Zakkaariyaas 14:1-21

  • Injifannoo guutuu waaqeffannaa dhugaan argate (1-21)

    • Gaarri ejersaa lamatti hirama (4)

    • Yihowaan tokko, maqaan isaas tokko ni taʼa (9)

    • Dhaʼicha mormitoota Yerusaalem irra gaʼu (12-15)

    • Ayyaana Daasii kabajuu (16-19)

    • Distiiwwan hundi Yihowaadhaaf qulqulleeffamu (20, 21)

14  “Kunoo, guyyaan Yihowaa, guyyaan wanti si* irraa boojiʼame suma gidduutti itti hihiramu ni dhufa.  Ani saboonni hundi Yerusaalem irratti kaʼanii akka ishii waraananiif walitti isaan nan qaba; magaalattiin ni qabamti, manneen ni saamamu, dubartoonnis ni gudeedamu. Jiraattota magaalattii keessaa walakkaan isaanii boojuudhaan ni fudhatamu; warri sabicha keessaa hafan garuu magaalattii keessaa hin balleeffaman.  “Yihowaan akkuma guyyaa waraanaatti lolutti+ baʼee saboota sana ni waraana.+  Guyyaa sanatti miilli isaa Gaara Ejersaa+ isa kallattii bahaatiin Yerusaalem fuullee jiru irra ni dhaabbata; Gaarri Ejersaa sunis bakka lamatti ni hirama; bahaa* hamma dhihaatti* baqaquudhaan sulula baayʼee guddaa taʼe tokko ni uuma; walakkaan gaarichaa gara kaabaatti, walakkaan isaa immoo gara kibbaatti ni siqa.  Sululli gaarota sanaa Azeel bira waan gaʼuuf, isin gara sulula gaarota kootiitti ni baqattu. Isin akkuma bara Ooziyaa mootii Yihudaatti yeroo kirkirri lafaa uumame baqattanitti ni baqattu.+ Waaqni koo Yihowaan ni dhufa; qulqulloonni hundis isaa wajjin ni taʼu.+  “Guyyaa sanatti ifni guddaan hin jiraatu,+ wanti hundis ni kantara.*  Guyyaan sun guyyaa addaa, guyyaa Yihowaa taʼuudhaan beekamu ni taʼa.+ Guyyaas taʼe halkan hin qabaatu; yeroo galgalaatti immoo ifni ni jiraata.  Guyyaa sanatti bishaan jireenyaa+ Yerusaalem keessaa baʼee+ walakkaan isaa gara galaana isa bahaatti,*+ walakkaan isaa immoo gara galaana isa dhihaatti* ni yaaʼa.+ Bonaa fi ganna akkana ni taʼa.  Yihowaan guutummaa lafaa irratti Mootii ni taʼa.+ Guyyaa sanatti Yihowaan tokko,+ maqaan isaas tokko ni taʼa.+ 10  “Geebaa+ irraa kaasee hamma Rimoon+ ishii Yerusaalem irraa kallattii kibbaatiin argamtutti guutummaan biyyattii akka Arabaa+ ni taati; ishiin iddoo ishii duriitti ni kaati, namoonnis ishii keessa ni jiraatu;+ isaanis Karra Biiniyaam irraa kaasee+ hamma iddoo Karra Jalqabaatti, hamma Karra Goleetti, akkasumas Masaraa Hanaanʼel irraa kaasee+ hamma iddoo cuunfaa wayinii mootichaatti achi ni jiraatu. 11  Namoonni ishii keessa ni jiraatu; sana booda abaarsi badiisa geessisu matumaa hin dhufu;+ Yerusaalem keessa namoonni nagaadhaan ni jiraatu.+ 12  “Dhaʼichi Yihowaan saboota Yerusaalem irratti waraana banan hundumaa ittiin rukutu isa kana:+ Foon isaanii utuma isaan miila isaaniitiin dhaabbatanii jiranii ni tortora, ijji isaanii boolla isaa keessatti ni tortora, arrabni isaaniis afaan isaanii keessatti ni tortora. 13  “Guyyaa sanatti Yihowaan isaan gidduu burjaajaʼuun akka babalʼatu ni godha; tokkoon tokkoon isaanii harka michuu isaanii ni qabatu; harki isaanii harka michuu isaanii irratti ni kaʼa.*+ 14  Yihudaanis waraana Yerusaalemitti godhamu irratti ni hirmaata; qabeenyi saboota naannoo isaanii jiranii, jechuunis warqiin, meetiinii fi uffanni hedduun walitti ni qabama.+ 15  “Dhaʼichi dhaʼicha sana fakkaatu, fardeen, gaangolii, gaalota, harrootaa fi horiiwwan buufatawwan sana keessatti argaman hundumaa irrattis ni dhufa. 16  “Saboota Yerusaalem irratti kaʼan hundumaa keessaa warri hafan hundi Mootichaaf, jechuunis Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif sagaduu*+ fi Ayyaana Daasii* kabajuuf+ waggaa waggaadhaan ol ni baʼu.+ 17  Haa taʼu malee, maatiiwwan lafa irra jiran keessaa eenyu iyyuu Mootichaaf, jechuunis Yihowaa Gooftaa Raayyaatiif sagaduuf gara Yerusaalemitti yoo ol baʼuu baate bokkaan isaaniif hin roobu.+ 18  Maatiin Gibxii kan ol hin baanee fi achitti kan hin seenne yoo taʼe, bokkaa hin argatan. Kanaa manaa, dhaʼicha isa Yihowaan saboota Ayyaana Daasii kabajuuf ol hin baane ittiin rukutuun ni rukutamu. 19  Gibxiinii fi saboonni Ayyaana Daasii kabajuuf ol hin baane hundi cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe adabni isaan irratti dhufu isa kana. 20  “Guyyaa sanatti jechi, ‘Qulqullummaan kan Yihowaa ti!’+ jedhu bilbila fardeen irratti rarraafamu irratti ni barreeffama. Distiiwwan+ mana Yihowaa keessa jiranis akkuma saaniiwwan golboo+ iddoo aarsaa fuuldura jiranii ni taʼu. 21  Distiin Yerusaalemii fi Yihudaa keessa jiru hundi qulqulluu ni taʼa, kan Yihowaa Gooftaa Raayyaas ni taʼa; warri aarsaa dhiheessan hundi ol seenanii foon affeeluuf isaan keessaa tokko tokkotti ni fayyadamu. Guyyaa sanatti mana Yihowaa Gooftaa Raayyaa keessatti namni biyya Kanaʼaan* lammata hin argamu.”+

Miiljaleewwan

Jechuunis, magaalaa lakk. 2 irratti ibsamte.
Ykn., “baha biiftuutii.”
Kal., “galaanichaatti.”
Ykn., “kan hin sochoone taʼa,” akka waan qorri isa gogsetti.
Jechuunis, Galaana Meditiraaniyaa.
Jechuunis, Galaana Duʼaa.
Ykn., “namni tokko nama isa kan biraa ni rukuta.”
Ykn., “Bakka Yeroo Muraasaaf Keessa Turan.”
Ykn., “waaqeffannaa dhiheessuu.”
Ykn tarii, “daldaltuun.”