Uumama 24:1-67

  • Yisihaaqiif haadha manaa barbaaduu (1-58)

  • Ribqaan gara Yisihaaq deemte (59-67)

24  Abrahaam dulloomee, umuriin isaas sokkee ture; Yihowaan karaa hundumaatiin Abrahaamiin eebbisee ture.+  Abrahaamis tajaajilaa isaa isa warra mana isaa keessa jiran hundumaa umuriidhaan caaluu fi wanta inni qabu hunda toʼatuun+ akkana jedhe: “Maaloo, harka kee gudeeda koo jala kaaʼi;  shamarran Kanaʼaanotaa ani gidduu isaanii jiraadhu kana keessaa ilma koo akka hin fuusisne maqaa Yihowaa isa Waaqa samii fi Waaqa lafaa taʼeen sin kaksiisa.+  Kanaa mannaa, gara biyya koo fi gara firoottan koo+ dhaqiitii ilma koo Yisihaaqiif haadha manaa fidi.”  Tajaajilaan sun garuu, “Shamarreen sun anaa wajjin gara biyya kanaatti dhufuuf fedhii hin qabdu yoo taʼe hoo? Ilma kee gara biyya ati irraa dhuftetti deebisuun qabaa?”+ isaan jedhe.  Yeroo kanatti Abrahaam akkana isaan jedhe: “Ilma koo achitti akka hin geessine of eeggadhu.+  Yihowaan Waaqni samii inni mana abbaa koo fi biyya firoottan kootii+ na baasee, ‘Ani biyya kana sanyii keetiif+ nan kenna’+ jedhee natti dubbatee fi naaf kakate,+ maleekaa isaa si dura ni erga;+ atis dhugumaan bakka sanaa+ ilma kootiif haadha manaa ni fidda.  Shamarreen sun sii wajjin dhufuuf fedhii hin qabdu taanaan garuu, kakaa kana irraa bilisa ni taata. Ilma koo garuu achitti geessuu hin qabdu.”  Yeroo kanatti tajaajilaan isaa harka isaa gudeeda Abrahaam gooftaa isaa jala kaaʼee waaʼee dhimma kanaa isaaf kakate.+ 10  Kanaafuu, tajaajilaan sun gaalota gooftaa isaa kudhan ni fudhate; wantoota gaggaarii akaakuu hundumaas gooftaa isaa irraa fudhatee kaʼe. Gara Mesophotaamiyaa ishii magaalaa Naahor taatettis ni qajeele. 11  Achiis gaalota isaa boolla bishaanii magaalattiidhaa alatti argamu tokko biratti boqochiise. Yeroon sun gara galgalaa yeroo dubartoonni bishaan waraabuuf itti baʼan ture. 12  Achiis akkana jedhe: “Waaqa gooftaa koo Abrahaam kan taate yaa Yihowaa, maaloo harʼa milkaaʼina naaf kenni; gooftaa koo Abrahaamittis jaalala kee isa amanamaa argisiisi. 13  Kunoo, ani burqaa bishaanii bira dhaabbadheera; ijoolleen durbaa namoota magaalaa kanaas bishaan waraabuuf dhufaa jiru. 14  Shamarreen yeroo ani, ‘Maaloo, hubboo* kee of irraa buusiitii bishaan dhugamu naaf kenni’ ishiidhaan jedhu, ‘Dhugi, gaalota kees bishaan siifan obaasa’ naan jettu, ishii ati tajaajilaa kee Yisihaaqiif filatte haa taatu; kanaanis akka ati gooftaa kootti jaalala amanamaa argisiiste nan beeka.” 15  Utuma inni kana dubbatee hin xumurin, Ribqaan hubboo ishii gateettii ishiitti baattee dhufte; Ribqaan intala Beetuʼel+ yeroo taatu, Beetuʼel immoo ilma Miilkaa+ ishii haadha manaa Naahor+ isa obboleessa Abrahaam taʼee ti. 16  Intalattiin baayʼee bareedduu fi durba turte; matumaas dhiiraa wajjin saalqunnamtii raawwattee hin beektu turte. Ishiinis gara burqaa sanaatti gad buutee hubboo ishiitti bishaan guuttee ol deebite. 