Uumama 40:1-23

  • Yoseef abjuu hidhamtootaa ni hiike (1-19)

    • ‘Abjuu kan hiiku Waaqayyo dha’ (8)

  • Afeerraa guyyaa dhalootaa Faraʼoon (20-23)

40  Wantoota kana booda, ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii+ fi ajajaan warra daabboo tolchanii mootii Gibxii isa gooftaa isaanii taʼe irratti cubbuu hojjetan.  Kanaafuu, Faraʼoon ajajjoota isaa lamaan, jechuunis ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii fi ajajaa warra daabboo tolchanii sanatti akka malee aare;+  achiis mana hidhaa mana ajajaa waardiyyootaa+ isa Yoseef itti hidhame+ sana keessa isaan galche.  Ajajaan waardiyyootaa sunis Yoseef isaanii wajjin akka taʼuu fi akka isaan kunuunsu godhe;+ isaanis yeroo* muraasaaf mana hidhaa keessa ni turan.  Inni mootii Gibxiitiif dhugaatii dhiheessuu fi inni daabboo isaaf tolchu warri mana hidhaatti galfamanii turan sun halkanuma tokkotti abjuu abjuʼatan; abjuun isaaniis hiika mataa mataa isaa qaba ture.  Guyyaa itti aanutti ganama Yoseef seenee yommuu isaan ilaalu, isaan gaddanii turan.  Kanaafuu, inni ajajjoota Faraʼoon warra mana gooftaa isaa keessatti isaa wajjin mana hidhaa keessa turan sana, “Harʼa fuulli keessan kan gurraachaʼe maaliifi?” jedhee gaafate.  Isaanis deebisanii, “Lamaan keenya iyyuu abjuu abjuʼannee turre; garuu namni abjuu hiiku nu bira hin jiru” isaan jedhan. Yoseefis, “Abjuu kan hiiku Waaqayyo mitii?+ Maaloo, abjuu keessan natti himaa” isaaniin jedhe.  Kanaafuu, ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii sun akkana jedhee abjuu isaa Yoseefitti hime: “Abjuu koo keessatti mukti wayinii tokko ana dura jira ture. 10  Muka wayinii sana irra latii sadiitu jira ture; inni yommuu biqilutti abaaboo baase; achiis firiiwwan wayinii bilchaatoo walitti tuutaʼan godhate. 11  Xoofoon Faraʼoonis na harka ture; anis firiiwwan wayinii sana fuudhee xoofoo Faraʼoon keessatti nan cuunfe. Sana booda xoofoo sana harka Faraʼoon irran kaaʼe.” 12  Yoseefis akkana isaan jedhe: “Hiikni abjuu keetii kana dha: Latiiwwan sadan guyyoota sadii dha. 13  Guyyaa sadii boodas, Faraʼoon gad si baasee* aangoo keetti si deebisa;+ atis akkuma yeroo dhugaatii isaaf dhiheessaa turte sanaatti xoofoo Faraʼoon harka isaa irra ni keessa.+ 14  Garuu yeroo milkaaʼina argattutti na yaadadhu. Maaloo, jaalala amanamaa natti argisiisi; inni bakka kanaa akka na baasuufis waaʼee koo Faraʼoonitti himi. 15  Ani nama biyya Ibrootaatii humnaan fudhatamee dhufe dha;+ asittis balleessaa mana hidhaatti* na galchisiisu tokko illee hin raawwanne.”+ 16  Ajajaan warra daabboo tolchanii sun Yoseef abjuu sana wanta gaariitti akka hiike yeroo argu, innis akkana jedhee isatti hime: “Anis abjuu argeen ture; guuboowwan daabboo adii qabatan sadii mataa koo irra jiru turan; 17  guuboo isa gubbaa keessa nyaatawwan akaakuu hundumaa Faraʼooniif qophaaʼan jiru turan; allaattiiwwanis guuboo mataa koo irra jiru sana keessaa nyaaticha ni nyaatu turan.” 18  Yoseefis akkana jedhee isaaf deebise: “Hiikni abjuu keetii kana dha: Guuboowwan sadan guyyoota sadii dha. 19  Guyyaa sadii boodas, Faraʼoon morma kee si irraa kuta;* muka irrattis si fannisa; allaattiiwwanis foon kee si irraa ni nyaatu.”+ 20  Guyyaan sadaffaanis guyyaa dhalootaa Faraʼoon+ ture; innis tajaajiltoota isaa hundumaatiif affeerraa qopheesse; achiis ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii fi ajajaan warra daabboo tolchanii bakka tajaajiltoonni isaa jiranitti mana hidhaatii akka gad baʼan godhe.* 21  Innis ajajaa warra dhugaatii dhiheessanii sana gara aangoo isaa isa inni dhugaatii dhiheessuudhaan qabutti deebise; innis xoofoo sana Faraʼooniif dhiheessuu isaa itti fufe. 22  Ajajaa warra daabboo tolchanii sana garuu akkuma Yoseef abjuu isaanii isaaniif hiiketti ni fannise.+ 23  Haa taʼu malee, ajajaan warra dhugaatii dhiheessanii sun Yoseefiin hin yaadanne; kanaa mannaa guutummaatti isa irraanfate.+

Miiljaleewwan

Kal., “guyyoota.”
Kal., “mataa kee ol qabee.”
Kal., “boolla bishaaniitti; boollatti.”
Kal., “morma kee si irraa kaasa.”
Kal., “mataa ol ni qabe.”