Uumama 35:1-29
35 Sana booda Waaqayyo Yaaqoobiin, “Kaʼi, gara Beetelitti+ ol baʼiitii achi jiraadhu; bakka sanattis Waaqa dhugaa isa yeroo obboleessa kee Esaawu jalaa baqachaa+ turtetti sitti mulʼate sanaaf iddoo aarsaa ijaari” jedhe.
2 Achiis Yaaqoob maatii isaa fi namoota isaa wajjin jiran hundumaatiin akkana jedhe: “Waaqolii ormaa isin gidduutti argaman of biraa fageessaa;+ of qulqulleessaa; uffata keessanis jijjiirradhaa;
3 kaanees gara Beetelitti ol haa baanu. Achitti Waaqa dhugaa isa guyyaa dhiphina kootti na dhagaʼee fi bakkan dhaqe hundumaatti* anaa wajjin tureef+ iddoo aarsaa nan ijaara.”
4 Kanaafuu, isaan waaqolii ormaa of biraa qaban sanaa fi lootii gurra isaanii irra jiru hundumaa Yaaqoobitti kennan; innis muka guddaa Sheekemitti dhihoo jiru jalatti awwaale.*
5 Yommuu isaan adeemaa turanitti Waaqayyo magaalota naannoo isaanii jiran irratti sodaa buusee waan tureef, isaan ilmaan Yaaqoob hin ariine.
6 Yeroo booda Yaaqoobii fi namoonni isaa wajjin jiran hundi gara Luuz,+ jechuunis gara Beetel ishii biyya Kanaʼaan keessatti argamtuu dhufan.
7 Yommuu inni obboleessa isaa jalaa baqatee turetti Waaqni dhugaan achitti isatti mulʼatee waan tureef, bakka sanatti iddoo aarsaa ijaaree maqaa bakka sanaa El Beetel* jedhee moggaase.+
8 Boodas Dibooraan+ ishiin guddiftuu Ribqaa turte ni duute; Beetel biratti muka qilxuu tokko jalattis ni awwaalamte. Kanaafuu, inni maqaa mukichaa Aloonbaakut* jedhee moggaase.
9 Waaqayyo utuu Yaaqoob Phaadaan Aaraamii dhufaa jiruu ammas isatti mulʼatee isa eebbise.
10 Achiis, “Maqaan kee Yaaqoobi.+ Kana booda garuu maqaan kee Yaaqoob utuu hin taʼin Israaʼel jedhama” isaan jedhe. Innis Israaʼel jedhee isa waamuu jalqabe.+
11 Waaqayyo itti dabaluudhaan akkana isaan jedhe: “Ani Waaqa Hundumaa Dandaʼu dha.+ Hori, baayʼadhus. Saboonnii fi gumiin sabootaa si irraa ni argamu;+ mootonnis si* keessaa ni baʼu.+
12 Biyyan Abrahaamii fi Yisihaaqiif kenne sana siif nan kenna; sanyiiwwan kee warra si booda dhufaniifis biyyattii nan kenna.”+
13 Achiis Waaqayyo isa biraa, jechuunis iddoo itti isaa wajjin dubbachaa ture sana irraa ol ni baʼe.
14 Kanaafuu, Yaaqoob bakka Waaqayyo isaa wajjin dubbate sanatti siidaa dhagaa tokko dhaabe; isa irrattis jalqaba aarsaa dhugaatii, achiis zayitii dhangalaase.+
15 Yaaqoobis iddoo Waaqayyo isaa wajjin itti dubbate sana ammas Beetel jedhee moggaase.+
16 Achiis isaan Beetelii baʼanii deeman. Efraataa gaʼuu isaanii duras Raahel ciniinsuun ishii jalqabe; ciniinsuun ishiis akka malee itti hammaate.
17 Utuma ishiin daʼuuf ciniinsifachaa jirtuus deessistuun ishii, “Ati ammas ilma waan argattuuf, hin sodaatin”+ ishiidhaan jette.
18 Duʼuu ishii yeroo xinnoo dura* (ishiin duʼuu jala geessee waan turteef), maqaa isaa Benʼonii* jettee moggaaste; abbaan isaa garuu maqaa isaa Biiniyaam*+ jedhee moggaase.
19 Raahelis ni duute; karaa gara Efraataa, jechuunis gara Beetaliheemitti geessu irrattis ni awwaalamte.+
20 Yaaqoob awwaala ishii irratti siidaa ni dhaabe; siidaan awwaala Raahel kun hamma harʼaatti jira.
21 Sana booda Israaʼel achii baʼee masaraa Edeer irraa hamma tokko fagaatee dunkaana isaa dhaabe.
22 Gaaf tokko utuma Israaʼel biyya sana keessa jiraachaa jiruu, Ruuben gara Biilhaa ishii saajjatoo abbaa isaa taate sanaa dhaqee ishii wajjin ciise; Israaʼelis waaʼee kanaa ni dhagaʼe.+
Yaaqoob ilmaan 12 qaba ture.
23 Ilmaan inni Liyaa irraa dhalche, ilma isaa isa angafaa kan taʼe Ruuben,+ achiis Simiʼoon, Leewwii, Yihudaa, Yisaakorii fi Zaabiloon turan.
24 Ilmaan inni Raahel irraa dhalche, Yoseefii fi Biiniyaam turan.
25 Ilmaan inni Biilhaa ishii tajaajiltuu Raahel taate irraa dhalche, Daanii fi Niftaalem turan.
26 Ilmaan inni Zilfaa ishii tajaajiltuu Liyaa taate irraa dhalche immoo Gaadii fi Asheer turan. Kanneen kun ilmaan Yaaqoob warra Phaadaan Aaraamitti isaaf dhalatani dha.
27 Yeroo booda Yaaqoob gara iddoo abbaan isaa Yisihaaq jiruutti, gara Maamree+ isa Qiriyaat Arbaa, jechuunis Kebroon keessatti argamuu ni dhufe; Abrahaamii fi Yisihaaq namoota biyya ormaa taʼanii iddoo kana jiraachaa turan.+
28 Yisihaaq waggaa 180 jiraate.+
29 Achiis Yisihaaq hafuura isaa isa dhumaa baafate; bara dheeraa fi jireenya gammachuu qabu jiraatee duʼe; gara saba isaattis walitti qabame;* ilmaan isaa Esaawuu fi Yaaqoobis isa awwaalan.+
Miiljaleewwan
^ Ykn., “daandii irratti.”
^ Ykn., “ni dhokse.”
^ “Waaqa Beetel” jechuu dha.
^ “Qilxuu Booʼichaa” jechuu dha.
^ Kal., “mudhii kee.”
^ “Ilma Harka Mirgaa” jechuu dha.
^ “Ilma Gadda Kootii” jechuu dha.
^ Ykn., “Utuma lubbuun ishii baʼaa jirtuu.”
^ Kun jechama duʼa argisiisuuf oolu dha.