Yoonaas 3:1-10

  • Yoonaas Waaqaaf ajajamee gara Nanawwee dhaqe (1-4)

  • Namoonni Nanawwee ergaa Yoonaas dhagaʼanii yaada geddaratan (5-9)

  • Waaqayyo Nanawwee balleessuu dhiisuuf murteesse (10)

3  Achiis siʼa lammaffaadhaaf dubbiin Yihowaa gara Yoonaas ni dhufe, akkana jedhe:+  “Kaʼiitii gara Nanawwee+ magaalaa guddittii dhaqi; ergaa ani sitti himus ishiitti labsi.”  Kanaafuu, Yoonaas dubbii Yihowaatiif ajajamuudhaan+ kaʼee gara Nanawwee+ dhaqe. Nanawween magaalaa baayʼee guddoo* yeroo taatu, miilaan guyyaa sadii deemsisti turte.  Achiis Yoonaas gara magaalattiitti seenee adeemsa guyyaa tokkoo erga deemee booda, “Guyyaa 40 keessatti, Nanawween ni garagalfamti” jedhee labsuu jalqabe.  Namoonni Nanawwees Waaqayyotti ni amanan;+ sooma ni labsan, isa guddaadhaa hamma isa xinnaattis uffata gaddaa uffatan.  Ergaan sun mootii Nanawwee bira yommuu gaʼu, teessoo isaa irraa kaʼee uffata mootii of irraa baase; uffata gaddaa uffatees daaraa keessa taaʼe.  Kana malees, guutummaa Nanawwee keessatti labsii akkana jedhu labse: “Labsii mootichaa fi guguddoota isaa: Namnis taʼe horiin, loonis taʼan bushaayeen homaa hin nyaatin. Nyaata nyaachuus taʼe bishaan dhuguu hin qaban.  Namnis taʼe horiin uffata gaddaa haa uffatu; isaan garaadhaa gara Waaqayyootti haa iyyan; daandii isaanii isa hamaa fi gocha isaanii isa jalʼaa irraa haa deebiʼan.  Waaqni dhugaan wanta gochuuf yaade sana irra deebiʼee yaaduudhaan* akka nuti hin badneef dheekkamsa isaa isa bobaʼu irraa yoo deebiʼe maaltu beeka?” 10  Waaqni dhugaan wanta isaan godhan, akkamitti daandii isaanii isa hamaa irraa akka deebiʼan yommuu argu,+ badiisa isaan irratti akka fidu dubbate sana irra deebiʼee ni yaade;* badiisichas isaan irratti hin fidne.+

Miiljaleewwan

Kal., “magaalaa Waaqayyoof guddoo taate.”
Ykn., “ilaalchisee gaabbuudhaan.”
Ykn., “ilaalchisee ni gaabbe.”