Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 20

Yeroo Hunda Dursa Argachuu Barbaaddaa?

Yeroo Hunda Dursa Argachuu Barbaaddaa?

NAMNI yeroo hunda dursa argachuu barbaadu si mudatee beekaa?— Namni kun yommuu dabaree eeggatu, warra kaan dhiibee ofiisaatiif toora jalqabaarra hiriiruu barbaada taʼa. Wanti akkasii yeroo raawwatamu argiteehoo beektaa?— Barsiisaa Guddichis, namoonni gurguddaanis dursa argachuuf carraaqqii yommuu godhan argeera. Taʼus gochasaaniitti hin gammanne. Mee wanta raawwatame haa ilaallu.

Ijoollee dursa argachuu barbaadan argitee beektaa?

Macaafni Qulqulluun, Yesus cidha guddaa mana geggeessaa amantii Fariisotaa tokkorratti akka afeerame dubbata. Erga achi gaʼee boodas, namoonni gara mana cidhaa sanatti yommuu ol galaniifi teessuma ulfinaa yommuu filatan arge. Kanaaf namoota afeeraman sanatti seenaa tokko itti hime. Atoo seenaa kana beekuu barbaaddaa?—

Yesus, “Mana cidhaatti yommuu waamamtu, iddoo ol aanu ofii keetii foʼattee hin taaʼin” jedheera. Akkas kan jedhe maaliif akka taʼe beektaa?— Tarii namni nurra caalu afeeramee taʼuu dandaʼa. Akkuma fakkii kanarratti ilaaltu namni cidha qopheesse sun dhufee, ‘Iddoo kana nama kanaaf gad dhiisi!’ isaan jechuu dandaʼa. Yeroo kanatti namni sun maaltu itti dhagaʼama?— Keessummoonni hundi yommuu inni iddoo ol aanu sanarraa kaafamee, iddoo gad aanu akka taaʼu godhamu waan isa ilaalaniif ni qaanaʼa.

Asirratti Yesus iddoo ol aanaa barbaaduun dogoggora akka taʼe ibseera. Kanaaf, “Ati garuu yommuu waamamtu, dhaqiitii iddoo hundumaa irra gad aanu taaʼi, inni si waames dhufee, ‘Fira ko [“yaa michuuko,” hiika bara 1899] as iddoo kana ol kottu’ siin haa jedhuuf. Yommus namoota sii wajjin maaddiitti taaʼan hundumaa duratti ulfina in argatta” jedheera.—Luqaas 14:1, 7-11.

Yesus, waaʼee namoota teessuma isa ol aanu argachuu barbaadanii dubbachuudhaan barumsa akkamii kenneera?

Seenaan Yesus dubbate ergaansaa maal akka taʼe hubatteettaa?— Mee fakkeenya seenaa kanaa hubachuufi dhiisuukee argisiisu tokko haa ilaallu. Konkolaataa namoota hedduu feʼaa jiru keessa seenaa jirta haa jennu. Namni guddaan utuu dhaabatee jiruu bakka taaʼumsaa qabachuuf jarjaruu qabdaa?— Akkas gochuun keehoo Yesusiin kan gammachiisu sitti fakkaataa?—

Namni tokko wanti nuyi goonu Yesusiin hin gammachiisus, hin gaddisiisus jechuu dandaʼa. Ati yaada kanatti walii galtaa?— Yesus cidha guddaa mana geggeessaa amantii Fariisotaa sanarratti yommuu argame, namoonni bakka ol aanaa yeroo filatan ilaaleera. Yeroo harʼaattoo Yesus wanta nuyi goonutti akka gammadu ykn akka gaddu sitti hin dhagaʼamuu?— Yesus yeroo ammaatti samiirra waan jiruuf, akka gaariitti nu ilaaluu dandaʼa.

Namni tokko dursa argachuu yommuu barbaadu, rakkinni uumamuu dandaʼa. Yeroo baayʼee falmiin kan uumamu taʼuusaarrayyuu, gochi kun namoota kaan ni aarsa. Al tokko tokko yeroo ijoolleen baayʼatanii gara konkolaataatti galuuf jedhan wanti akkasii uumamuu dandaʼa. Akkuma balballi konkolaatichaa banameen, ijoolleen dursanii teessuma qabachuuf wal dhiibanii galu. Teessuma hundarra caalu, jechuunis teessuma gara foddaatti aanu argachuu barbaadu. Sana booda maaltu taʼa?— Eeyyee, ijoolleen kun baayʼee walitti aaruu dandaʼu.

