Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 11

Gargaarsa Ergamoota Waaqayyoorraa Argamu

Gargaarsa Ergamoota Waaqayyoorraa Argamu

NAMOONNI tokko tokko wanta ijaan arganitti qofa akka amanan dubbatu. Haataʼu malee kun gowwummaadha. Wantoonni jiraachuusaanii amannu, garuu ija keenyaan arginee hin beekne hedduun jiru. Isaan keessaa tokko caqasuu dandeessaa?—

Qilleensa ijaan arguu dandeenyaa? Qilleensi jiraachuusaa akkamitti beekuu dandeenyaree?— Mee harkakee ol kaasiitii hafuura itti baafadhu. Wanti sitti dhagaʼame hin jiruu?— Jira mitii? Garuu qilleensa arguu dandeessaa?—

Waaʼee qaamota hafuuraa ija keenyaan arguu hin dandeenyee mariʼannee turre. Isaan keessaa tokko tokko gaarii, warri kaanimmoo gadhee akka taʼan baranneerra. Qaamota hafuuraa gaarii taʼaniifi ija keenyaan arguu hin dandeenye keessaa muraasasaanii caqasi.— Eeyyee, Yihowaafi Yesusiin dabalatee ergamoonni gaggaariinis jiru. Ergamoonni gadheenoo jiruu?— Macaafni Qulqulluun ergamoonni gadheenis akka jiran dubbata. Mee waaʼeesaanii wanta baratte natti himi.—

Ergamoonni gaariinis taʼan ergamoonni gadheen nu caalaa humna akka qaban beekna. Barsiisaa Guddichi waaʼee ergamootaa waan baayʼee beeka. Kana beekuu kan dandaʼe, mucaa taʼee lafarratti dhalachuusaa dura innis ergamaa waan tureefidha. Ergamoota kanaa wajjinis samiirra jiraachaa ture. Kanaan kan kaʼes, ergamoota miliyoonaan lakkaaʼaman beeka. Ergamoonni kun hundi maqaa qabuu?—

Waaqayyo urjootaaf maqaa akka moggaase baranneerra. Kanaaf, ergamoonni hundis maqaa akka qaban mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Macaafni Qulqulluun waaʼee ‘afaan ergamootaa’ waan ibsuuf, ergamoonni kun akka walitti dubbatan beekamaadha. (1 Qorontos 13:1) Ergamoonni waaʼee maalii kan dubbatan sitti fakkaata? Waaʼee keenya ni dubbatuu?—

Ergamoonni Seexanaa, jechuunis hafuuronni hamoon Yihowaadhaaf akka hin abboomamne nu gochuuf akka yaalan beekna. Kanaaf, akkamitti kana gochuu akka dandaʼan akka mariʼatan beekamaadha. Nuyis, akkumasaanii akka taanuufi Yihowaa biratti akka jibbamnu gochuu barbaadu. Ergamoonni Waaqayyoo warri amanamoo taʼanoo, waaʼee keenya kan dubbatan sitti fakkaataa?— Eeyyee, ni dubbatu. Isaan nu gargaaruus ni barbaadu. Mee ergamoonni Waaqayyoo tokko tokko namoota Yihowaa jaallataniifi isa tajaajilan akkamitti gargaaraa akka turanin sitti hima.

Mee waaʼee nama Daaniʼel jedhamuufi biyya Baabilon keessa jiraachaa ture tokkoo haa ilaallu. Namoonni biyya sanaa hedduun Yihowaa hin jaallatan turan. Kana malees, nama gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessu hunda adabuuf seera baasanii turan. Daaniʼel garuu Yihowaatti kadhannaa dhiheessuusaa hin dhiisne. Namoonni kun Daaniʼeliin maal akka godhan beektaa?—

Eeyyee, namoonni hamoon kun Daaniʼeliin gara boolla leencotaatti darbatan. Boollicha keessa Daaniʼeliifi leencota beelaʼan muraasa qofatu ture. Achi keessatti maaltu akka raawwatame beektaa?— Daaniʼel, “Waaqayyo koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufsiise” jedheera. Yeroo kanatti miidhaan tokkoyyuu isarra hin geenye. Kanaaf, ergamoonni, namoota Yihowaa tajaajilaniif wanta gaarii gochuu dandaʼu.—Daaniʼel 6:18-22.

Waaqayyo Daaniʼeliin oolchuuf maal godheera?

Yeroo tokkommoo Phexros mana hidhaa galee ture. Phexros, michuu Barsiisaa Guddichaa taʼuusaa akka yaadattu beekamaadha. Namoonni tokko tokko Phexros, Yesus Ilma Waaqayyoo taʼuusaa waan dubbateef isa jibbanii turan. Kanaan kan kaʼes Phexrosiin mana hidhaatti galchan. Akka inni achii hin badneefis loltoonni isa eegaa turan. Maarree, mana hidhaa sana keessaa eenyutu isa baasuu dandaʼa?—

Phexros harkisaa fuuncaadhaan hidhamee eegdota lama gidduu ciisee ture. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun “Kunoo, ergamaan gooftichaa Phexros bukkee dhaabate; golli manicha hidhaa inni keessa tures ifa waaqa irraatiin guute. Ergamaan sun cinaacha Phexros rurrukutee dammaqsee, ‘Dafii kaʼi!’ ittin jedhe” jedha.

