Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 46

Bishaan Badiisaa Deebiʼee ni Dhufaa?

Bishaan Badiisaa Deebiʼee ni Dhufaa?

NAMOONNI waaʼee dhuma biyya lafaa yommuu dubbatan dhageessee beektaa?— Yeroo ammaatti namoonni hedduun waaʼee kanaa ni dubbatu. Namoonni tokko tokko, biyyi lafaa waraana ilmaan namootaa boombii niwukilariitti fayyadamanii godhaniin balleeffama jedhanii yaadu. Waaqayyo namoonni lafa keenya ishee bareedduu akka balleessan kan godhu sitti fakkaataa?—

Akkuma kanaan dura baranne, Macaafni Qulqulluun waaʼee dhuma biyya lafaa yommuu dubbatu, ‘Biyyi lafaa in darba’ jedha. (1 Yohannis 2:17) Badiisa biyya lafaa jechuun garuu, badiisa lafa kanaa jechuudhaa?— Akkas jechuu miti. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo lafa kan uume namoonni “akka irra jiraatanii” gammadaniif taʼuusaa dubbata. (Isaayaas 45:18) Faarfannaan 37:29, “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, [‘lafa in dhaalu,’ hiika bara 1899] yeroo hundumaafis keessa in taaʼu” jedha. Kanaan kan kaʼes, Macaafni Qulqulluun lafti barabaraaf akka jiraattu dubbata.—Faarfannaa 104:5; Lallaba 1:4.

Dhuma biyya lafaa jechuun, badiisa lafaa jechuu erga hin taanee maal jechuudharee?— Wanta bara Nohitti taʼe akka gaariitti yoo qoranne, deebii gaaffii kanaa argachuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun, “Bishaanuma sanaan immoo biyyi lafaa inni yeroo sana ture sun liqimfamee akka balleeffame” dubbata.—2 Phexros 3:6.

Namni Bishaan Badiisaa bara Nohitti gaʼerraa oole jiraa?— Macaafni Qulqulluun Waaqayyo, “bara biyya lafaa isa kan warra Waaqayyo malee jiraatanii, bishaan irra lolaases, Nohin isa qajeelina lallabu, namoota biraa torbaa wajjin oolche” jedha.—2 Phexros 2:5.

Biyyi lafaa bara Nohitti bade maalidha?

Maarree, biyyi lafaa inni bade maal ture? Lafa kanamoo namoota gadheedha?— Macaafni Qulqulluun, kan badan “warra Waaqayyo malee jiraatan” akka taʼan dubbata. Nohi ‘lallabaa’ akka jedhame qalbeeffadhu. Waaʼee maalii lallabaa kan ture sitti fakkaata?— “Biyyi lafaa inni yeroo sana ture” akka balleeffamu akeekkachiisaa ture.

Yesus yeroo waaʼee Bishaan Badiisaa isa guddaa dubbatu, badiisni sun gaʼuusaa dura namoonni maal gochaa akka turan bartootasaatti himeera. Yesus, “Bara sana bishaan badiisaa dura, hamma gaafa Nohi markabatti galetti, namoonni nyaachaa, dhugaa, fuudhaa, heerumaas turan. Isaan hamma gaafa bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokketti, utuu hin beekin akka turan” isaanitti himeera. Biyyi lafaa kun baduusaa duras namoonni akkasuma akka godhan dubbateera.—Maatewos 24:37-39.

Wanti Yesus dubbate, wanta namoonni Bishaan Badiisaa dura gochaa turanirraa barumsa argachuu akka dandeenyu argisiisa. Boqonnaa 10⁠ffaa kitaaba kanaa yeroo dubbistu, wanta namoonni sun raawwatan ni yaadattaa?— Namoonni tokko tokko humnaan warra kaanirratti miidhaa geessisu turan. Yesus akka dubbatetti, namoonni hedduunimmoo wanta Nohi lallabu dhagaʼuu hin barbaadan turan.

