Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 18

Wanta Sii Godhameef Yaadattee ni Galateeffattaa?

Wanta Sii Godhameef Yaadattee ni Galateeffattaa?

HARʼA, nyaata nyaatteetta mitii?— Nyaata kana eenyu akka qopheesse beektaa?— Tarii nyaata kana kan sii qopheesse haadhakee ykn nama garabiraa taʼuu dandaʼa; haataʼu malee, nyaata kanaaf Waaqayyoon galateeffachuu kan qabnu maaliifi?— Midhaan akka guddatu kan godhu isa waan taʼeefidha. Haataʼu malee, nama nyaata nuu bilcheesses taʼe, nama nyaata sana nuu kenne galateeffachuu qabna.

Yeroo tokko tokko garuu wanta gaarii namoonni nuu godhaniif galateeffachuu irraanfanna mitii? Barsiisaa Guddichi yommuu lafarra ture, namoonni dhukkuba dhaqna namaa kukkutuun qabamaniifi isa galateeffachuu irraanfatan jiru turan.

Nama dhukkuba dhaqna namaa kukkutuun qabame jechuun maal jechuu akka taʼe beektaa?— Nama foonsaa suutuma suuta irraa kukkutamaa adeemu jechuudha. Yeroo Yesus lafarra ture, namoonni dhukkuba kanaan qabaman warra kaanirraa fagaatanii jiraachuu qabu turan. Namni dhukkuba kanaan qabame tokko, namni garasaatti akka hin dhihaanne sagaleesaa ol kaasee isa akeekkachiisuu qaba ture. Kanas kan godhu, namni akka isatti hin dhihaanneefi tariimmoo dhukkuba kanaan akka hin qabamneef taʼuu dandaʼa.

Yesus namoota dhukkuba akkasiitiin qabamaniif gaarummaa godha ture. Yesus gaaf tokko gara Yerusaalem adeemuuf, magaalaa xinnoo tokko keessa darbaa ture. Yommuu magaalattiitti dhihaatu, namoonni dhukkuba qaama namaa kukkutuun qabaman kudhan garasaa dhufan. Namoonni kun, Yesus dhukkuba hundumaa akka fayyisu Waaqayyo humna akka isaaf kenne dhagaʼanii turan.

Namoonni dhukkubsatan kun Yesusitti hin dhihaanne. Kanaa mannaa isarraa fagaatanii dhaabatan. Haataʼu malee, dhukkubasaanii kanarraa isaan fayyisuu akka dandaʼu ni amanu turan. Kanaaf, namoonni kun yeroo Barsiisaa Guddicha argan, ‘Yaa Yesus, Barsiisaa nu gargaari!’ jedhanii isa kadhatan.

Atoo namoota dhukkubsataniif ni gadditaa?— Yesus ni gaddaaf ture. Inni dhukkuba kanaan qabamuun hangam akka nama gaddisiisu beeka ture. Kanaaf, “Dhaqaa luboota of ilaalchisaa!” jedheen.—Luqaas 17:11-14.

Yesus namoonni dhukkuba qaama namaa kukkutuun qabaman kun maal akka godhan itti himaa jira?

Yesus akkas kan isaaniin jedhe maaliifi? Seerri Waaqayyo sabasaatiif kenne akkas akka godhan waan ajajuufidha. Seerichi, lubni tokko namni dhukkuba kanaan qabame fayyuufi dhiisuusaa mirkaneessuu akka qabu dubbata. Lubichi namni dhukkuba kanaan qabamee ture fayyuusaa itti hima. Namni kun dhukkubasaarraa yoo fayye namoota kaanii wajjin deebiʼee jiraachuu jalqaba.—Lewwoota 13:16, 17.

Haataʼu malee, yeroo sanatti namoonni kun dhukkubasaaniirraa hin fayyine turan. Maarree akkuma Yesus isaaniin jedhe gara lubootaa dhaqaniiruu?— Eeyyee, yeruma sana dhaqan. Namoonni kun, Yesus dhukkubasaanii kanarraa akka isaan fayyisu akka amanan beekamaadha. Sana booda maaltu taʼeree?

Namoonni kun gara lubichaa utuu dhaqaa jiranii, dhukkubasaaniirraa fayyan. Yesus humna akka qabu amanuunsaanii faayidaa isaaniif argamsiiseera. Baayʼee gammadanii turan! Sana booda garuu, dinqisiifannaasaanii ibsuuf maal gochuu qabu turan? Utuu si taʼee maal goota turte?—

Wanti namni kun yaadatee godhe maalidha??

