Weedduu Weedduu caalu 5:1-16

  • Tiksee (1a)

  • Dubartoota Yerusaalem (1b)

    • ‘Ibsa jaalalaatiin machaaʼaa!’

  • Shamarree (2-8)

    • Abjuu ishii dubbatte

  • Ijoollee durbaa Yerusaalem (9)

    • “Jaalalleen kee jaalallee kan biraa kam irra iyyuu hammam caalee ti?””

  • Shamarree (10-16)

    • “Namoota kuma kudhan gidduudhaa illee ni mulʼata” (10)

5  “Yaa obboleettii too, yaa misirroo too,Ani gara iddoo biqiltuu kootti nan seene.+ Qumbii koo fi urgooftuu koo nan fudhadhe.+ Dhaaba dammaa koo fi damma koo nan nyaadhe;Daadhii wayinii koo fi aannan koo nan dhuge.”+ “Yaa michoota jaallatamo, nyaadhaa! Dhugaa, ibsa jaalalaatiinis machaaʼaa!”+   “Ani rafeera, garaan koo garuu dammaqaa dha.+ Jaalalleen koo yeroo balbala rurrukutu natti dhagaʼamaa jira! ‘Yaa obboleettii too, yaa jaalallee too,Yaa gugee too, yaa ishii mudaa hin qabne, balbala naaf bani! Mataan koo fixeensaan,Rifeensi koos jiidha halkaniitiin jiidheera.’+   Uffata koo of irraa baaseera. Deebiseen uffadhaa ree? Miila koo dhiqadheera. Deebiseen xureessaa ree?   Jaalalleen koo qaawwa balbalaa irraa harka isaa ni deebise,Miirri ani isaaf qabus ni kakaʼe.   Jaalallee kootiif balbala banuuf nan kaʼe;Qabannoo cuftuu irratti,Harki koo qumbii,Qubni koos dhangalaʼaa qumbii ni coccophse.   Jaalallee kootiif balbala nan bane,Jaalalleen koo garuu of irra garagalee deemeera. Yommuu inni deemus* abdiin kutadhe.* Isa nan barbaade, garuu argachuu hin dandeenye.+ Isa nan waame, inni garuu hin owwaanne.   Waardiyyoonni naannaʼanii magaalattii eegan natti dhufan. Isaan rukutanii na madeessan. Waardiyyoonni dallaa eegan haguuggii* koo na irraa fudhatan.   Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, isin nan kaksiisa: Jaalallee koo yoo argitan,Jaalalaan dhukkubsachuu koo itti naa himaa.”   “Yaa ishii dubartoota hunda caalaa bareedduu taate nana,Jaalalleen kee jaalallee kan biraa kam irra iyyuu hammam caalee ti? Ati kakaa akkanaa kan nu kaksiiste,Jaalalleen kee jaalallee kan biraa kam irra iyyuu hammam caalee ti?” 10  “Jaalalleen koo diimaa miidhagaa dha;Namoota kuma kudhan gidduudhaa illee ni mulʼata. 11  Mataan isaa warqii, warqii baʼeessa dha. Rifeensi isaa akkuma dameewwan muka meexxii asii fi achi raafamanii ti,*Akkuma arraagessaas gurraacha dha. 12  Ijji isaa akkuma gugee yaaʼaa bishaanii bira jirtuu,Akkuma bishaan kuufamaa bira* teesseeAannaniin dhiqachaa jirtuu ti. 13  Maddiin isaa akkuma siree urgooftuuwwanii,+Akkuma tuullaa baala urgaaʼuu ti. Hidhiin isaa abaaboo dhangalaʼaa qumbii coccophsu dha.+ 14  Qubni harka isaa warqii dha; qeensi quba isaas kirisoliixosi.* Garaan isaa ilkee arbaa cululuqfamee fi safiroosiin* uwwifame dha. 15  Miilli isaa utubaa dhagaa adii miiloo warqii baʼeessa taʼe irra dhaabame dha. Bifti isaa akkuma Libaanoni; akkuma muka gaattiraas gita kan hin qabne dha.+ 16  Afaan* isaa miʼaawaa dha,Inni guutummaan isaa namatti tola.+ Yaa ijoollee durbaa Yerusaalem, jaalalleen koo isa kana; inni ani jaalladhu kana dha.”

Miiljaleewwan

Ykn tarii, “Yommuu inni dubbatu lubbuun too na dhiiste.”
Ykn., “Lubbuun too ni deemte.”
Ykn., “shaashii.”
Ykn tarii, “akkuma teemirii walitti tuutaʼee ti.”
Ykn tarii, “qarqara fincaaʼaa.”
Kal., “Laagaan.”