Kanaaf, Yihowaan namoota hamoo lolaadhaan kan balleessu taʼuusaa akkuma Nohitti hime guyyaan badiisaa sun ni dhufe. Bishaanichi gaarotallee dabalatee guutummaa lafaa kan liqimsu ture. Yihowaan, Nohi markaba guddaa akka ijaaru itti himee ture. Duubatti deebitee fakkii fuula 238⁠rra jiru ilaaluu akka dandeessutti, markabni kun saanduqa guddaa fakkaata.

Waaqayyo, Nohi markaba maatiisaafi bineensota hedduu badiisarraa oolan qabachuu dandaʼu akka ijaaru itti hime. Nohiifi maatiinsaa markaba kana ijaaruuf jabaatanii hojjetaniiru. Muka gurguddaa muranii markabicha ijaaraniiru. Markabni kun baayʼee guddaa waan taʼeef, ijaarsisaa waggoota hedduu isaanitti fudhateera.

Nohi, yeroo markaba ijaaraa ture hundatti hojii garabiraa akkamii hojjechaa akka ture beektaa?— Bishaan Badiisaa dhufuuf akka jedhu namoota akeekkachiisuudhaan lallabaa ture. Namoonni isa dhagaʼan jiru turanii? Maatiisaa malee namni isa dhagaʼe hin jiru. Warri kaan wantoota garabiraa hojjechuutti qabamanii turan. Yesus wanta namoonni kun gochaa turan ilaalchisee maal akka jedhe ni yaadattaa?— Nyaataafi dhugaatiitti akkasumas fuudhaafi heerumatti qabamanii turan. Namoota gadhee taʼuusaanii hin hubanne; yeroo fudhataniis Nohiin hin dhaggeeffanne. Wanta sababii kanaan isaanirra gaʼe haa ilaallu.

Nohiifi maatiinsaa markabicha keessa erga seenanii booda, Yihowaan balbala markabichaa cufe. Namoonni markabicha keessa hin turre garuu yeroo kanattillee Bishaan Badiisaa akka dhufu hin amanne. Haataʼu malee, battaluma tokkotti bishaan samiirraa dhangalaʼuu jalqabe! Bishaan kun rooba salphaa nuyi beeknu utuu hin taʼin, bokkaa cimaa ture. Utuu baayʼee hin turin, bishaanichi lageen gurguddaa sagalee cimaa dhageessisan taʼuu jalqabe. Mukeetii gurguddaa jigsuufi dhagaawwan gurguddaa akkuma cirrachaatti gangalchuu jalqabe. Namoonni markabicha keessa hin gallehoo maal taʼan?— Yesus, “Bishaan badiisaa dhufee hunduma isaanii haree sokke” jedheera. Namoonni markabicha keessa hin turre hundi ni duʼan. Maaliif?— Akkuma Yesus jedhe, namoonni kun ‘hin beekne’ ykn wanta Nohi jedhu hin dhageenye turan.—Maatewos 24:39; Uumama 6:5-7.

Waaʼee wantoota nu gammachiisanii qofarratti xiyyeeffachuu kan hin qabne maaliifi?

Yesus, wanti namoota sanarra gaʼe barumsa akka nuu taʼu dubbachuusaa yaadadhu. Barumsa akkamii nuu taʼa?— Namoonni sun kan balleeffaman, hamoota waan taʼaniif qofa hin turre. Kanaa mannaa, waaʼee Waaqayyoos taʼe wanta inni gara fuulduraatti gochuuf jedhu barachuuf yeroo waan hin ramadneefidha. Akkasaanii akka hin taaneef of eeggachuu qabna mitii?—

Waaqayyo ammas biyya lafaa bishaaniin kan balleessu sitti fakkaataa?— Akka hin balleessine waadaa galeera. ‘Ani sabbatakoo duumessa keessa nan kaaʼa, innis mallattoo taʼa’ jedheera. Yihowaan, ‘bishaan badiisaa kan foon uffate hundumaa balleessuudhaaf deebiʼee akka hin dhufne’ sabbanni kun mallattoo akka taʼu dubbateera.—Uumama 9:11-17.

