Zakkaariyaas 7:1-14

  • Yihowaan sooma garaadhaa hin taane ni balaaleffata (1-14)

    • “Dhuguma anaaf soomtanii?” (5)

    • ‘Haqa, jaalala amanamaa fi gara laafina walitti argisiisaa’ (9)

7  Daariyos mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jiʼa saglaffaatti, jechuunis jiʼa Kiisluutti,* jiʼicha keessaas guyyaa arfaffaatti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Zakkaariyaas+ ni dhufe.  Namoonni Beetel Yihowaan gaarummaa akka isaanitti argisiisu kadhachuuf Shaarezer, Regeem Meleekii fi namoota isaa ergan;  isaanis luboota mana* Yihowaa gooftaa raayyaa fi raajota, “Akkuma waggoota hedduudhaaf gochaa turretti, jiʼa shanaffaatti booʼuu+ fi nyaata lagachuu qabnaa?” jedhanii gaafatan.  Ammas dubbiin Yihowaa Gooftaa Raayyaa akkana jedhu gara koo ni dhufe:  “Namoota biyyattii hundumaa fi lubootaan akkana jedhi: ‘Isin waggaa 70f+ jiʼa shanaffaa fi jiʼa torbaffaatti+ yeroo soomaa fi booʼaa turtanitti, dhuguma anaaf soomtanii?  Yeroo nyaachaa fi dhugaa turtanitti hoo, kan nyaattanii fi kan dhugdan ofiif jettanii mitii?  Isin yeroo Yerusaalemii fi magaalota ishiitti marsanii jiran keessa namoonni jiraachaa turanittii fi nagaan jiru sanatti, akkasumas yeroo Negeebii fi Shefelaa keessa namoonni jiraachaa turanitti, dubbii Yihowaan karaa raajota isaa warra durii dabarseef ajajamuu hin qabdan turtanii?’”+  Ammas dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Zakkaariyaas ni dhufe:  “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Haqaan murtii kennaa;+ jaalala amanamaa+ fi gara laafina walitti argisiisaa. 10  Dubartii abbaan manaa irraa duʼe yookiin mucaa abbaa hin qabne,*+ nama biyya ormaa+ yookiin hiyyeessa hin gowwoomsinaa;+ garaa keessan keessattis waan hamaa wal irratti hin yaadinaa.’+ 11  Isaan garuu dhagaʼuu didan;+ mata jabeeyyii taʼuudhaan na irraa garagalan;+ akka hin dhageenyeefis gurra isaanii cuqqaalan.+ 12  Isaan garaa isaanii akkuma dhagaa* ni jabeessan;+ seerichaa* fi dubbii Yihowaan Gooftaan Raayyaa karaa raajota durii hafuura isaatiin ergeefis hin ajajamne.+ Kanaan kan kaʼes, Yihowaa Gooftaa Raayyaa irraa dheekkamsi guddaan ni dhufe.”+ 13  “‘Isaan yommuu ani* isaan waame akkuma na hin dhageenye,+ anis yommuu isaan na waaman hin dhagaʼu’+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa. 14  ‘Ani saboota isaan sana dura hin beekne hundumaa gidduutti bubbee cimaadhaan isaan nan bittinneesse;+ biyyattiinis ona taate; namni ishii keessa darbus taʼe gara ishiitti deebiʼu hin jiru ture;+ sababiin isaas, isaan biyya bareedduu taate gara wanta sodaachisaatti jijjiiraniiru.’”

Miiljaleewwan

Ykn., “mana qulqullummaa.”
Ykn., “warri jalaa duʼan.”
Jechi Afaan Ibrootaa almaazii ykn dhagaa jabaa kan biraa kan argisiisu taʼuu dandaʼa.
Ykn., “barumsaa.”
Kal., “inni.”