Uumama 18:1-33

  • Maleekonni sadii Abrahaam bira dhufan (1-8)

  • Saaraan ilma akka deessu waadaan ni galameef; ishiin ni kolfite (9-15)

  • Abrahaam Sodoomiif ni kadhate (16-33)

18  Abrahaam guyyicha keessaa yeroo baayʼee hoʼaa taʼetti, balbala dunkaanichaa bira taaʼee utuu jiruu, Yihowaan+ mukeetii guguddaa Maamree+ gidduutti isatti mulʼate.  Ol jedhee yommuu ilaalus, namoonni sadii xinnuma isa irraa fagaatanii dhaabbachuu isaanii arge.+ Yommuu isaan argus, balbala dunkaanichaa biraa kaʼee isaan simachuuf ni fiige; lafatti gombifamees ni sagade.  Achiis akkana jedhe: “Yaa Yihowaa, si duratti fudhatama argadheera yoon taʼe, maaloo, ana tajaajilaa kee bira hin darbin.  Maaloo, bishaan xinnoon isiniif haa dhufu, miila keessan dhiqadhaa;+ achiis mukicha jalatti boqodhaa.  Isin as gara ana tajaajilaa keessanii dhuftaniittu; humna keessan akka haareffattaniif* daabboo xinnoon isiniif fida. Achiis karaa keessan itti fufuu dandeessu.” Isaanis, “Tole, akkuma jette godhi” isaan jedhan.  Kanaafuu, Abrahaam saffisaan gara dunkaana Saaraan keessa jirtu sanaa deemee, “Dafi, daakuu bullaaʼaa safartuu* sadii fuudhii bukeessiitii bixxillee tolchi” ishiidhaan jedhe.  Achiis Abrahaam gara looniitti fiigee jibicha baʼeessa foon isaa lallaafu tokko filate. Achiis tajaajilaa isaatti kenne; innis jibicha sana dafee qopheesse.  Sana booda inni dhadhaa fi aannan, akkasumas jibicha qopheesse sana fuudhee nyaaticha isaaniif dhiheesse. Yommuu isaan nyaatanis inni mukicha jala isaan bira dhaabbatee ture.+  Isaanis, “Haati manaa tee Saaraan+ eessa jirti?” isaan jedhan. Innis, “As dunkaana keessa jirti” jedhee isaaniif deebise. 10  Isaan keessaa inni tokkos itti fufuudhaan, “Ani waggaa dhufu yeroo kanatti dhugumaan gara keetti nan deebiʼa; kunoo, haati manaa tee Saaraan ilma ni deessi”+ jedhe. Yeroo kanatti Saaraan balbala dunkaanichaa isa namicha duubaan jiru bira taatee dhaggeeffachaa turte. 11  Abrahaamii fi Saaraan dulloomanii, umuriin isaaniis sokkee ture.+ Umuriin Saaraan mucaa itti daʼuu dandeessus darbee ture.*+ 12  Kanaafuu Saaraan, “Erga umuriin koo sokkee fi gooftaan koos erga dulloomee booda dhuguma gammachuu kana argachuu nan dandaʼaa?”+ jettee garaa ishiitti kolfuu jalqabde. 13  Achiis Yihowaan Abrahaamiin akkana jedhe: “Saaraan, ‘Ani ergan dulloomee booda dhuguma daʼuu nan dandaʼaa?’ jettee maaliif kolfite? 14  Wanti Yihowaadhaaf hin dandaʼamne jiraa?+ Ani waggaa dhufu yeroo murteeffame kanatti gara keetti nan deebiʼa; Saaraanis ilma ni deessi.” 15  Saaraan garuu waan sodaatteef, “Ani hin kolfine!” jettee haalte.* Yeroo kanatti inni, “Lakki, kolfiteetta” ishiidhaan jedhe. 16  Namoonni sunis deemuuf kaʼanii gara Sodoom yommuu gad ilaalan,+ Abrahaam isaan geggeessuuf isaanii wajjin ni deeme. 17  Yeroo kanatti Yihowaan akkana jedhe: “Ani wantan gochuuf jedhu Abrahaamiin nan dhoksaa?+ 18  Abrahaam dhugumaan saba guddaa fi jabaa ni taʼa; saboonni lafa irraa hundis karaa isaa ni eebbifamu.