Sefaaniyaa 1:1-18

  • Guyyaan murtii Yihowaa dhihaateera (1-18)

    • Guyyaan Yihowaa saffisaan dhufaa jira (14)

    • Meetii fi warqiin nama hin oolchu (18)

1  Bara Yosiyaas+ ilma Amoon+ mootii Yihudaatti, dubbiin Yihowaa gara Sefaaniyaa* ilma Kuushii ilma Gedaaliyaa ilma Amaariyaa ilma Hisqiyaas dhufe isa kana:   “Ani wanta hundumaa guutummaatti lafa irraa haxaaʼee nan balleessa” jedha Yihowaan.+   “Ani namaa fi horii haxaaʼee nan balleessa. Simbirroota samii fi qurxummii galaanaa,Akkasumas gufuuwwan* sana+ hamootaa wajjin haxaaʼee nan balleessa;+Ilmaan namootaas lafa irraa nan balleessa” jedha Yihowaan.   “Ani Yihudaa irrattii fiJiraattota Yerusaalem hundumaa irratti harka koo nan diriirsa,Iddoo kana irraas hambaa* Baʼaal hundumaa,+Maqaa luboota waaqa biyya ormaas luboota sanaa wajjin haxaaʼee nan balleessa;+   Akkasumas warra baaxii irratti raayyaa samiitiif sagadan,+Warra utuma Yihowaadhaaf sagadanii, isaaf amanamoo taʼuufis utuma waadaa galanii+ Maalkaamiif amanamoo taʼuuf waadaa galan,+   Warra Yihowaa duukaa buʼuu irraa garagalanii+ fiYihowaa hin barbaaddanne yookiin isa hin gaafanne+ haxaaʼee nan balleessa.”   Guyyaan Yihowaa waan dhihaateef, Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa duratti calluma jedhaa.+ Yihowaan aarsaa tokko qopheesseera; warra affeeres qulqulleesseera.   “Guyyaa aarsaa Yihowaatti bulchitoonni,Ilmaan mootichaa+ fi warri uffata biyya ormaa uffatan hundi akka itti gaafataman nan godha.   Guyyaa sanatti namoonni waltajjii* irra baʼan hundi,Warri mana gooftaa isaanii jalʼinaa fi gowwoomsaadhaan guutan akka itti gaafataman nan godha.” 10  Yihowaan akkana jedha:“Guyyaa sanatti Karra Qurxummii keessaa sagaleen iyyaa,+Kutaa magaalattii Isa Lammaffaa keessaa sagaleen booʼichaa,+Tabbawwan irraas sagaleen jeequmsa guddaa ni dhagaʼama. 11  Isin jiraattonni Maaktesh* booʼaa,Sababiin isaas, daldaltoonni hundi balleeffamaniiru;*Warri meetii madaalan hundi balleeffamaniiru. 12  Yeroo sanatti ani Yerusaalemiin ibsaatti fayyadamee of eeggannoodhaan nan sakattaʼa,Warri dantaa hin qabne,* warri garaa isaaniitti,‘Yihowaan gaariis taʼe hamaa hin godhu’ jedhan akka itti gaafataman nan godha.+ 13  Qabeenyi isaanii ni saamama, manneen isaaniis ni balleeffamu.+ Isaan manneen ni ijaarratu, garuu keessa hin jiraatan;Mukeetii wayinii ni dhaabu, garuu daadhii wayinii hin dhugan.+ 14  Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhihaateera!+ Inni dhihoo dha, saffisa guddaadhaan dhihaachaa* jira!+ Sagaleen guyyaa Yihowaa sodaachisaa dha.+ Yeroo sanatti loltuun ni iyya.+ 15  Guyyaan sun guyyaa dheekkamsaa,+Guyyaa dhiphinaa fi guyyaa yaaddoo,+Guyyaa obomboleettii fi guyyaa badiisaa,Guyyaa dukkanaa fi guyyaa dimimmisaa,+Guyyaa duumessaa fi guyyaa dukkana cimaa ti.+ 16  Guyyaa magaalota dallaa dhagaa qabanii fi masaraawwan dhedheeroo golee irra jiran irratti+Sagaleen xurumbaa* fi iyyi waraanaa itti dhagaʼamu+ dha. 17  Ani namoonni akka dhiphatan nan godha,Isaanis akka namoota ijji isaanii jaameetti ni deemu,+Sababiin isaas, isaan cubbuu kan hojjetan Yihowaa irratti dha.+ Dhiigni isaanii akkuma biyyootti,Marʼimaan* isaaniis akkuma faandootti ni dhangalaʼa.+ 18  Guyyaa dheekkamsa Yihowaatti meetiin isaaniis taʼe warqiin isaanii isaan oolchuu hin dandaʼu;+Guutummaan lafaa ibidda hinaaffaa isaatiin ni gubatti,+Inni jiraattota lafaa hundumaa irratti badiisa, eeyyee, badiisa suukanneessaa taʼe ni fida.”+

Miiljaleewwan

“Yihowaan ni Dhoksa (Iddoo Guddaa ni Kenna)” jechuu dha.
Miʼawwan ykn gochawwan waaqeffannaa sobaa wajjin wal qabatan taʼuu hin oolan.
Ykn., “faana.”
Ykn., “oobdii.” Waltajjii teessoo mootichaa kan argisiisu taʼuu hin oolu.
Kutaa Yerusaalem isa Karra Qurxummii bira jiru taʼuu hin oolu.
Kal., “callisiifamaniiru.”
Kal., “Warri siicoo isaanii irratti ititan,” akkuma waan miʼa wayinii keessa jiraniitti.
Ykn., “akka malee jarjaraa.”
Ykn., “fiinoo,” jechuunis, xurumbaa gaanfa irraa hojjetamu.
Ykn., “Foon.”