Zakkaariyaas 3:1-10

  • Mulʼata 4: Uffanni luba ol aanaa ni jijjiirame (1-10)

    • Seexanni Iyyaasuu isa luba ol aanaa taʼe morme (1)

    • “Ani Latii isa tajaajilaa koo taʼe nan fida!” (8)

3  Innis Iyyaasuu luba ol aanaa isa maleekaa Yihowaa dura dhaabbatee jiru natti argisiise;+ Seexanni immoo+ isa mormuuf karaa harka mirgaa isaatiin dhaabbatee ture.  Achiis maleekaan Yihowaa sun Seexanaan akkana jedhe: “Seexana nana,+ Yihowaan si haa ifatu, eeyyee, Yihowaan inni Yerusaalemiin filate+ si haa ifatu! Inni kun muka ibidda keessaa butamee baʼe mitii?”  Yeroo kanatti Iyyaasuun uffata xuraaʼaa uffatee maleekaa sana dura dhaabbatee ture.  Maleekaan sunis warra isa dura dhaabbatanii jiraniin, “Uffata isaa isa xuraaʼaa irraa baasaa” jedhe. Achiis, “Ilaa, ani balleessaan* kee akka si irraa fagaatu godheera, atis uffata gaarii* ni uffatta”+ isaan jedhe.  Kanaafuu ani, “Maratni mataa qulqulluun mataa isaa irra haa kaaʼamu”+ nan jedhe. Isaanis marata mataa qulqulluu mataa isaa irra ni kaaʼan, uffatas isatti ni uwwisan; maleekaan Yihowaas achi dhaabbatee ture.  Achiis maleekaan Yihowaa sun Iyyaasuudhaan akkana jedhe:  “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ati daandii koo irra yoo deddeebitee fi itti gaafatamummaa na duratti qabdu yoo raawwatte, mana koo keessatti abbaa murtii taatee ni tajaajilta;+ mooraa koos ni kunuunsita;* ani warra as dhaabbatan gidduu deddeebiʼuuf mirga akka qabaattu nan godha.’  “‘Yaa Iyyaasuu Luba Ol Aanaa, maaloo dhagaʼi, michoonni kee warri si dura taaʼanis haa dhagaʼan; sababiin isaas, namoonni kun akka mallattootti tajaajilu; kunoo, ani Latii+ isa tajaajilaa koo taʼe nan fida!+  Dhagaa ani Iyyaasuu dura kaaʼe kana ilaalaa! Dhagaa tokko irra ija torbatu jira; ani barreeffama tokko isa irratti nan boca; balleessaa biyya sanaas guyyaa tokkotti irraa nan fuudha’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.+ 10  “‘Guyyaa sanatti, tokkoon tokkoon keessan muka wayinii fi muka harbuu keessan jalatti ollaa keessan ni affeertu’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “yakki.”
Ykn., “uffata guyyaa addaatti uffatamu.”
Ykn., “ni toʼatta; ni eegda.”