Zakkaariyaas 12:1-14

  • Yihowaan Yihudaa fi Yerusaalemiif eegumsa godha (1-9)

    • Yerusaalem, “dhagaa ulfaataa” taati (3)

  • Isa waraaname sanaaf booʼuu (10-14)

12  Murtii Waaqayyo dabarse: Dubbiin Yihowaan Israaʼeliin ilaalchisee dubbate isa kana;Yihowaan inni samiiwwan diriirse,+Inni buʼuura lafaa kaaʼe,+Inni nama keessatti hafuura uume akkana jedha:  “Kunoo, ani Yerusaalem xoofoo* saboonni naannoo ishii jiran hundi akka gatantaran godhu akka taatu nan godha; Yihudaa fi Yerusaalemittis diinni ni marsa.+  Guyyaa sanatti Yerusaalem saboota hundumaatti dhagaa ulfaataa akka taatu nan godha. Kan ol ishii kaasan hundi akka malee ni miidhamu;+ saboonni lafa irraa hundis ishii irratti walitti ni qabamu.”+  Yihowaan akkana jedha: “Guyyaa sanatti ani farda hundumaa sodaadhaan, isa fardicha gulufus maraatummaadhaan nan rukuta. Ani ija koo mana Yihudaa irra nan kaaʼa; fardeen sabootaa hunda garuu nan jaamsa.  Dura buutonni Yihudaas garaa isaaniitti, ‘Jiraattonni Yerusaalem Waaqa isaanii Yihowaa Gooftaa Raayyaatiin kan kaʼe jabina keenya taʼaniiru’ jedhu.+  Guyyaa sanatti ani dura buutonni Yihudaa akka distii ibidda qabatee qoraan gidduu jiruu, akkasumas akka guca bobaʼuu fi midhaan reefuu haamame gidduu jiruu akka taʼan nan godha;+ isaan namoota naannoo isaanii mirgaa fi bitaadhaan jiran hundumaa ni nyaatu;+ jiraattonni Yerusaalemis iddoo isaanii,* eeyyee, Yerusaalem keessa jiraachuu isaanii itti fufu.+  “Yihowaan jalqaba dunkaanota Yihudaa ni oolcha; kanas kan godhu, bareedinni* mana Daawitii fi bareedinni* jiraattota Yerusaalem kan Yihudaa caalaa guddaa akka hin taaneefi.  Guyyaa sanatti Yihowaan jiraattota Yerusaalemiif ittisa ni taʼa;+ guyyaa sanatti isaan gidduudhaa namni gufatu* akka Daawit ni taʼa; manni Daawitis akka Waaqayyoo, akka maleekaa Yihowaa isaan dura deemuu ni taʼu.+  Guyyaa sanatti ani saboota Yerusaalem irratti dhufan hundumaa dhugumaan haxaaʼee nan balleessa.+ 10  “Ani mana Daawitii fi jiraattota Yerusaalem irratti hafuura fudhatama argachuu fi hafuura wawwaannaa nan dhangalaasa; isaanis gara isa waraanan sanaa ni ilaalu;+ akkuma ilma tokkichaaf booʼanitti isaaf ni booʼu; akkuma ilma angafaatiif gaddanittis baayʼee isaaf ni gaddu. 11  Guyyaa sanatti booʼichi Yerusaalem keessa jiraatu, akkuma booʼicha Hadaadrimoon ishii dirree Megidoo keessatti argamtuu guddaa ni taʼa.+ 12  Biyyattiin ni boossi; tokkoon tokkoon maatii kopha kophaatti, maatiin mana Daawit kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, maatiin mana Naataan+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, 13  maatiin mana Leewwii+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, maatiin Shimeʼiiwotaa+ kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti, 14  maatiiwwan hafan hundis tokkoon tokkoon maatii kopha kophaatti, dubartoonni isaaniis kophaatti ni booʼu.

Miiljaleewwan

Ykn., “saanii golboo.”
Ykn., “iddoo isaanii isa sirrii.”
Ykn., “simboon.”
Ykn., “simboon.”
Ykn., “inni hundumaa irra dadhabaan.”