*+ 19  Ilmaan isaa fi maatiin isaa warri isa booda dhufan wanta sirrii fi haqa taʼe raawwachuudhaan daandii Yihowaa akka eegan akka isaan ajajuuf, ani Abrahaamiin beekeera;+ kunis Yihowaan wanta Abrahaamiin ilaalchisee waadaa gale akka raawwatuufi.” 20  Achiis Yihowaan akkana jedhe: “Dhuguma iyyuu, iyyi Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee dhihaatu guddaa dha;+ cubbuun isaaniis baayʼee ulfaataa dha.+ 21  Ani isaan akkuma iyya isa na bira gaʼe sanaa gochuu fi dhiisuu isaanii ilaaluuf gad nan buʼa. Taʼuu baannaanis wanta kana beekuu nan dandaʼa.”+ 22  Sana booda namoonni sun achii baʼanii gara Sodoom deeman; Yihowaan+ garuu Abrahaam biratti hafe. 23  Achiis Abrahaam Waaqayyotti dhihaatee akkana jedhe: “Ati dhuguma isa qajeelaa isa hamaa wajjin ni balleessitaa?+ 24  Namoonni qajeeloon 50ni magaalattii keessa jiru haa jennu. Maarree, ati isaan ni balleessitaa? Namoota qajeeloo 50 warra ishii keessatti argamaniif jettee magaalaa sanaaf dhiifama hin gootuu? 25  Wanti wal fakkaatu nama qajeelaa fi nama hamaa irra akka gaʼuuf, nama qajeelaa nama hamaa wajjin ajjeesuudhaan tarkaanfii akkanaa matumaa hin fudhattu!+ Kun wanta hin yaadamne dha.+ Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree?”+ 26  Achiis Yihowaan, “Magaalaa Sodoom keessatti namoota qajeeloo 50 yoon argadhe, isaaniif jedhee guutummaa magaalattiitiif dhiifama nan godha” jedhe. 27  Abrahaam garuu ammas deebisee akkana jedhe: “Ani biyyoo fi daaraa taʼee utuun jiruu, kunoo, onnadhee Yihowaatti dubbachuu koo itti fufeera. 28  Qajeelota 50 sana keessaa shan hirʼateera haa jennu. Shanan sanaaf jettee guutummaa magaalattii ni balleessitaa?” Innis yeroo kanatti, “Ani magaalattii keessatti qajeelota 45 yoon argadhe ishii hin balleessu” jedhe.+ 29  Inni garuu ammas, “Qajeelonni 40ni ishii keessatti argamaniiru haa jennu” isaan jedhe. Innis, “Ani qajeelota 40 sanaaf jedhee ishii hin balleessu” jedhee deebise. 30  Taʼus, inni ammas itti fufuudhaan, “Yaa Yihowaa, maaloo hin aarin;+ ammas dubbachuu koo akkan itti fufu naaf heyyami. Qajeelonni 30ni achi keessatti argamaniiru haa jennu” jedhe. Innis, “Ani qajeelota 30 achi keessatti yoon argadhe ishii hin balleessu” jedhee deebise. 31  Inni garuu itti fufuudhaan, “Kunoo, ani onnadhee Yihowaatti dubbachuu koo itti fufeera. Qajeelonni 20ni qofti achi keessatti argamaniiru haa jennu” jedhe. Innis, “Ani qajeelota 20 sanaaf jedhee ishii hin balleessu” jedhee deebise. 32  Dhuma irrattis inni, “Yaa Yihowaa, maaloo hin aarin; yeruma tokko akkan dubbadhu naaf heyyami. Qajeelonni kudhan qofti achi keessatti argamaniiru haa jennu” jedhe. Innis, “Ani qajeelota kurnan sanaaf jedhee ishii hin balleessu” jedhee deebise. 33  Yihowaan Abrahaamitti dubbachuu isaa erga xumuree booda karaa isaa deeme;+ Abrahaamis iddoo isaatti deebiʼe.

Miiljaleewwan

Kal., “garaa keessan akka jajjabeeffattaniif.”
Kal., “safartuu siihii.” Siihiin tokko 7.33 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “Wanti dubartoota irratti taʼu Saaraa irraa addaan citee ture.”
Ykn., “gante.”
Ykn., “ofii isaaniitiif eebba ni argatu.”