Uumama 38:1-30
-
Yihudaa fi Taamaar (1-30)
38 Yeroo sanatti Yihudaan obboloota isaa biraa deemee namicha magaalaa Adulaam Hiiraa jedhamu tokko biratti dunkaana isaa dhaabe.
2 Achittis Yihudaan intala namicha biyya Kanaʼaan+ Shuʼaa jedhamu tokkoo ni arge. Innis ishii fuudhee ishii wajjin saalqunnamtii raawwate;
3 ishiinis ni ulfoofte. Boodas ilma deesse; innis maqaa isaa Eer+ jedhee moggaase.
4 Ammas ulfooftee ilma ni deesse; maqaa isaas Onaan jettee moggaaste.
5 Dabalataanis ishiin ilma ni deesse; maqaa isaas Sheelaa jettee moggaaste. Yeroo ishiin isa deessetti inni* Akziib+ keessa ture.
6 Yeroo booda Yihudaan ilma isaa isa angafaa Eeriin ni fuusise; maqaan haadha manaa isaas Taamaar+ jedhama ture.
7 Ilma angafaa Yihudaa kan taʼe Eer garuu Yihowaa gaddisiisa ture; kanaafuu, Yihowaan isa ajjeese.
8 Kanaan kan kaʼes Yihudaan Onaaniin, “Haadha manaa obboleessa keetii wajjin saalqunnamtii raawwadhu; ishiis fuudhii wanta waarsaa irraa eegamu raawwadhuutii obboleessi kee sanyii akka qabaatu godhi” jedhe.+
9 Onaan garuu sanyiin sun kan isaa akka taʼetti akka hin ilaalamne ni hubate.+ Kanaafuu, inni obboleessa isaatiif sanyii akka hin argamsiisnetti, yeroo ishii wajjin saalqunnamtii raawwatu sanyii isaa lafa irratti dhangalaasa ture.+
10 Wanti inni raawwate Yihowaa duratti hamaa waan tureef, inni isas ni ajjeese.+
11 Yihudaanis Taamaar ishii haadha manaa ilma isaa taateen, “Ilmi koo Sheelaan hamma guddatutti akka dubartii abbaan manaa irraa duʼeetti mana abbaa keetii keessa jiraadhu” jedhe; akkana kan jedhe, ‘Tarii innis akkuma obboloota isaa ni duʼa’+ jedhee waan yaadeef ture. Kanaafuu, Taamaar deemtee mana abbaa ishii keessa jiraachuu jalqabde.
12 Yeroo muraasa booda haadha manaa Yihudaa kan taate intalli Shuʼaa+ ni duute. Yihudaanis yeroo ishiidhaaf itti gaddu erga xumuree booda, michuu isaa Hiiraa Adulaamichaa+ wajjin gara namoota rifeensa hoolota isaa muranii fi Timnaa+ keessatti argamaniitti qajeele.
13 Taamaaris, “Kunoo, abbiyyuun* kee hoolota isaa irraa rifeensa muruuf gara Timnaatti ol baʼaa jira” jedhamee itti himame.
14 Taamaar, Sheelaan kan guddate taʼus ishiin haadha manaa taatee akka isaaf hin kennamne yommuu argitu,+ uffata dubartiin abbaan manaa irraa duʼe uffattu of irraa baastee, haguuggattee, shaashiidhaanis fuula ishii dhoksitee karra Eenaayim isa daandii gara Timnaatti geessu irra jiru bira teesse.
15 Yihudaanis yommuu ishii argu, ishiin fuula haguuggattee waan turteef yeruma sana akka sagaagaltuutti ishii ilaale.
16 Innis ishiin haadha manaa ilma isaa taʼuu ishii waan hin beekneef,+ karicha irraa ishiitti goree, “Maaloo, akkan sii wajjin saalqunnamtii raawwadhu naaf heyyami” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu, “Yoon sii wajjin saalqunnamtii raawwadhe maal naaf kennita?” isaan jette.
17 Innis deebisee, “Ani bushaayee koo keessaa xobbaallaa reʼee tokko siif nan erga” ishiidhaan jedhe. Ishiin garuu, “Hamma isa naaf ergitutti qabsiisa naaf kennitaa?” isaan jette.
