Weedduu Weedduu caalu 1:1-17

  • Weedduu weedduu caalu (1)

  • Shamarree (2-7)

  • Ijoollee durbaa Yerusaalem (8)

  • Mootii (9-11)

    • ‘Faayawwan warqii siif tolchina’ (11)

  • Shamarree (12-14)

    • ‘Jaalalleen koo anaaf akkuma korojoo qumbii urgaaʼuu ti’ (13)

  • Tiksee (15)

    • “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha”

  • Shamarree (16, 17)

    • “Yaa jaalallee koo, ati bareedaa dha” (16)

1  Weedduu weedduu caalu, kan Solomoon:+   “Ibsi jaalalaa kee daadhii wayinii irra waan wayyuuf,+Dhungoo afaan keetiitiin na dhungadhu.   Urgaan zayitii keetii nama gammachiisa.+ Maqaan kee akkuma zayitii urgaaʼaa dhangalaafamee ti.+ Shamarran kan si jaallatan kanaafi.   Na fudhadhuu* badi; haa fiignu. Mootichi gara kutaa isaa isa keessaatti na galcheera! Yeroo gaarii waliin haa dabarsinu, haa gammannus. Daadhii wayinii caalaa ibsa jaalalaa kee haa jajannu.* Isaan* dhugumaan si jaallatu.   Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, ani gurraattii taʼus bareedduu dha;Ani akkuma dunkaanota Qeedaar,+ akkuma huccuuwwan dunkaanaa+ Solomooni.   Gurraattii waanan taʼeef xiyyeeffannaadhaan na hin ilaalinaa,Kanan gurraachaʼe aduun waan na gubeefi. Obboloonni koo natti aaranii turan;Isaan maasii wayinii akkan eegu na ramadan,Taʼus ani maasii wayinii koo hin eegne.   Yaa isan baayʼee jaalladhuu*, natti himi,Bushaayee kee eessa dheechista?+ Guyyaa saafaa hoo eessa isaan boqochiista? Ani maaliifan bushaayee michoota keetii gidduuttiAkka dubartii shaashii* haguuggattee taʼa?”   “Yaa ishii dubartoota hunda caalaa bareedduu taate nana, kana hin beektu taanaan,Dhaqi, kottee bushaayee hordofiitiiXobbaallaa reʼoota keetii dunkaanota tiksitootaa cinaa dheechisi.”   “Yaa jaalallee too, farda dhaltuu* gaariiwwan fardaa Faraʼoon+ gidduu jirtuu wajjinan wal si fakkeessa. 10  Maddiin* kee faayawwaniin,*Mormi kees faaya mormaatiin miidhagfameera. 11  Nuti faayawwan warqiiMeetiidhaan miidhagfaman siif tolchina.” 12  “Mootichi yommuu minjaala isaa isa geengoo taʼe bira taaʼee jirutti,Urgooftuun*+ koo ni urgaaʼa. 13  Jaalalleen koo anaaf akkuma korojoo qumbii+ urgaaʼuu fiHarma koo gidduu buluu ti. 14  Jaalalleen koo anaaf akkuma biqiltuu hiinnaa walitti tuutaʼee+Maasiiwwan wayinii Een Gedii+ gidduu jiruu ti.” 15  “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha. Ati bareedduu dha. Ijji kee akkuma ija gugee* ti.”+ 16  “Yaa jaalallee koo, ati bareedaa* dha, gammachiisaa dhas.+ Sireen keenya baala gidduu dha. 17  Baattuuwwan baaxii mana keenyaa* mukeetii gaattiraa ti,Utubaawwan keenyas mukeetii birbirsaa ti.

Miiljaleewwan

Kal., “Na harkisii.”
Ykn., “haa dubbannu.”
Jechuunis shamarran.
Ykn., “Yaa isa lubbuun too baayʼee jaallattuu.”
Ykn., “shaashii gaddaa.”
Ykn., “farda dhaltuu koo.”
Ykn., “Boqoon.”
Ykn tarii, “foʼaawwan rifeensaa gidduutti.”
Ykn., “Naardosiin.”
Ykn., “makoodii; andarii.”
Ykn., “miidhagaa.”
Ykn., “mana keenya isa guddaa.”