Weedduu Weedduu caalu 6:1-13

  • Ijoollee durbaa Yerusaalem (1)

  • Shamarree (2, 3)

    • “Ani kan jaalallee koo ti, jaalalleen koos kan koo ti” (3)

  • Mootii (4-10)

    • “Ati akkuma Tirzaa bareedduu dha” (4)

    • Wanta dubartoonni dubbatan (10)

  • Shamarree (11, 12)

  • Mootii (fi namoota kan biroo) (13a)

  • Shamarree (13b)

  • Mootii (fi namoota kan biroo) (13c)

6  “Yaa ishii dubartoota hunda caalaa bareedduu taate nana,Jaalalleen kee eessa dhaqe? Jaalalleen kee garamitti gore? Kottu sii wajjin isa haa barbaannu.”   “Jaalalleen koo gara iddoo biqiltuu isaatti,Gara siree biqiltuu urgooftuutti,Iddoowwan biqiltuu keessatti tiksuuf,Akkasumas abaaboo kutuuf gad buʼeera.+   Ani kan jaalallee koo ti,Jaalalleen koos kan koo ti.+ Inni abaaboowwan gidduutti tiksaa jira.”+   “Yaa jaalallee too, ati akkuma Tirzaa*+ bareedduu dha,+Akkuma Yerusaalem miidhagduu dha,+Akkuma raayyaawwan faajjii isaaniitti marsanii jiraniitti baayʼee nama hawwatta.+   Ijji kee+ waan na boojiʼeef,Na irraa kaasi. Rifeensi kee akkuma tuuta reʼootaaIrraan gadee Giiliyaad irraa gad buʼaa jiruu ti.+   Ilkaan kee akkuma hoolotaDhiqamanii gad baʼaa jiranii ti,Hundi isaanii lakkuu lakkuu dhalu,Isaan keessaa ilmoo ishii kan dhabde tokko illee hin jirtu.   Maddiin* kee shaashii kee keessattiAkkuma romaanii bakka lamatti hiramee ti.   Mootuuwwan 60ni,Saajjatoowwan* 80ni,Shamarran lakkaaʼamuu hin dandeenyes+ jiraachuu dandaʼu.   Gugeen too+ ishiin mudaa hin qabne garuu takkittii dha. Ishiin haadha ishiitiif takkittii dha. Ishiin kan ishii deesse biratti baayʼee jaallatamtuu* dha. Ijoolleen durbaa ishii ilaalanii gammadduu akka taate dubbatu;Mootuuwwanii fi saajjatoonnis ishii jajatu. 10  ‘Ishiin akka barraaqaatti ibsitu,*Ishiin akka addeessa guutuutti bareeddu,Ishiin akka ifa aduutti qulqulluu taate,Ishiin akka raayyaawwan faajjii isaaniitti marsanii jiraniitti baayʼee nama hawwattu tun eenyu?’”+ 11  “Ani biqiltoota sulula* keessatti reefuu biqilan ilaaluuf,Mukti wayinii akka late,Mukti romaaniis akka daraare ilaaluuf,Gara iddoo biqiltuu muka gawuziitti*+ gad nan buʼe. 12  Utuman kana hin beekin,Hawwiin* kooGara gaariiwwan fardaa namoota koo warra iddoo guddaa* qabaniitti na geesse.” 13  “Yaa Shulaamittii, deebiʼi, deebiʼi! Akka si ilaalluuf,Deebiʼi, deebiʼi!” “Isin maaliif xiyyeeffannaadhaan Shulaamittii ilaaltu?”+ “Ishiin akkuma shubbisa garee namootaa lamaa ti!”*

Miiljaleewwan

Ykn., “Magaalaa Bareedduu.”
Ykn., “Illeen.”
Haadha manaa sadarkaa lammaffaa qabdu argisiisa.
Kal., “qulqulluu.”
Kal., “gad ilaaltu.”
Ykn., “laga gogaa.”
Gosa mukaa biyya Israaʼel keessatti biqiluu fi firii akka loozii godhatu.
Ykn., “Lubbuun.”
Ykn., “fedhii.”
Ykn., “shubbisa Mahaanaayimi.”