17  Tajaajilaan sunis yeruma sana ishii argachuuf ni fiige; achiis, “Maaloo, hubboo kee keessaa takkuma bishaan na habbuuqqachiisi” ishiidhaan jedhe. 18  Ishiinis deebistee, “Yaa gooftaa koo, dhugi” isaan jette. Achiis daftee hubboo ishii harka ishiitti gad buustee bishaan isaaf kennite. 19  Bishaan inni dhugu erga isaaf kennitee boodas, “Gaalota keetiifis hamma isaan dhuganii quufanitti bishaan nan waraaba” isaan jette. 20  Kanaafuu, ishiin gara boolla bishaaniitti deddeebitee bishaan waraabdee bidiruu* isaan keessaa dhuganitti naqxe; gaalota isaa hundumaatiifis bishaan waraabde. 21  Yeroo kana hundumaatti namichi Yihowaan deemsa isaa kana kan isaaf milkeesse taʼuu fi dhiisuu isaa yaadaa, calluma jedhee dinqisiifannaadhaan ishii ilaala ture. 22  Gaalonni sun dhuganii yommuu xumuranitti, namichi amartii warqii funyaanii sheeqilii* walakkaa madaalu tokkoo fi bitawoo* warqii sheeqilii* kudhan madaalu lama baasee ishiidhaaf kennee, 23  “Maaloo natti himi, ati intala eenyuu ti? Mana abbaa kee keessa iddoo bullu ni argannaa?” ishiidhaan jedhe. 24  Yeroo kanatti ishiin, “Ani intala Beetuʼel+ ilma Miilkaa isa ishiin Naahoriif+ deesse sanaa ti” isaan jette. 25  Itti dabaluudhaanis, “Nuti galabaa fi gafara* hedduu, akkasumas bakka bultii qabna” isaan jette. 26  Achiis namichi gombifamee Yihowaa duratti sagadee, 27  “Inni jaalala isaa isa amanamaa fi amanamummaa isaa gooftaa kootti argisiisuu waan hin dhiisneef, Waaqa gooftaa koo Abrahaam kan taʼe Yihowaan haa jajamu. Yihowaan gara mana obboloota gooftaa kootiitti na qajeelcheera” jedhe. 28  Shamarreen sunis waaʼee kanaa haadha ishii fi warra kaanitti himuuf fiigdee deemte. 29  Ribqaan obboleessa Laabaan+ jedhamu tokko qabdi turte. Laabaan fiigee gara namicha magaalattiidhaa ala burqaa bishaanii bira jiru sanaa dhaqe. 30  Innis amartii funyaanii fi bitawoo harka obboleettii isaa irra jiru yommuu arguu fi wanta Ribqaan, “Namichi akkana akkana naan jedhe” jechuudhaan isatti himte yommuu dhagaʼu, namicha argachuuf deeme; yeroo kanatti namichi burqaa sana biratti gaalota isaa bira dhaabbatee ture. 31  Innis yeruma sana namichaan, “Yaa nama Yihowaan eebbise nana, kottu. Maaliif ala dhaabbatta? Ani manicha qopheesseera; gaalotaafis iddoo qopheesseera” jedhe. 32  Yeroo kanatti namichi gara manaatti ni seene; innis* gaalota irraa feʼumsa hiikee galabaa fi gafara isaaniif ni kenne; namichaa fi namoota isaa wajjin turaniifis bishaan miilaa ni kenne. 33  Haa taʼu malee, yeroo nyaanni isaaf dhihaatu, “Wantan dubbachuu qabu utuun isinitti hin himin hin nyaadhu” jedhe. Kanaafuu Laabaan, “Dubbadhu!” isaan jedhe. 34  Namichis akkana jedhe: “Ani tajaajilaa Abrahaami.+ 35  Yihowaan gooftaa koo baayʼee eebbiseera; hoolota, loon, meetii fi warqii, tajaajiltoota dhiiraa fi durbaa, akkasumas gaalotaa fi harroota isaaf kennuudhaan baayʼee isa sooromseera.