18 Innis itti fufuudhaan, “Qabsiisa akkamiin siif kenna?” ishiidhaan jedhe; ishiinis deebistee, “Qubeellaa chaappaa*+ kee, funyoo kee fi ulee kee isa harkatti qabatte” isaan jette. Innis wantoota kana ishiidhaaf kennee ishii wajjin saalqunnamtii raawwate; ishiinis isa irraa ni ulfoofte.
19 Sana booda kaatee bakka sanaa deemte; haguuggii ishiis of irraa fuutee uffata dubartiin abbaan manaa irraa duʼe uffattu sana uffatte.
20 Yihudaanis qabsiisa sana dubartittii harkaa deebisee akka fudhatuuf, xobbaallaa reʼee tokko michuu isaa isa nama magaalaa Adulaam+ taʼe sanatti erge; inni garuu matumaa ishii argachuu hin dandeenye.
21 Innis, “Dubartii sagaagaltuun mana qulqullummaa ishiin Eenaayim keessa jiraattuu fi daandii cinaa teessu sun eessa jirti?” jedhee namoota naannoo ishii gaafate. Isaan garuu, “Dubartiin sagaagaltuun mana qulqullummaa taate naannoo kana hin jirtu” jedhanii isaaf deebisan.
22 Dhuma irrattis inni gara Yihudaatti deebiʼee, “Ani matumaa ishii argachuu hin dandeenye; namoonni naannoo sanaas, ‘Dubartiin sagaagaltuun mana qulqullummaa taate naannoo kana hin jirtu’ naan jedhaniiru” isaan jedhe.
23 Yeroo kanatti Yihudaan, “Nuti salphina irra akka hin buunetti, ishiin wantoota sana ofuma ishiitiif haa fudhattu. Kanas taʼe sana, ani xobbaallaa reʼee kana ishiidhaaf ergeen ture; ati garuu matumaa ishii argachuu hin dandeenye” jedhe.
24 Gara jiʼa sadii booda garuu, “Taamaar ishiin haadha manaa ilma keetii taate sun sagaagaltuu taateetti; sagaagalummaa ishiitiinis ulfoofteetti” jedhamee Yihudaatti himame. Yeroo kanatti Yihudaan, “Gad ishii baasaatii haa gubamtu”+ jedhe.
25 Utuma gad baafamaa jirtuus, “Ani namicha abbaa wantoota kanaa taʼe irraan ulfaaʼe” jettee abbiyyuu ishiitti dhaamsa ergite. Itti dabaluudhaanis, “Maaloo, wantoonni kun, jechuunis qubeellaan chaappaa, funyoonii fi uleen kun kan eenyuu akka taʼan qoradhu” jette.+
26 Yihudaanis wantoota sana erga qoratee booda, “Ilma koo Sheelaadhaaf waanan ishii hin kennineef, ishiin ana caalaa qajeeltuu dha” jedhe.+ Sana booda inni ishii wajjin saalqunnamtii hin raawwanne.
27 Yeroon daʼumsaa ishii yommuu gaʼetti, gadameessa ishii keessa ijoollee lakkuutu jira ture.
28 Utuu ishiin daʼumsa irra jirtuus, mucaan inni tokko harka isaa gad baase; deessistuun ishiis, “Inni kun jalqaba baʼeera” jettee, yeruma sana foʼaa diimaa fudhattee harka isaatti hiite.
29 Haa taʼu malee, akkuma inni harka isaa ol deebifateen obboleessi isaa gad ni baʼe; ishiinis, “Ati akkamitti ofuma keetiif diigdee baate?” jette. Kanaafuu, maqaan isaa Faares*+ jedhamee moggaafame.
30 Boodas obboleessi isaa inni foʼaa diimaan harka isaatti hidhame sun gad ni baʼe; maqaan isaas Zeeraa+ jedhamee moggaafame.
Miiljaleewwan
^ Jechuunis, Yihudaan.
^ Jechuunis, soddaan.
^ Jechuunis, sumuda.
^ “Kan Diigu” jechuu dha; gadameessa diiguu kan argisiisu taʼuu dandaʼa.