullumaa keettis si gargaara.” 16  Naaʼomiin mucicha fuutee hammatte; isa kunuunsuus ni jalqabde.* 17  Dubartoonni ollaa ishiis maqaa isaaf ni baasan. “Ilmi Naaʼomiidhaaf dhalateera” jechuudhaan maqaa isaa Yoobeed jedhanii moggaasan. Inni abbaa Issey isa abbaa Daawit taʼee ti. 18  Hiddi dhalootaa* Faares kana dha: Faares Hesrooniin dhalche; 19  Hesroon Raamiin dhalche; Raam Aminaadaabiin dhalche; 20  Aminaadaab Naʼaasooniin dhalche; Naʼaasoon Salmooniin dhalche; 21  Salmoon Boʼaaziin dhalche; Boʼaaz Yoobeediin dhalche; 22  Yoobeed Isseyiin dhalche; Issey immoo Daawitiin dhalche.

Miiljaleewwan

Ykn., “jechi ragaa.”
Kal., “karra magaalattii mana isaa.”
Ykn., “lubbuu.”
Ykn., “guddiftuu isaa taate.”
Kal., “dhaloonni.”