+ 36  Kana malees, Saaraan haati manaa gooftaa kootii dulluma keessa gooftaa kootiif ilma deesseetti;+ gooftaan koos wanta qabu hundumaa isaaf ni kenna.+ 37  Kanaafuu, gooftaan koo akkana jedhee na kaksiise: ‘Shamarran Kanaʼaanotaa warra ani biyya isaanii keessa jiraadhu kana keessaa ilma koo hin fuusisin.+ 38  Kanaa mannaa, gara mana abbaa koo fi gara maatii koo+ dhaqiitii ilma kootiif haadha manaa fidi.’+ 39  Ani garuu, ‘Shamarreen sun anaa wajjin dhufuuf fedhii hin qabdu yoo taʼe hoo?’ jedheen gooftaa koo gaafadhe.+ 40  Innis akkana naan jedhe: ‘Yihowaan inni ani isa duratti deddeebiʼe+ maleekaa isaa sii wajjin ni erga;+ dhugumaan adeemsa kee siif ni milkeessa; atis maatii koo fi mana abbaa koo keessaa+ ilma kootiif haadha manaa ni fidda. 41  Ati gara maatii koo dhaqxee, isaan immoo yoo ishii sii kennuu baatan, wanta naaf kakatte irraa bilisa ni taata. Kun kakaa kee irraa bilisa si godha.’+ 42  “Ani harʼa yommuun burqaa sana bira gaʼu akkanan jedhe: ‘Waaqa gooftaa koo Abrahaam kan taate yaa Yihowaa, ati adeemsa koo yoo naaf milkeessiteef, 43  kunoo, ani burqaa kana bira dhaabbadheera. Akkana haa taʼu: Shamarreen+ takka yommuu bishaan waraabuuf baatu ani, “Maaloo, hubboo kee keessaa bishaan xinnoo naa kenni” ishiidhaan nan jedha; 44  ishiinis, “Dhugi, gaalota keetiifis bishaan nan waraaba” naan haa jettu. Shamarreen sun ishii Yihowaan ilma gooftaa kootiif filate haa taatu.’+ 45  “Ani kana garaa kootti dubbadhee utuun hin fixin, Ribqaan magaalattiidhaa baatee hubboo ishii gateettii ishiitti baattee gara burqaa sanaatti gad buutee bishaan waraabuu jalqabde. Anis, ‘Maaloo, bishaan dhugamu naa kenni’ ishiidhaan nan jedhe.+ 46  Kanaafuu, ishiin daftee hubboo ishii gateettii ishii irraa gad buustee, ‘Dhugi,+ gaalota kees bishaan nan obaasa’ naan jette. Anis nan dhuge; gaalota sanas bishaan ni obaaste. 47  Sana booda, ‘Ati intala eenyuu ti?’ jedheen ishii gaafadhe. Ishiinis, ‘Ani intala Beetuʼel ilma Miilkaa isa ishiin Naahoriif deesse sanaa ti’ jettee naaf deebiste. Kanaafuu, funyaan ishiitti amartii nan kaaʼe; harka ishiittis bitawoo nan godhe.+ 48  Achiis Yihowaa duratti gombifamee nan sagade; akkasumas Waaqa gooftaa koo Abrahaam kan taʼe Yihowaa isa ilma gooftaa kootiif intala obboleessa isaa akkan fudhadhu daandii sirrii irra na qajeelche sana nan jajadhe.+ 49  Ammas gooftaa kootti jaalala amanamaa fi amanamummaa argisiisuu kan barbaaddan yoo taʼe natti himaa; taʼuu baannaan garuu, garan itti goru akkan murteessuuf* yaada keessan na beeksisaa.”+ 50  Achiis Laabaanii fi Beetuʼel akkana jedhanii isaaf deebisan: “Kun, wanta Yihowaa biraa dhufe dha. Nuti ni taʼa yookiin hin taʼu siin jechuu* hin dandeenyu. 51  Kunoo, Ribqaan si dura jirti. Fudhadhuu deemi; akkuma Yihowaan dubbatettis, ilma gooftaa keetiif haadha manaa haa taatu.” 