Xalayaa Yaaqoob 5:1-20
5 Egaa isin sooreyyiin rakkinni isinitti dhufaa waan jiruuf, booʼaa, gadoodaas.+
2 Qabeenyi keessan tortoreera, uffanni keessanis biliidhaan nyaatameera.+
3 Warqii fi meetiin keessan ligidaaʼeera, ligidni isaaniis ragaa isinitti taʼa, foon keessanis ni nyaata. Wanti isin kuufattan guyyoota dhumaatti akka ibiddaa taʼa.+
4 Ilaa, mindaan isin hojjettoota maasii keessan irraa midhaan isiniif sassaaban dhowwattan iyyaa jira; iyyi haamtonni gargaarsaaf dhageessisan gurra Yihowaa* Gooftaa Raayyaa bira gaʼeera.+
5 Isin lafa irratti jireenya qananii jiraattaniittu, fedhii mataa keessaniis guuttattaniittu. Guyyaa qalmaatiif of* gabbistaniittu.+
6 Isin isa qajeelaa yakkamaa gootanii ajjeestaniittu. Inni isin mormaa jira mitii?
7 Egaa, yaa obbolootaa, hanga argama Gooftaatti obsaa.+ Kunoo, qonnaan bulaan hanga bokkaan inni jalqabaa fi bokkaan inni boodaa dhufutti obsee firii lafaa isa gatii guddaa qabu ni eeggata.+
8 Isinis obsaa;+ argamni Gooftaa waan dhihaateef garaa keessan cimsaa.+
9 Yaa obbolootaa, akka isinitti hin murteeffamneef,+ walitti hin gunguminaa. Kunoo, Abbaan Murtii balbala dura dhaabbateera.
10 Yaa obbolootaa, raajota maqaa Yihowaatiin* dubbatan+ ilaalaa, fakkeenya isaan rakkina dandaʼuu+ fi obsa argisiisuudhaan+ isiniif kaaʼan hordofaa.
11 Kunoo, warra jabaatanii dhaabbatan gammadoo* akka taʼanitti ilaalla.+ Iyyoob jabaatee akka dhaabbate dhageessaniittu;+ wanta Yihowaan* isaaf godhes argitaniittu;+ Yihowaan* jaalala guddaa kan qabuu fi gara laafessa dha.+
12 Keessumaa immoo yaa obbolootaa, samiidhaan yookiin lafaan yookiin wanta kan biraa kamiin iyyuu kakachuu dhiisaa. Kanaa mannaa, akka isinitti hin murteeffamneef, “Eeyyeen” keessan eeyyee, “Lakkiin” keessan lakkii haa taʼu.+
13 Isin gidduudhaa namni rakkinni irra gaʼe jiraa? Inni kadhachuu isaa itti haa fufu.+ Namni gammade jiraa? Inni faarfannaa galataa haa faarfatu.+
14 Isin gidduudhaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii gumii ofitti haa waammatu;+ isaanis maqaa Yihowaatiin* zayitii dibanii+ isaaf haa kadhatan.
15 Kadhannaan amantiidhaan dhihaate isa dhukkubsate* sana ni fayyisa, Yihowaanis* isa ni kaasa. Cubbuu hojjeteera yoo taʼes isaaf dhiifama.
16 Kanaafuu, fayyuu akka dandeessaniif cubbuu keessan ifatti walitti himadhaa,+ akkasumas waliif kadhadhaa. Wawwaannaan nama qajeelaa humna qaba, namoota gargaaruus ni dandaʼa.+
17 Eliyaas namuma miira akka keenyaa qabu ture; taʼus bokkaan akka hin roobne cimsee yommuu kadhatetti, biyyattii irratti waggaa sadii fi jiʼa jaʼaaf bokkaan hin roobne.+
18 Achiis lammata yommuu kadhatu samiin bokkaa kenne, biyyattiinis firii godhatte.+
19 Yaa obboloota koo, isin gidduudhaa namni tokko daandii dhugaa irraa yoo goree fi namni kan biraan immoo yoo isa deebise,
20 namni cubbamaa tokko daandii dogoggoraa irraa deebisu+ kam iyyuu duʼa irraa akka isa* oolchuu fi cubbuu hedduu akka haguugu beekaa.+
Miiljaleewwan
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kal., “garaa keessan.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “eebbifamoo.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn tarii, “dadhabe.”
^ Kutaa Dabalataa A5 ilaali.
^ Ykn., “lubbuu isaa.”