Tiitoodhaaf 3:1-15

  • Karaa sirrii taʼeen bitamuu (1-3)

  • Hojii gaariidhaaf qophaaʼuu (4-8)

  • Falmii gowwummaa fi garee amantii babalʼisuu irraa fagaachuu (9-11)

  • Qajeelfama Tiitoodhaaf kennamee fi nagaa dhaamame (12-15)

3  Mootummootaa fi abbootii taayitaatiif+ akka bitamanii fi akka ajajaman, akkasumas hojii gaarii hundumaatiif kan qophaaʼan akka taʼan isaan yaadachiisuu kee itti fufi;  kana malees, maqaa namootaa kan hin balleessine, lola kan hin jaallannee fi yaada ofiitti kan hin cichine,+ akkasumas namoota hundatti garraamummaa hundumaa kan argisiisan akka taʼan isaan yaadachiisi.+  Nuti iyyuu duraan hubannaa kan hin qabne, kan hin ajajamne, karaa irraa kan maqfamne, hawwii fi gammachuu adda addaatiif kan garboomne, yeroo hunda hammina kan hojjennuu fi kan hinaafnu, akkasumas jibbisiisoo fi kan wal jibbinu turre.  Haa taʼu malee, gaarummaan Waaqa+ keenya isa Fayyisaa keenya taʼe sanaa fi jaalalli inni ilmaan namootaatiif qabu yommuu mulʼifamu  (kun kan taʼe inni gara laafessa waan taʼeef malee, hojii qajeelinaa nuti hojjenneen miti),+ inni dhiqannaa isa jireenya nuuf argamsiise+ sanaan, akkasumas hafuura qulqulluudhaan haaraa nu godhee nu fayyiseera.+  Hafuura kanas karaa Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoos baayʼinaan* nu irratti dhangalaaseera;+  kana kan godhes, gaarummaa isaa isa guddaadhaan+ qajeelota erga jedhamnee booda, akka abdii jireenya bara baraa+ nuuf kenname sanaatti dhaaltota akka taanuufi.+  Dubbiin kun amanamaa dha; namoonni Waaqayyotti amanan sammuun isaanii hojii gaarii hojjechuu irratti akka xiyyeeffatu gochuu akka dandaʼaniif, dhimmawwan kana jabeessitee akka dubbattu nan barbaada. Wantoonni kun gaarii fi namootaaf faayidaa kan argamsiisani dha.  Haa taʼu malee, falmii gowwummaa, hidda dhalootaa lakkaaʼuu, akkasumas Seericha irratti wal falmuu fi wal loluu irraa fagaadhu; sababiin isaas, wantoonni kun buʼaas taʼe gatii hin qaban.+ 10  Nama garee amantii babalʼisu,+ siʼa tokko gorsi,* siʼa lammaffaas gorsi;+ yoo dhagaʼuu dide immoo isa irraa fagaadhu;+ 11  namni akkanaa daandicha irraa kan jalʼate, cubbuu hojjechaa kan jiruu fi kan ofitti murteesse taʼuu isaa beeki. 12  Yeroo gannaa Niqopholiisitti dabarsuuf waanan murteesseef, Arxemaasiin yookiin Tikiqoosiin+ yommuun gara keetti ergu, gara koo dhufuuf wanta sii dandaʼame hunda godhi; 13  Zenaas inni Seericha akka gaariitti beekuu fi Apholos wanta karaadhaaf isaan barbaachisu akka hin dhabne isaan gargaari.+ 14  Namoonni keenyas yeroo gargaarsi ariifachiisaan barbaachisutti gargaarsa kennuuf+ hojii gaarii hojjechuu haa baratan; kunis isaan buʼaa* kan hin qabne akka hin taaneefi.+ 15  Warri anaa wajjin jiran hundi nagaa siif dhaamaniiru. Obboloota keenya warra nu jaallatanitti nagaa naa himi. Gaarummaa guddaan hunda keessanii wajjin haa taʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “arjummaadhaan.”
Ykn., “akeekkachiisi.”
Kal., “firii.”