Kanaaf, Waaqayyo biyya lafaa deebiʼee bishaaniin akka hin balleessine mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Taʼus akkuma kanaan dura ilaalle, Macaafni Qulqulluun waaʼee badiisa biyya lafaa ni dubbata. Waaqayyo yeroo biyya lafaa kana balleessu, eenyuunfaa oolcha?— Namoota wantoota garabiraadhaaf malee, waaʼee Waaqayyoo barachuuf fedhii hin qabne oolchaa? Yookiinimmoo namoota waaʼee Macaafa Qulqulluu barachuuf yeroo hin qabne oolchaa? Maal sitti fakkaata?—

Nuyi garuu namoota Waaqayyo badiisarraa oolchu taʼuu barbaanna mitii?— Maatiin keenya, akka maatii Nohi utuu nuu taʼeefi miseensonni maatii keenyaa hundi utuu badiisarraa oolanii nu hin gammachiisuu?— Badiisarraa ooluu yoo barbaanne, Waaqayyo biyya lafaa kana akkamitti akka balleessuufi addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufate akkamitti akka fidu hubachuun nu barbaachisa. Kana akkamitti akka godhu haa ilaallu.

Macaafni Qulqulluun Daaniʼel boqonnaa 2, lakkoofsa 44⁠rratti gaaffii kanaaf deebii nuu kenna. Caqasni kun akka armaan gadii jechuudhaan waaʼee yeroo keessa jirruu dubbata: “Bara mootota sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa [ykn bulchiinsa] deebiʼee matumaa hin badne, isa moʼichi isaas saba biraatti hin darbine dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa; ofii isaatii immoo bara baraan jabaatee in dhaabata.”

Yaanni kun sii galeeraa?— Macaafni Qulqulluun, bulchiinsi Waaqayyoo bulchiinsa biyya lafaa hunda akka balleessu dubbata. Maaliif?— Mootii Waaqayyo muudeef waan hin ajajamneefidha. Mootiin kun eenyudha?— Eeyyee, Yesus Kiristosidha!

Mootiin Waaqayyo muude Yesus Kiristos, waraana Armaagedoonitti biyya lafaa kana ni balleessa

Yihowaan, mootummaan akkamii akka nu bulchu murteessuuf mirga kan qabu siʼa taʼu, Mootii akka taʼuufis Ilmasaa Yesusiin filateera. Yeroo dhihootti Mootiin Waaqayyo muude, jechuunis Yesus Kiristos dursa fudhachuudhaan bulchiinsota biyya lafaa hunda ni balleessa. Akkuma fakkii kanarratti ibsame, Macaafni Qulqulluun Mulʼata boqonnaa 19, lakkoofsa 11 hanga 16⁠rratti, Yesus kana akka godhu dubbata. Macaafa Qulqulluu keessatti, waraanni Waaqayyo mootummoota biyya lafaa hunda balleessuuf godhu, Armaagedoon jedhameera.

Waaqayyo, Mootummaansaa mootummoota biyya lafaa akka balleessu dubbateera. Taʼus, nuyi mootummoota kana akka balleessinu nu ajajeeraa?— Hin ajajne; kanaa mannaa Macaafni Qulqulluun Armaagedoon, “lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa dandaʼu sanaa” akka taʼe dubbata. (Mulʼata 16:14, 16) Eeyyee, Armaagedoon lola Waaqayyoo siʼa taʼu, Waaqayyos, Yesus Kiristos ergamoota samii bobbaasuudhaan lola kana akka geggeessu godha. Waraanni Armaagedoon dhiheenyatti godhamaa? Deebii gaaffii kanaa haa ilaallu.

Waaqayyo hamoota kan balleessuufi namoota isa tajaajilan kan oolchu yoom akka taʼe, Fakkeenya 2:21, 22; Isaayaas 26:20, 21; Ermiyaas 25:31-33 fi Maatewos 24:21, 22⁠rraa waliin haa dubbisnu.