Weedduu Weedduu caalu 2:1-17

  • Shamarree (1)

    • ‘Ani saafroni’

  • Tiksee (2)

    • ‘Jaalalleen too akkuma abaaboo ti’

  • Shamarree (3-14)

    • ‘Hamma ofii isaatiin kakaʼutti na keessatti jaalala hin kakaasinaa’ (7)

    • Wanta tiksichi dubbate (10b-14)

      • “Yaa bareedduu too, naa wajjin kottu” (10b, 13)

  • Obboloota shamarrittii (15)

    • ‘Jeedaloota nuuf qabaa’

  • Shamarree (16, 17)

    • “Jaalalleen koo kan koo ti, anis kan isaa ti” (16)

2  “Ani saafron* dirree qarqara galaanaatti argamu irratti biqile dha,Abaaboo sululawwaniitis.”+   “Jaalalleen too ijoollee durbaa gidduuttiAkkuma abaaboo qoree gidduu jirtuu ti.”   “Jaalalleen koo ijoollee dhiiraa gidduuttiAkkuma muka poomii mukeetii bosonaa gidduu jiruu ti. Ani gaaddisa isaa jala taaʼuuf baayʼeen hawwa,Firiin isaas natti miʼaawa.   Gara mana affeerraatti* na geesse,Faajjiin inni na gubbaatti fannises jaalala dha.   Jaalalaan waanan dhukkubsadheef,Bixxillee zabiibiitiin na haaromsaa,+Poomiidhaanis na jajjabeessaa.   Harki isaa inni bitaan mataa koo jala jira,Harki isaa inni mirgaas na hammata.+   Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem,Borofawwanii+ fi gadamsawwan dirreetiin isin nan kaksiisa: Hamma ofii isaatiin kakaʼutti, na keessatti jaalala dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa.+   Sagaleen jaalallee kootii ni dhagaʼama! Kunoo, inni dhufaa jira,Gaarota irra baʼaa jira, tabbawwan irras utaalaa jira.   Jaalalleen koo akkuma borofaa, akkuma ilmoo gadamsaa ti.+ Inni kuunnoo, girgiddaa keenya duuba dhaabbateeKaraa foddaaKaraa golgaa foddaas ilaalaa jira. 10  Jaalalleen koo akkana jedhee natti dubbate: ‘Yaa jaalallee too, kaʼi,Yaa bareedduu too, naa wajjin kottu. 11  Kunoo, ganni* darbeera. Bokkaan caameera, sokkeeras. 12  Daraaraawwan biyyattii keessatti mulʼataniiru,+Yeroon muka wayinii itti gondolan* gaʼeera,+Sagaleen gugee bosonaas biyya keenya keessatti dhagaʼameera.+ 13  Firiin muka harbuu inni jalqabaa bilchaateera;+Mukti wayinii daraareera, urgaaʼaa jiras. Yaa jaalallee too, kaʼiitii kottu. Yaa bareedduu too, naa wajjin kottu. 14  Sagaleen kee kan nama gammachiisu, bifti kees bareedaa waan taʼeef,+Yaa gugee too, dahoo kattaa keessatti,+Gola hallayyaa keessattis,Si arguu fi sagalee kee dhagaʼuu nan barbaada.’”+ 15  “Maasiin wayinii keenyaa waan daraareef,Jeedaloota sana,Eeyyee, ilmoolee jeedalootaa warra maasii wayinii balleessan nuuf qabaa.” 16  “Jaalalleen koo kan koo ti, anis kan isaa ti.+ Inni abaaboowwan gidduutti tiksaa jira.+ 17  Yaa jaalallee koo,Akkuma borofaa+ yookiin akkuma ilmoo gadamsaa+ gaarota nu gidduutti argaman* irra jiraniitti,Yeroon guyyichi itti qilleensaʼu gaʼuu isaa fi gaaddisni darbuu isaa dura dafii deebiʼi.

Miiljaleewwan

Akaakuu abaaboo ti.
Kal., “mana daadhii wayiniitti.”
Ykn., “waqtiin roobaa.”
Gondoluu jechuun damee mukaa dulloome irraa muruu jechuu dha.
Ykn tarii, “gaarreen baqaqaa qaban.” Ykn., “gaarreen Beetar.”