Weedduu Weedduu caalu 3:1-11
3 “Halkan siree koo irra utuun jiruu,Isan jaalladhu* nan barbaade.+
Isa nan barbaade, garuu argachuu hin dandeenye.+
2 Ani kaʼee magaalattii keessa nan naannaʼe;Daandiiwwanii fi addabaabayiiwwan irraIsan jaalladhu* nan barbaada.
Isa nan barbaade, garuu argachuu hin dandeenye.
3 Waardiyyoonni naannaʼanii magaalattii eegan natti dhufan.+
Anis, ‘Isan jaalladhu* argitaniittuu?’ jedheen isaan gaafadhe.
4 Akkuman isaan bira darbeenIsan jaalladhu* nan argadhe.
Isa nan qabadhe,Gara mana hadhaa tiyyaatti,Gara diinqa kan ishii garaatti na baatte sanaatti hamman isa galchutti gad isa hin dhiisne.+
5 Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem,Borofawwanii fi gadamsawwan dirreetiin isin nan kaksiisa:
Hamma ofii isaatiin kakaʼutti, na keessatti jaalala dammaqsuuf yookiin kakaasuuf hin yaalinaa.”+
6 “Wanti qumbii fi ixaana adii,Akkasumas urgooftuuwwan daldaltootaa hundumaatiin urgeeffamee,+Akka utubaa aaraatti lafa onaa keessaa ol baʼaa jiru kun maali dha?”
7 “Inni siree Solomooni.
Dhiirota jajjaboo Israaʼel keessaa,Dhiironni jajjaboon jaatamni isatti marsaniiru,+
8 Hundi isaanii goraadee hidhataniiru,Hundi isaanii waraanaaf leenjiʼaniiru,Balaa halkanii irraa isa eeguufTokkoon tokkoon isaanii goraadee isaanii mudhiitti hidhataniiru.”
9 “Inni siree mootii* Solomoon MootichaaIsa inni mukeetii Libaanon irraa ofii isaatiif tolfate dha.+
10 Inni utubaawwan isaa meetii irraa,Deggertuuwwan isaas warqii irraa tolcheera.
Teessumni isaa suufii bifa dhiilgee irraa kan tolfame dha;Keessi isaas ijoollee durbaa YerusaalemiinAkka gaariitti kan miidhagfame dha.”
11 “Yaa ijoollee durbaa Xiyoon,Gad baʼaatii Solomoon Mooticha ilaalaa;Inni gonfoo cidhaa* haati isaa+Guyyaa gaaʼela isaatiif,Guyyaa garaan isaa itti gammadeef isaaf tolchite kaaʼateera.”
Miiljaleewwan
^ Ykn., “Isa lubbuun too jaallattu.”
^ Ykn., “Isa lubbuun too jaallattu.”
^ Ykn., “Isa lubbuun too jaallattu.”
^ Ykn., “Isa lubbuun too jaallattu.”
^ Kun siree xinnoo nama aangoo guddaa qabu baachuuf tajaajilu dha.
^ Ykn., “abaaboo akka gonfootti dhaʼame.”