Dursa argachuu barbaaduun rakkina hedduu fiduu dandaʼa. Wanti kun ergamoota Yesus gidduuttillee rakkina uumee ture. Akkuma Boqonnaa 6⁠ffaa kitaaba kanaarratti baranne, bartoonni Yesus namni hundasaaniirra caalu eenyu akka taʼe wal falmanii turan. Yeroo kanatti Yesus maal godhe?— Eeyyee, sirreeffama akka godhan isaanitti hime. Haataʼu malee, takka turanii yeroo lammataatiif wal falmuutti kaʼan. Mee falmiin kun akkamitti akka jalqabe haa ilaallu.

Ergamoonniifi namoonni garabiraan Yesusii wajjin yeroo dhumaatiif gara Yerusaalem deemaa turan. Yesus waaʼee Mootummaasaa isaanitti himaa waan tureef, Yaaqoobiifi Yohannis isaa wajjin mootota akka taʼan yaadaa turan. Haadhasaanii Salomee wajjinillee waaʼee kanaa mariʼachaa turan. (Maatewos 27:56; Maarqos 15:40) Kanaaf, utuu gara Yerusaalem dhaqaa jiranii Salomeen gara Yesus dhuftee miillasaa jalatti kufuudhaan waan tokko isa kadhatte.

Yesus, “Maal barbaadda?” jedhee ishee gaafate. Isheenis Yesus mootummaasaa keessatti ilmashee isa tokko gara mirgaatiin, ilmashee isa kaanimmoo gara bitaatiin akka isaan kaaʼu akka barbaaddu itti himte. Duuka buutonni Yesus kurnan, Yaaqoobiifi Yohannis haatisaanii gaaffii kana akka isaaniif gaafattu gochuusaanii yommuu dhagaʼan maaltu kan itti dhagaʼame sitti fakkaata?—

Salomeen Yesusiin maal gaafachaa jirti? Kunoo rakkina akkamii uume?

Eeyyee, Yaaqoobiifi Yohannisitti baayʼee aaran. Kanaan kan kaʼes, Yesus bartootasaatiif gorsa gaarii tokko kenne. Yesus, namoonni saba bulchan warra kaanirratti gooftummaa akka argisiisaniifi bakka guddaa argachuu akka barbaadan dubbate. Namoonni isaaniif abboomaman hundi bakka guddaa akka isaaniif kennan barbaadu turan. Yesus garuu duuka buutotasaa gidduutti kun taʼuu akka hin qabne itti hime. Kanaa mannaa, “Eenyu illee isin keessaa dura taʼuu kan barbaadu, garbicha isiniif taʼuutu isa irra jira” jedheen. Mee waaʼee kanaa yaadi!—Maatewos 20:20-28.

Garbichi tokko maal akka godhu beektaa?— Namoonni kaan akka isa tajaajilan utuu irraa hin eegin isaan tajaajila. Garbichi bakka gad aanaa malee, bakka ol aanaa taaʼuu hin barbaadu. Akka nama gad aanaatti malee, akka nama ol aanaatti of hin ilaalu. Kana malees, Yesus namni iddoo ol aanaa barbaadu akka garbicha tokkoo taʼuu akka qabu dubbachuusaa yaadadhu.

Kun hiika maalii qaba jettee yaadda?— Garbichi tokko bakka taaʼumsaa gaarii argachuuf gooftaasaa wajjin wal morkataa? Yookiin anatu dursee nyaachuu qaba jedhee falmaa? Maal sitti fakkaata?— Yesus garbichi tokko yoomiyyuu gooftaasaatiif dursa akka kennu ibseera.—Luqaas 17:7-10.

Kanaaf dursa argachuuf yaaluu mannaa maal gochuu qabna?— Eeyyee, akka garbicha tokkootti namoota tajaajiluu qabna. Kana jechuunimmoo, namootaaf dursa kennuufi akka isaan nurra caalan yaaduu jechuudha. Atoo karaawwan namoota kaaniif dursa kennuu itti dandeessu tokko tokko natti himuu dandeessaa?— Kitaaba kana fuula 40fi 41 baastee, karaawwan warra kaan tajaajiluudhaan akka isaaniif dursa kennitu itti argisiisuu dandeessu tokko tokko maaliif hin ilaaltu.

Barsiisaa Guddichi warra kaan tajaajiluudhaan namootaaf dursa kennuusaa akka yaadattu beekamaadha. Yesus, galgala yeroo dhumaatiif ergamootasaa wajjin dabarsetti gad of deebisee miillasaanii dhiqeera. Nuyis warra kaaniif dursa kennuudhaan kan isaan tajaajillu yoo taʼe, Barsiisaa Guddichaafi Abbaasaa Yihowaa ni gammachiisna.

Caqasawwan Macaafa Qulqulluu warra kaaniif dursa akka kenninu nu jajjabeessan dabalataa, Luqaas 9:48; Roomaa 12:3 fi Filiphisiiyus 2:3, 4⁠rraa haa dubbisnu.