Weedduu Weedduu caalu 7:1-13
7 “Yaa intala kabajamtuu taate nana,Miilli kee kophee kee keessatti akkam bareeda!
Bocni tafa keetii akkuma faayawwanHarka ogeessaatiin tolfamanii ti.
2 Handhuurri kee saanii golboo dha.
Inni matumaa daadhii wayinii walitti makame hin dhabin.
Garaan kee tuullaa qamadiiAbaaboodhaan marfame dha.
3 Harmi kee lamaan akkuma ilmoolee borofaa lamaa,Akkuma borofa lakkuu ti.+
4 Mormi kee+ akkuma masaraa ilka arbaatiin tolfamee ti.+
Ijji kee+ lamaan akkuma bishaanota kuufamoo Heshboon+Warra karra Baatraabiim biratti argamanii ti.
Funyaan kee akkuma masaraa LibaanonIsa gara Damaasqootti garagale sanaa ti.
5 Mataan kee akkuma Qarmeelos+ ajaaʼibsiisaa dha,Rifeensi* kee+ akkuma suufii bifa dhiilgee+ ti.
Mootichi rifeensa kee isa jigeen boojiʼameera.*
6 Yaa durba jaallatamtuu nana, ati akkam bareedda, akkam nama gammachiista!
Wanta nama gammachiisu hundumaa caalaa baayʼee nama gammachiista!
7 Dhaabbiin kee akkuma muka meexxii ti.
Harmi kees akkuma teemirii walitti tuutaʼee ti.+
8 Anis, ‘Dameewwan firii isaa qabachuufMuka meexxiitti ol nan baʼa’ nan jedhe.
Harmi kee akkuma firii wayinii walitti tuutaʼee,Hafuurri kee akkuma urgaa poomii,
9 Afaan* kees akkuma daadhii wayinii hunda irra caaluu haa taʼu.”
“Daadhiin wayinii kun suuta jedhee jaalallee kootiif gad haa buʼu,Hidhii warra rafan sanaa irra suuta jedhee haa dhangalaʼu.
10 Ani kan jaalallee koo ti,+Innis na hawwa.
11 Yaa jaalallee koo, kottu,Gara dirreetti gad haa baanu;Biqiltoota hiinnaa+ gidduus haa bullu.
12 Mukti wayinii akka late,Daraaraan akka daraare,+Mukti romaaniis akka daraare ilaaluuf,+Ganamaan kaanee gara maasii wayinii haa dhaqnu.
Anis achitti jaalalan siif qabu nan ibsa.+
13 Firiiwwan+ urgaaʼaa jiru;Akaakuun firiiwwan filatamoo taʼanii hundi balbala keenya irra jiru.+
Yaa jaalallee koo, ani firii isa haaraas taʼe isa duraaniiSiif kaaʼeera.