Weedduu Weedduu caalu 4:1-16

  • Tiksee (1-5)

    • “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha” (1)

  • Shamarree (6)

  • Tiksee (7-16a)

    • “Yaa misirroo too, onnee koo boojiteetta” (9)

  • Shamarree (16b)

4  “Yaa jaalallee too, ati bareedduu dha. Ati bareedduu dha. Ijji kee shaashii kee keessatti akkuma ija gugee ti. Rifeensi kee akkuma tuuta reʼootaaGaarota Giiliyaad+ irraa gad yaaʼuu ti.   Ilkaan kee akkuma hoolota reefuu rifeensi irraa murameeDhiqamanii gad baʼaa jiranii ti,Hundi isaanii lakkuu lakkuu dhalu,Isaan keessaa ilmoo ishii kan dhabde tokko illee hin jirtu.   Hidhiin kee akkuma foʼaa diimaa ti,Dubbiin kees namatti tola. Maddiin* kee shaashii kee keessattiAkkuma romaanii bakka lamatti hiramee ti.   Mormi kee+ akkuma masaraa Daawit+Isa dhagaa wal irra kaaʼameen ijaaramee,Isa gaachanni kumni irratti fannifamuu,Isa gaachanni namoota jajjaboo hundi irratti fannifamuu ti.+   Harmi kee lamaan akkuma ilmoolee borofaa lamaa ti;Akkuma borofa lakkuu+Abaaboowwan gidduu dheedanii ti.”   “Yeroon guyyichi itti qilleensaʼu gaʼuu isaa fi gaaddisni darbuu isaa dura,Ani gara gaara qumbiitti,Gara tabba ixaana adiittis+ karaa koo nan qajeela.”   “Yaa jaalallee too, ati guutummaatti bareedduu dha,+Mudaa tokko illee hin qabdu.   Yaa misirroo too, Libaanon+ irraa naa wajjin kottu,Libaanon irraa naa wajjin kottu. Fiixee Amaanaa* irraa,Fiixee Seenir, fiixee Hermoon+ irraa,Holqa leencotaa keessaa, gaarota qeerransootaa keessaas gad buʼi.   Yaa obboleettii too, yaa misirroo too, onnee koo boojiteetta,Liphsuu ija kee tokkoon,Callee mormaa kee tokkoonis onnee koo boojiteetta.+ 10  Yaa obboleettii too, yaa misirroo too, ibsi jaalalaa kee akkam namatti tola!+ Ibsi jaalalaa kee daadhii wayinii irra,Urgaan urgooftuu keetiis wanta urgaaʼu+ kam irra iyyuu ni wayya!+ 11  Yaa misirroo too, hidhiin kee damma coccophsa.+ Dammii fi aannan arraba kee jala jiru,+Urgaan uffata keetii akkuma urgaa Libaanoni. 12  Obboleettiin too, misirroon too, akkuma iddoo biqiltuu cufamaa,Akkuma iddoo biqiltuu cufamaa, akkuma burqaa cufamee tis. 13  Latiiwwan* kee jannata* romaaniiIsa firiiwwan filatamoo, biqiltuu hiinnaa fi biqiltuu naardosii, 14  Naardosii+ fi saafron, marga urgaaʼuu+ fi qarafaa,+Mukeetii ixaana adii akaakuu hundumaa, qumbii fi argisa,*+Akkasumas urgooftuuwwan+ hunda caalaa baʼeessa taʼan hundumaa qabu dha. 15  Ati burqaa iddoo biqiltuu, boolla bishaan qulqulluu ti,Akkasumas lageen Libaanon irraa yaaʼani dha.+ 16  Yaa bubbee kaabaa, dammaqi;Yaa bubbee kibbaa, ol seeni. Iddoo biqiltuu kootti qilleensaʼi. Urgaan isaa haa tamsaʼu.” “Jaalalleen koo gara iddoo biqiltuu isaatti seeneeFiriiwwan filatamoo haa nyaatu.”

Miiljaleewwan

Ykn., “Illeen.”
Ykn., “Faallaa Libaanon.”
Ykn tarii, “Gogaan.”
Ykn., “iddoo biqiltuu.”
Akaakuu mukaa foolii urgaaʼu qabuu fi bara duriitti akka urgooftuutti tajaajilu dha.