Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 16

Wanti Hunda Caalaa Barbaachisaa Ta’e Maalidha?

Wanti Hunda Caalaa Barbaachisaa Ta’e Maalidha?

Rakkinni namicha kanaa maal ture?

GAAF TOKKO namichi tokko gara Yesus dhufe. Namni kun Yesus nama ogummaa guddaa qabu akka taʼe waan beekuuf, ‘Yaa barsiisaa, obboleessikoo wanta qabu akka anaaf hiruuf itti naa himi!’ jedheen. Namichi qabeenya obboleessasaa keessaa muraasa argachuu akka qabu itti dhagaʼamee ture.

Utuu Yesusiin taatee, namicha kanaan maal jetta turte?— Yesus namni kun rakkina tokko akka qabu hubateera. Rakkinnisaa kun garuu, wanta obboleessisaa qabu innis qabaachuu barbaaduusaa hin turre. Kanaa mannaa, wanta jireenyasaa keessatti bakki guddaan kennamuufii qabu wallaaluusaa ture.

Mee yaadi. Wanti hunda caalaa bakka guddaa kennuufii qabnu maalidha? Meeshaawwan itti taphatan gaggaarii, uffata haaraafi kan kana fakkaatan qabaachuudhaa?— Miti. Wantoota kana caalaa, wanti bakka guddaa kennuufii qabnu garabiraan jira. Wanti Yesus barsiisuu barbaades kan ture. Kanaan kan kaʼes, seenaa waaʼee nama Waaqayyoon irraanfate tokkoo dubbate. Seenaa kana beekuu barbaaddaa?—

Namichi kun baayʼee sooressa ture. Lafa balʼaafi gombisaa ykn gootaraa hedduu qaba ture. Midhaan inni facaases akka gaariitti ija godhateef. Oomisha hedduu waan argateef, gumbiinsaa itti xinnaate. Maarree maal godha laata? Akkas ofiin jedhe: “Gombisaa koo hundumaa jigsee, midhaan koo hundumaa miʼa biraas akkan itti naqadhutti guddisee nan ijaara.”

Namichi sooressi kun kana gochuunsaa barbaachisaa akka taʼe itti dhagaʼameera. Wantoota hedduu kuufachuusaatiin gamna akka taʼe waan itti dhagaʼameef, akkas jedhee yaade: ‘Amma wantoota hedduu kuufadheera; kana booda yaaddoo hin qabu, nan taaʼa, nan nyaadha, nan dhuga, nan gammadas.’ Haataʼu malee, ilaalchi nama sooressa taʼe kanaa dogoggora ture. Dogoggorrisaa maal akka taʼe beektaa?— Waaʼeesaafi waaʼee gammachuusaa qofa yaadaa ture. Waaʼee Waaqayyoo garuu irraanfateera.

Namichi sooressi kun waaʼee maalii yaadaa jira?

Kanaan kan kaʼes Waaqayyo akkas jedheen: ‘Yaa namicha gowwaa nana, harʼa galgala duʼuuf jetta; egaa kan ati sassaabde kun hundinuu eenyuuf taʼaree?’ Namichi kun erga duʼee booda qabeenyasaatti fayyadamuu dandaʼaa?— Hin dandaʼu. Qabeenyasaa nama garabiraatu fudhata. Kanaaf Yesus, “Namni badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin taʼin, kunoo, akkas in taʼa” jedhe.—Luqaas 12:13-21.

Ati akka namicha sooressa sanaa taʼuu hin barbaaddu mitii?— Namichi kun jireenyasaa keessatti kaayyoonsaa inni guddaan qabeenya argachuudha. Kunimmoo dogoggoradha. Yeroo hunda qabeenya dabalataa argachuu barbaada ture. Garuu namni kun ‘Waaqayyo biratti badhaadhaa’ hin turre.

Yeroo harʼaatti, namoonni hedduun akkuma namicha sooressa kanaati. Yeroo hunda qabeenya dabalataa argachuu barbaadu. Taʼus jireenyi akkasii rakkoowwan gurguddaadhaaf nama saaxiluu dandaʼa. Fakkeenyaaf meeshaawwan itti taphattu qabda mitii?— Meeshaawwan itti taphatan maalfaa qabda? Mee natti himi.— Hiriyaankee tokko meeshaawwan itti taphatan ati hin qabne kan qabu yoo taʼe maal goota? Warrikee wantoota kana akka siif bitan isaan rakkisuun sirriidhaa?—

Yeroo tokko tokko meeshaan itti taphatan baayʼee barbaachisaa fakkaachuu dandaʼa. Haataʼu malee yeroo muraasa booda maal taʼa?— Ni moofaʼa. Ciccituu waan dandaʼuuf sana booda meeshaa kana hin barbaaddu taʼa. Haataʼu malee, wanta meeshaawwan itti taphatanirra caalu tokko qabda. Wanti kun maal akka taʼe beektaa?—

Wanti meeshaawwan itti taphatan irra caaluufi ati qabdu maalidha?

