Zakkaariyaas 2:1-13

  • Mulʼata 3: Namicha wadaroo safaraa qabate (1-13)

    • Yerusaalem ni safaramti (2)

    • Yihowaan “dallaa ibiddaa ishiitti marsee jiru” taʼa (5)

    • Qaroo ija Yihowaa tuquu (8)

    • Saboonni hedduun Yihowaa cinaa dhaabbatu (11)

2  Anis ol jedhee yommuun ilaalu namicha wadaroo safaraa+ harka isaatti qabate tokko nan arge.  Kanaafuu, “Eessa dhaqxa?” jedheen isa gaafadhe. Innis, “Dalga ishii fi dheerina ishii beekuuf, Yerusaalemiin safaruufan dhaqa”+ jedhee deebise.  Kunoo, maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun gad baʼe; maleekaan kan biraanis isa argachuu dhufe.  Achiis akkana isaan jedhe: “Gara achiitti fiigiitii dargaggeessa sanaan akkana jedhi: ‘“Yerusaalem namootaa fi horii ishii keessa jiran hundumaatiin kan kaʼe akkuma gandeen dallaa hin qabneetti kan namni keessa jiraatu ni taati.+  Anis dallaa ibiddaa ishiitti marsee jiru ishiidhaaf nan taʼa;+ ulfinni koos ishii gidduu ni jiraata”+ jedha Yihowaan.’”  “Kottaa! Kottaa! Biyya kaabaa keessaa baqadhaa”+ jedha Yihowaan. “Sababiin isaas, ani gara bubbeewwan samii arfaniitti isin bittinneesseen ture”+ jedha Yihowaan.  “Yaa Xiyoon ishii intala Baabilonii wajjin jiraattu nana, miliqii kottu.+  Sababiin isaas, Yihowaan Gooftaan Raayyaa inni erga ulfina argatee booda* saboota isin saamanii turanitti na erge akkana jedha:+ ‘Kan isin tuqu kam iyyuu qaroo ija kootii tuqa.+  Ani harka koo isaan irratti nan raasa, isaanis garbootuma isaaniitiin ni saamamu.’+ Isinis Yihowaan Gooftaan Raayyaa akka na erge dhugumaan ni beektu. 10  “Yaa intala Xiyoon,+ gammachuudhaan ililchi; sababiin isaas, ani nan dhufa,+ si gidduus nan jiraadha”+ jedha Yihowaan. 11  “Guyyaa sanatti saboonni hedduun Yihowaa cinaa ni dhaabbatu,+ isaanis saba koo ni taʼu; ani si gidduu nan jiraadha.” Atis Yihowaan Gooftaan Raayyaa gara keetti akka na erge dhugumaan ni hubatta. 12  Yihowaan lafa qulqulluu irratti Yihudaa gaʼee isaa godhatee akka dhaalaatti ni fudhata; inni ammas Yerusaalemiin ni filata.+ 13  Isin foon* hundi, inni iddoo jireenyaa isaa isa qulqulluu irraa tarkaanfii waan fudhatuuf, Yihowaa duratti calluma jedhaa.

Miiljaleewwan

Kal., “ulfina booda.”
Ykn., “Ilmaan namootaa.”