Zakkaariyaas 5:1-11

  • Mulʼata 6: Maraa kitaabaa balaliʼu (1-4)

  • Mulʼata 7: Miʼa eefaa (5-11)

    • Dubartiin achi keessa jirtu Hammina jedhamte (8)

    • Miʼichi gara Shinaaritti geeffame (9-11)

5  Ammas ol jedhee yommuun ilaalu, maraa kitaabaa balaliʼu tokko nan arge.  Innis, “Maaltu sitti mulʼata?” jedhee na gaafate. Anis, “Maraa kitaabaa balaliʼuu fi dheerinni isaa dhundhuma* 20, dalgi isaa immoo dhundhuma 10 taʼe tokkotu natti mulʼata” jedheen deebise.  Achiis akkana naan jedhe: “Kun abaarsa guutummaa lafaa irratti baʼu dha; sababiin isaas, namni hatu kam iyyuu+ akka karaa tokkoon isa irratti barreeffametti hin adabamne; namni kakaa kakatu kam iyyuus+ akka karaa isa kan biraatiin irratti barreeffametti hin adabamne.  ‘Ani isa ergeera, innis mana hattuu sanaa fi mana isa maqaa kootiin sobaan kakatu sanaa keessa ni seena; manuma sana keessa turees, manicha, muka isaa fi dhagaa isaa ni nyaata’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”  Achiis maleekaan anaa wajjin dubbachaa ture sun natti dhihaatee, “Maaloo, ol jedhiitii wanta baʼaa jiru ilaali” naan jedhe.  Anis, “Maali dha?” jedheen gaafadhe. Innis, “Kun miʼa eefaa* baʼaa jiru dha” jedhee naaf deebise. Itti fufees, “Guutummaa lafaa irratti bifti isaanii kana dha” naan jedhe.  Achiis qadaadni geengoon sibiila irsaasii irraa tolfame tokko yommuu ol kaafamu nan arge; miʼa sana keessas dubartiin takka teessee turte.  Innis, “Dubartiin tun hammina bakka buuti” naan jedhe. Achiis inni miʼa safartuu eefaa sana keessatti gad ishii deebisee qadaada sibiila irsaasii irraa tolfame sana afaan isaatti qadaade.  Achiis ol jedhee yommuun ilaalu dubartoonni lama gara fuulduraatti yommuu dhufan nan arge; isaan qilleensa keessa barrisaa turan. Isaan qoochoo kan akka allaattii awwaannisaa qabu turan. Achiis miʼicha qilleensa keessatti* ol fuudhan. 10  Anis maleekaa anaa wajjin dubbachaa ture sana, “Miʼa safartuu eefaa sana eessatti geessaa jiru?” jedheen gaafadhe. 11  Innis, “Mana ishiidhaaf ijaaruuf gara biyya Shinaaritti*+ ishii geessu; yommuu manichi qopheeffamus achi, iddoo ishii isa sirrii keessa kaaʼamti” jedhee deebise.

Miiljaleewwan

Dhundhumni tokko 44.5 cm dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “Kun eefaa,” as irratti miʼa ykn guuboo eefaa tokko safaruuf oolu argisiisa. Eefaan tokko 22 L dha. Kutaa Dabalataa B14 ilaali.
Kal., “lafaa fi samii gidduutti.”
Jechuunis, Baabiloniyaa.