Lubbuu keeti. Lubbuudhaan hin jirtu taanaan, waan tokkoyyuu gochuu waan hin dandeenyeef lubbuunkee baayʼee barbaachisaadha. Haataʼu malee, lubbuunkee wanta Waaqayyoon gammachiisu raawwachuu keerratti kan hundaaʼedha mitii?— Kanaaf akka namicha sooressa gowwaa Waaqayyoon irraanfate sanaa taʼuurraa haa fagaannu.

Akka namicha sooressa gowwaa sanaa wanta dogoggora taʼe kan raawwatan garuu ijoollee qofa miti. Namoonni gurguddaa taʼan hedduunis dogoggora akkasii ni raawwatu. Isaan keessaa tokko tokko yeroo hunda wanta dabalataa argachuu barbaadu. Namoonni kun nyaata gaʼaa guyyaa guyyaadhaan nyaatan, uffata uffataniifi mana keessa jiraatan qabu taʼa. Haataʼu malee, wanta dabalataa argachuu barbaadu. Uffata hedduufi manneen gurguddaa argachuu barbaadu. Wantoonni kunimmoo qarshii hedduu gaafatu. Kanaaf, qarshii hedduu argachuuf halkaniifi guyyaa hojjetu. Qarshii hedduu argachaa yommuu adeemanimmoo, qarshii dabalataa argachuuf hawwu.

Namoonni gurguddaan tokko tokko, qarshii argachuuf jecha hojii baayʼee waan hojjetaniif yeroo maatiisaanii wajjin dabarsan hin argatan. Waaqeffannaadhaafis yeroo hin qaban. Haataʼu malee, qarshiinsaanii lubbuudhaan isaan tursuu dandaʼaa?— Hin dandaʼu. Erga duʼanii boodahoo qarshiisaaniitti fayyadamuu dandaʼuu?— Hin dandaʼan. Sababiinsaas namoonni duʼan waan tokkoyyuu gochuu waan hin dandeenyeefidha.—Lallaba 9:5, 10.

Kana jechuun garuu qarshii qabaachuun dogoggoradha jechuudhaa?— Akkas jechuu miti. Nyaataafi uffata bitachuuf qarshiin nu barbaachisa. Macaafni Qulqulluun qarshiin akka nama golgu ykn akka nama eegu ibsa. (Lallaba 7:12) Haataʼu malee qarshii jaallachuun, rakkoowwan gurguddaadhaaf nama saaxiluu dandaʼu. Qarshii kan jaallannu yoo taʼe, akkuma namicha sooressa ofiisaatiif qabeenya walitti sassaabbateefi Waaqayyo biratti sooressa utuu hin taʼin hafe sanaa taana.

Waaqayyo biratti badhaadhota taʼuu jechuun maal jechuudha?— Waaqayyoof dursa kennuu jechuudha. Namoonni tokko tokko Waaqayyotti akka amanan dubbatu. Waaqayyotti amanuu qoftis gaʼaadha jedhanii yaadu. Haataʼu malee, namoonni kun dhuguma Waaqayyo biratti badhaadhotadhaa?— Badhaadhota miti; namoonni akkasii akkuma namicha sooressa Waaqayyoon irraanfate sanaati.

Yesus matumaa Abbaasaa isa samii irraanfatee hin beeku. Qarshii hedduu walitti sassaabbachuufis yaalii hin goone. Qabeenya hedduu hin qabu ture. Wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe maal akka taʼe beeka ture. Atoo wanti kun maal akka taʼe beektaa?— Waaqayyo biratti badhaadhota taʼuudha.

Wanti mucaan durbaa gochaa jirtuu fi caalaatti barbaachisaa taʼe maalidha?

Akkamitti Waaqayyo biratti badhaadhota taʼuu akka dandeenyu natti himuu dandeessaa?— Wanta isa gammachiisu raawwachuudhaan, isa biratti badhaadhota taʼuu dandeenya. Yesus, ‘Ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu nan hojjedha’ jedheera. (Yohannis 8:29) Kanaaf, wanta Waaqayyo barbaadu hojjechuudhaan isa gammachiisuu dandeenya. Mee natti himi, Waaqayyoon gammachiisuuf maalfaa gochuu dandeessa?— Eeyyee, Macaafa Qulqulluu dubbisuu, gara walgaʼiiwwan gumii dhaquu, Waaqayyoon kadhachuufi namoonni kaan waaʼeesaa akka baratan gargaaruu dandeessa. Wantoonni kun wantoota hundarra caalaa barbaachisaa taʼanidha.

Yesus Waaqayyo biratti badhaadhaa waan tureef, Yihowaan isa gargaareera. Yesusiif badhaasa jireenya barabaraa kenneera. Nuyis akkuma Yesus yoo taane, Yihowaan nu jaallata, nu gargaaras. Kanaaf, akka namicha sooressa Waaqayyoon irraanfate sanaa utuu hin taʼin, akka Yesus haa taanu.

Qabeenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuu ilaalchisee, caqasawwan Macaafa Qulqulluu armaan gadii ilaali: Fakkeenya 23:4; 28:20; 1 Ximotewos 6:6-10 fi Ibroota 13:5.