Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 37

Yihowaa fi Ilmasaa Yaadachuu

Yihowaa fi Ilmasaa Yaadachuu

NAMNI tokko kennaa adda taʼe utuu sii kennee maaltu sitti dhagaʼama?— Erga isa galateeffattee booda, waaʼee nama sanaa guutummaatti ni irraanfattaa? Moo namichas taʼe wanta inni sii godhe ni yaadatta?—

Yihowaan kennaa adda taʼe nuu kenneera. Ilmisaa gara lafaa dhufee akka nuuf duʼu godheera. Yesus nuuf duʼuunsaa maaliif akka barbaachise beektaa?— Kana hubachuun keenya barbaachisaadha.

Boqonnaa 23ffaarratti akkuma baranne, Addaam seera Waaqayyoo isa mudaa hin qabne yeroo cabsetti cubbuu hojjeteera. Nuyis Addaam isa hunda keenyaaf abbaa taʼerraa cubbuun nutti darbeera. Kanaaf, maaltu kan nu barbaachisu sitti fakkaata?— Abbaa garabiraa, lafarratti jireenya mudaa hin qabne jiraate argachuun nu barbaachisa. Maarree eenyutu abbaa akkasii nuu taʼuu dandaʼa jettee yaadda?— Yesus abbaa akkasii nuu taʼuu dandaʼa.

Yihowaan Yesusiin gara lafaatti kan erge, bakka Addaam buʼee abbaa akka nuu taʼuufidha. Macaafni Qulqulluun, ‘Addaam inni duraa lubbuu taʼe, Addaam inni lammaffaanimmoo hafuura jireenya kennu taʼe’ jedha. Addaam inni duraa eenyudha?— Eeyyee, nama Waaqayyo biyyoo lafaarraa uume sanadha. Addaam inni lammaffaanoo eenyudha?— Yesusidha. Macaafni Qulqulluun, “Namichi inni duraa [Addaam] biyyoo irraa waan uumameef, nama biyya lafaa ti; namichi inni lammaffaan [Yesus] immoo nama waaqa irraa ti” jechuudhaan dubbata.—1 Qorontos 15:45, 47; Uumama 2:7.

Waaqayyo lubbuu Yesus samiirraa fuudhee garaa Maariyaam keessa waan kaaʼeef, Yesus Addaamirraa cubbuu tokkoyyuu hin fudhanne. Yesus nama mudaa hin qabne kan taʼe kanaafidha. (Luqaas 1:30-35) Ergamaan tokko yeroo Yesus dhalate tiksitootaan, “Harʼa . . . fayyisaan isiniif dhalateera” kan jedhes kanaafi. (Luqaas 2:11) Haataʼu malee, Yesus inni daaʼima ture fayyisaa keenya taʼuuf, duraan dursee maal taʼuu qaba?— Guddatee akkuma Addaam gaʼeessa taʼuu qaba ture. Sana booda Yesus, ‘Addaam isa lammaffaa’ taʼuu dandaʼa.

Fayyisaa keenya kan taʼe Yesus, “Abbaa bara baraa” nuu taʼa. Macaafa Qulqulluu keessatti akkas jedhameera. (Isaayaas 9:6, 7) Eeyyee, Addaam isa yommuu cubbuu hojjete mudaa godhate mannaa, Yesus inni mudaa hin qabne abbaa nuu taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, “Addaam inni lammaffaan” abbaa keenya akka taʼu filachuu dandeenya. Yesus nuuf abbaa taʼuu dandaʼuyyuu, Yihowaadhaaf garuu Ilmasaati.

Addaamii fi Yesus kan wal fakkaatan akkamitti ture? Wal fakkaachuunsaanii barbaachisaa kan turehoo maaliifi?

Waaʼeesaa barachuudhaan, Yesusiin fayyisaa keenya godhachuu dandeenya. Maalirraa fayyuun akka nu barbaachisu ni yaadattaa?— Eeyyee, cubbuufi duʼa Addaamirraa dhaallerraa fayyuun nu barbaachisa. Lubbuun Yesus inni mudaa hin qabneefi erga nama guddaa taʼee booda aarsaa godhee nuu kenne, furee jedhama. Yihowaan cubbuun keenya akka nurraa balleeffamuuf furee nuu qopheesseera.—Maatewos 20:28; Roomaa 5:8; 6:23.

Wanta Waaqayyoofi Ilmisaa nuu godhan irraanfachuu hin barbaannu mitii?— Yesus, qophii adda taʼeefi wanta inni nuu godhe yaadachuuf nu gargaaru tokko duuka buutotasaatti argisiiseera. Mee waaʼee kanaa haa mariʼannu.

Yerusaalem keessa kutaa fooqiirra jiru tokkorra jirta haa jennu. Yeroonsaa galgalaaʼeera. Yesusiifi ergamoonnisaa minjaala tokkotti marsanii taaʼaniiru. Minjaala sanarrammoo foon hoolaa waadame, maxinoowwan haphiiniifi wayinii diimaan taaʼeera. Yeroo kanatti nyaata adda taʼe nyaachaa jiru. Maaliif akka taʼe beektaa?—

Nyaanni kun, Yihowaan waggoota dhibbaan lakkaaʼaman dura yommuu sabni Israaʼel biyya Gibxii turan maal akka isaaniif godhe kan isaan yaadachiisu ture. Yeroo sanatti Yihowaan Israaʼelootaan, ‘Ilmoo hoolaa tokko maatii tokkoof qalaatii dhiigasaa maqaanii balbala keessaniitti dibaa’ jedheenii ture. Achiis, ‘Gara mana keessanii dhaqaatii foonicha nyaadhaa’ jedheen.