Ergamaan tokko Pheexrosiin mana hidhaatii kan baase akkamitti?

Fuuncaan Phexros ittiin hidhame yeruma sana harkasaarraa buʼe. Ergamichis, ‘Wayyaakee uffadhu, kopheekees kaaʼadhuutii na duukaa buʼi!’ jedheen. Ergamichi Phexrosiin gargaaraa waan tureef, eegdonni isaan dhowwuu hin dandeenye. Balbala sibiilaa bira yommuu gaʼanis wanti nama ajaaʼibsiisu tokko ni raawwatame. Balbalichi ofumasaatiin isaaniif baname. Phexros lallabuusaa akka itti fufu ergamichi mana hidhaa keessaa isa baaseera.—Hojii Ergamootaa 12:3-11.

Ergamoonni Waaqayyoo nuunis nu gargaaruu dandaʼuu?— Eeyyee, ni dandaʼu. Kana jechuun garuu, rakkinni tokkoyyuu akka nurra hin geenye nu eegu jechuudhaa?— Wanta gadhee yoo raawwanne ergamoonni miidhaarraa nu hin eegan. Haataʼu malee, wanta gadhee raawwachuu baannus, rakkinni nurra gaʼuu dandaʼa. Ergamoonni rakkinarraa akka nu eegan hin ajajamne. Kanaa mannaa, Waaqayyo hojii addaa raawwatan tokko isaanii kenneera.

Macaafni Qulqulluun, ergamaan tokko namoonni bakka hundatti argaman Waaqayyoon akka waaqeffatan isaanitti himaa akka jiru dubbata. (Mulʼata 14:6, 7) Ergamaan kun ergaa kana isaanitti himaa kan jiru akkamitti? Namoonni hundi akka isa dhagaʼanitti samiirraa sagaleesaa guddisee dubbachaa jira jechuudhaa?— Akkas jechuu miti. Kanaa mannaa, duuka buutonni Yesus warri lafarratti argaman waaʼee Waaqayyoo warra kaanitti dubbachaa kan jiran siʼa taʼu, ergamoonni kunimmoo hojii kana akka raawwataniif isaan geggeessaa jiru jechuudha. Ergamoonni, namoonni waaʼee Waaqayyoo beekuuf fedhii qaban ergaa kana akka dhagaʼan gochaa jiru. Nuyis hojii lallabaa kanarratti hirmaachuu kan dandeenyu siʼa taʼu, ergamoonnimmoo gargaarsa nuu godhu.

Haataʼu malee, namoonni Waaqayyoon hin jaallanne rakkina yoo nurraan gaʼan, ergamoonni nu gargaaruu dandaʼuu? Namoonni kun yoo nu hidhanoo, mana hidhaatii nu baasuu dandaʼuu?— Eeyyee ni dandaʼu. Taʼus, yeroo hunda akkas godhu jechuu miti.

Ergamaan kun Phaawulositti maal dubbachaa jira

Duuka buutuu Yesus kan ture Phaawulosis yeroo tokko hidhamee ture. Kana malees, bidiruu dhaʼaa bishaaniitiin asiifi achi rukutamtu keessa taaʼee adeemaa ture. Haataʼu malee, ergamoonni yeruma sana rakkoowwan kanarraa isa hin oolchine. Sababiinsaas, namoonni waaʼee Waaqayyoo dhagaʼuun isaan barbaachisu waan turaniifidha. Ergamaan tokko, “Hin sodaatin yaa Phaawulos, mootii warra Roomaa dura dhaabachuuf jirta” jedheen. Eeyyee, Phaawulos nama kanaaf akka lallabuuf gara mootii warra Roomaa isa yeroo sana biyya lafaa bulchaa turetti geeffamuu qaba ture. Ergamoonni yeroo hunda Phaawulos eessa akka jiru waan beekaniif isa gargaaru turan. Nuyis garaa guutuudhaan Waaqayyoon yoo tajaajille ergamoonni nu gargaaru.—Hojii Ergamootaa 27:23-25.

Hojii barbaachisaan ergamoonni yeroo dhihootti hojjetan garabiraanis jira. Yeroon Waaqayyo namoota hamoo lafarraa itti balleessu baayʼee dhihaateera. Namoonni Waaqa isa dhugaa hin waaqeffanne hundi ni balleeffamu. Yeroo kanatti namoonni ergamoota ija keenyaan waan hin argineef isaan jiraachuusaaniitti hin amannu jedhan, baayʼee dogoggoranii akka turan ni hubatu.—2 Tasaloniiqee 1:6-8.

Ergamoonni nuufoo maal godhu?— Yoo isaan deggerre gargaarsa nuu godhu. Maarree nuyi isaaniin ni deggerraa?— Yihowaa kan tajaajillu yoo taʼe, isaaniin deggeraa jirra jechuudha. Yihowaa tajaajiluunimmoo, namoonni kaanis akka isa tajaajilan itti himuu dabalata.

Ergamoonni akkamitti namoota gargaaruu akka dandaʼan beekuu yoo barbaadde, Faarfannaa 34:7; Maatewos 4:11; 18:10; Luqaas 22:43 fi Hojii Ergamootaa 8:26-31 dubbisi.