52  Tajaajilaan Abrahaam wanta isaan jedhan yommuu dhagaʼu, yeruma sana Yihowaa duratti lafatti gombifamee sagade. 53  Tajaajilaan sunis Ribqaadhaaf kennuuf faayawwan meetii fi warqii, akkasumas uffata gad baasuu jalqabe; obboleessa ishii fi haadha ishiitiifis wantoota gatii guddaa qaban ni kenne. 54  Sana booda innii fi namoonni isaa wajjin jiran nyaatanii dhuganii halkan sana achuma bulan. Innis ganamaan kaʼee, “Gara gooftaa kootti na geggeessaa” jedhe. 55  Yeroo kanatti obboleessi ishii fi haati ishii, “Intalattiin yoo xinnaate guyyaa kudhaniif nu bira haa turtu. Sana booda deemuu dandeessi” jedhan. 56  Inni garuu, “Yihowaan adeemsa koo akka naaf milkeesse utuu argitanii na hin tursinaa. Gara gooftaa koo akkan dhaquuf na geggeessaa” isaaniin jedhe. 57  Kanaafuu isaan, “Mee intalattii waamnee ishii haa gaafannu” jedhan. 58  Achiis Ribqaa waamanii, “Namicha kanaa wajjin ni deemtaa?” jedhanii ishii gaafatan. Ishiinis, “Deemuu nan barbaada” jettee deebiste. 59  Kanaafuu, isaan obboleettii isaanii Ribqaa,+ guddiftuu ishii,*+ tajaajilaa Abrahaamii fi namoota isaa wajjin turan ni geggeessan. 60  Achiis isaan, “Yaa obboleettii teenya, kuma hedduu siʼa kuma kudhan* taʼi; sanyiin kees karra* warra isaan jibbanii haa dhaalan”+ jedhanii Ribqaa eebbisan. 61  Achiis Ribqaa fi tajaajiltoonni ishii warri durbaa kaʼanii, gaalota irra taaʼanii namicha duukaa buʼan. Kanaafuu, tajaajilaan sun Ribqaa fudhatee karaa isaa qajeele. 62  Yisihaaq biyya Negeeb+ keessa jiraachaa waan tureef, kallattii Beʼeer Lahaay Roʼii+ irraa ni dhufe. 63  Yeroo kanatti Yisihaaq xiinxaluuf+ gara galgalaa dirree keessa deemaa ture. Yommuu ol ilaalus, kunoo gaalonni utuu dhufaa jiranii arge! 64  Ribqaan yommuu ol jettee ilaaltu Yisihaaqiin argite; achiis hatattamaan gaalicha irraa buute. 65  Achiis, “Namichi nu simachuuf dirree keessa deemaa jiru sun eenyu?” jettee tajaajilaa sana gaafatte. Tajaajilaan sunis, “Gooftaa koo ti” jedhee ishiidhaaf deebise. Kanaafuu, ishiin shaashii ishii fudhattee haguuggatte. 66  Tajaajilaan sunis wanta godhe hundumaa Yisihaaqitti hime. 67  Sana booda Yisihaaq dunkaana haadha isaa Saaraatti ishii galfate.+ Akka kanaan Ribqaa haadha manaa isaa godhate; jaalala ishiitiinis ni qabame;+ Yisihaaq gadda duʼa haadha isaa irraas ni jajjabaate.+

Miiljaleewwan

Ykn., “okkotee.”
Jechuunis, gongaa.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Jechuunis, faaya harkaa.
Sheeqiliin tokko 11.4 g dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Jechuunis, nyaata horii.
Tarii, Laabaaniin kan argisiisu dha.
Kal., “harka mirgaatti ykn harka bitaatti akkan goruuf.”
Ykn., “hamaa ykn gaarii sitti dubbachuu.”
Jechuunis, guddiftuu ishii ishii yeroo ammaatti tajaajiltuu ishii taate.
Ykn., “haadha kuma kumaatamaa.”
Ykn., “magaalota.”