Dhiigni hoolaa saba Israaʼel kan fayyade akkamitti?

Israaʼeloonnis akkasuma godhan. Ergamaan Waaqayyoo halkanuma sana biyya Gibxii keessa darbe. Manneen hedduu keessaas ijoollee angafoota taʼan ajjeese. Haataʼu malee, dhiiga hoolaa maqaanii balbalaarratti dibame yommuu argu, manicha bira ni darba ture. Manneen sana keessaa daaʼimni tokkoyyuu hin ajjeefamne. Mootii Gibxii kan ture Faraʼoon, wanta ergamaan Yihowaa raawwate yommuu arge ni sodaate. Kanaaf Israaʼelootaan, ‘Deemuu dandeessu. Biyya Gibxii keessaa baʼaa!’ jedhe. Yeroo kanatti, Israaʼeloonni gaalotaafi harrootasaanii feʼatanii biyyicha keessaa baʼan.

Yihowaan sabnisaa akkamitti birmaduu akka isaan baase akka irraanfatan waan hin barbaanneef, ‘Nyaata harʼa galgala nyaattan kana waggaa waggaadhaan nyaadhaa’ jedheen. Isaanis nyaata adda taʼe kana, Faasikaa ykn bira darbuu jedhanii moggaasan. Maaliif akka taʼe beektaa?— Galgala sana ergamaan Waaqayyoo manneen dhiiga hoolaa dibaman sana ‘bira waan darbeef’ ture.—Baʼuu 12:1-13, 24-27, 31.

Yesusiifi ergamoonnisaa yommuu nyaata Faasikaa nyaatan waaʼee kanaa yaadaa turan. Sana booda, Yesus wanta baayʼee barbaachisaa taʼe tokko godhe. Kana gochuusaa dura garuu, Yihudaa isa gantuu taʼe manicha keessaa baase. Yesus maxinoo isaanirraa hafe keessaa tokko fuudhee erga kadhatee booda, caccabsee bartootasaatiif kenne. Achiis, “Fudhadhaa nyaadhaa” jedheen. Sana booda, ‘Kun dhagnakoo isan yommuun isiniif jedhee duʼu kennu bakka buʼa’ jedhe.

Achiis Yesus wayinii diimaa sana kaasee kadhannaadhaan Waaqayyoon erga galateeffatee booda wayinicha isaaniif kennee, ‘Hundumti keessan kanarraa dhugaa!’ jedheen. Sana booda, ‘Wayiniin kun dhiigakoo kan bakka buʼudha. Dhiheenyatti cubbuurraa walaba isin gochuuf dhiigakoo nan dhangalaasa. Kana yaadannoo kootiif godhaa’ jedheen.—Maatewos 26:26-28; 1 Qorontos 11:23-26.

Dhiigni Yesus inni wayinii wajjin wal fakkeeffame faayidaa akkamii nuuf argamsiisa?

Yesus duuka buutonnisaa isa yaadachuuf kana akka godhan itti himuusaa hubattee?— Sana booda Faasikaa hin nyaatan. Kanaa mannaa, waggaatti al tokko nyaata adda taʼe kana nyaachuudhaan Yesusiifi duʼasaa yaadatu. Nyaanni kun Irbaata Gooftaa jedhama. Yeroo ammaattimmoo Ayyaana Yaadannoo jennee waamna. Maaliif?— Wanta Yesusiifi Yihowaan nuu godhan waan nu yaadachiisuufidha.

Maxinoon sun foon Yesus nu yaadachiisa. Yesus jireenya barabaraa akka argannuuf, fedhiisaatiin foonsaa aarsaa nuu godheera. Wayiniin diimaan sunoo maal nu yaadachiisa?— Faayidaa dhiigni Yesus qabu nu yaadachiisa. Dhiigni kun, dhiiga hoolota Faasikaa biyya Gibxiitti qalamanii caalaa faayidaa kan qabudha. Maaliif akka taʼe beektaa?— Macaafni Qulqulluun, dhiigni Yesus dhiifama cubbuu nuuf argamsiisuu akka dandaʼu dubbata. Yeroo cubbuun keenya hundi nuu dhiifamu, hin dhukkubsannu, hin dulloomnu, akkasumas hin duunu. Yommuu Ayyaana Yaadannoorratti argamnu kana yaadachuu qabna.

Namoonni hundi maxinoo Ayyaana Yaadannoorratti dhihaatu nyaachuufi wayinicha dhuguu qabuu?— Yesus namoota maxinoo sana nyaataniifi wayinicha dhuganiin, ‘Yeroo mootummaa kootti anaa wajjin samiirratti teessoo mootiirra teessu’ jedheera. (Luqaas 22:19, 20, 30) Kana jechuun, Yesusii wajjin mootota taʼuuf gara samii dhaqu jechuudha. Kanaaf, namoota samiirratti Yesusii wajjin bulchuuf abdii qaban qofatu maxinoofi wayinii kanarraa hirmaachuu qaba jechuudha.

Haataʼu malee, namoonni maxinicha hin nyaanneefi wayinicha hin dhugnellee Ayyaana Yaadannoorratti argamuu qabu. Maaliif akka taʼe beektaa?— Yesus nuufis lubbuusaa waan kenneefidha. Ayyaana Yaadannoorratti argamuudhaan, wanta nuu godhame akka hin irraanfanne argisiisna. Yeroo hunda kennaa Waaqayyoo isa adda taʼe kana ni yaadanna.

Caqasawwan fureen Yesus barbaachisaa taʼuusaa argisiisan, 1 Qorontos 5:7; Efesoon 1:7; 1 Ximotewos 2:5, 6 fi 1 Phexros 1:18, 19 kan dabalatanidha.