Namoota fayyan keessaa inni tokko deebiʼee gara Yesus dhufe. Waaʼee Waaqayyoo waan gaarii dubbachuudhaan, Yihowaadhaaf ulfina kennuu jalqabe. Humni namichi itti fayyifame Waaqayyo biraa waan dhufeef, namni kun akkas gochuunsaa sirrii ture. Kana malees namichi miilla Barsiisaa Guddichaa jalatti jilbeenfatee isa galateeffate. Namni kun wanta Yesus isaa godheef baayʼee galateeffateera.

Namoonni salgan garabiraanoo? Yesus, ‘Namoota kudhantu fayye mitii? Namoonni salgan sun eessa dhaqanree? Nama kana malee Waaqayyoon galateeffachuuf kan deebiʼe hin argamnee?’ jedhee gaafate.

Eeyyee dhugaasaa jedhe. Namoota kurnan keessaa Waaqayyoon kan galateeffateefi deebiʼee Yesusiin kan galateeffate nama tokko qofa ture. Namni kun nama Samaariyaa, jechuunis nama biyya ormaa ture. Namoonni salgan sun deebiʼanii Waaqayyoonis taʼe Yesusiin hin galateeffanne.—Luqaas 17:15-19.

Atoo fakkeenya namoota salgan sanaamoo, fakkeenya namicha deebiʼee galateeffate sanaa hordofuu barbaadda? Akkuma namicha Samaariyaa sanaa taʼuu barbaanna mitii?— Namni tokko yommuu gaarummaa nutti argisiisu maal gochuu keenya irraanfachuu hin qabnu?— Isa galateeffachuu irraanfachuu hin qabnu. Yeroo baayʼee namoonni wanta isaanii godhameef galateeffachuu ni irraanfatu. Taʼus, namoota galateeffachuun keenya barbaachisaadha. Yoo akkas goone Yihowaaniifi Ilmisaa Yesus ni gammadu.

Fakkeenya namicha dhukkuba qaama namaa kukkutuun qabameefi gara Yesusitti deebiʼee hordofuu kan dandeessu akkamitti?

Yoo irratti yaadde, namoonni wanta hedduu sii gochuusaanii ni hubatta. Fakkeenyaaf dhukkubsattee beektaa?— Tarii dhukkuba cimaa namoota kurnanii sanaatiin qabamuu baattus, utaalloo cimaan si qabee ykn garaan si dhukkubee beeka taʼa. Yeroo kanatti namni tokko si gargaaree turee?— Tarii qoricha sii kennanii ykn waan tokko sii godhanii taʼuu dandaʼa. Akka fayyitu waan si gargaaraniif gammaddee turtee?—

Namichi Samaariyaa sun Yesus waan isa fayyiseef isa galateeffateera; kunimmoo Yesusiin gammachiiseera. Haatikee ykn abbaankee wanta gaarii sii godhaniif yoo isaan galateeffatte kan gammadan sitti fakkaataa?— Eeyyee ni gammadu.

Yaadatanii galateeffachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Namoonni tokko tokko guyyaa guyyaadhaan ykn torban torbaniin waan tokko sii godhu. Tarii kana gochuun hojiisaanii taʼuu dandaʼa. Wantoota kanas gammachuudhaan hojjetu taʼa. Ati garuu yaadattee isaan hin galateeffattu taʼa. Barsiistuunkee akka gaariitti si barsiisuuf carraaqqii guddaa gooti taʼa. Kun hojiishee taʼuu dandaʼa. Haataʼu malee, akka gaariitti si barsiisuuf carraaqqii gooteef yoo ishee galateeffatte ni gammaddi.

Yeroo tokko tokkommoo namoonni wantoota xixinnoo sii gochuu dandaʼu. Namni tokko balbala sii banee beekaa? Yookiin utuu nyaata nyaattanii namni tokko nyaata sii dabarsee beekaa? Wantoota xixinnoo sii godhaman akkasiitiifillee galateeffachuun barbaachisaadha.

Yaadannee namoota kan galateeffannu erga taʼee, Abbaa keenya isa samiis yaadannee caalaatti galateeffachuu qabna. Yihowaan wantoota hedduu waan nuu godheef, sababii isa itti galateeffannu hedduu qabna. Jireenyaafi wantoota gaggaarii jireenya keenyatti akka gammannu nu godhan hedduu nuu kenneera. Kanaaf, guyyaa guyyaadhaan waaʼeesaa wantoota gaggaarii dubbachuudhaan, Waaqayyoon galateeffachuuf sababii quubsaa qabna.

Galateeffachuu ilaalchisee yaadawwan Faarfannaa 92:1; Efesoon 5:20; Qolosaayis 3:17 fi 1 Tasaloniiqee 5:18⁠rratti ibsaman dubbisi.