Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 25

Namoonni Wanta Gadhee Raawwatan Jijjiiramuu Danda’uu?

Namoonni Wanta Gadhee Raawwatan Jijjiiramuu Danda’uu?

NAMOONNI hundi wanta gaarii utuu raawwatanii namatti hin toluu?— Haataʼu malee, namni yeroo hunda wanta gaarii raawwatu hin jiru. Hundi keenya wanta gaarii raawwachuu kan barbaannu taʼullee, al tokko tokko wanta gadhee maaliif akka raawwannu beektaa?— Cubbuu waan dhaalleefidha. Namoonni tokko tokko garuu wanta baayʼee gadhee taʼe hedduu raawwatu. Namoota ni jibbu, akkasumas taʼe jedhanii isaan miidhu. Namoonni akkasii, jijjiiramanii wanta gaarii gochuu barachuu dandaʼu jettee yaaddaa?—

Dargaggeessa uffata namoota Isxifaanositti dhagaa darbatan eegaafii jiru kana ilaali. Maqaansaa inni Ibrootaa Saaʼol, maqaansaa inni Roomaammoo Phaawulos jedhama. Saaʼol, duuka buutuu Barsiisaa Guddichaa kan ture Isxifaanos ajjeefamuusaatti gammadeera. Saaʼol wanta gadhee kana maaliif akka raawwate haa ilaallu.

Saaʼol, miseensa garee amantii Yihudii warra Fariisota jedhamanii ture. Fariisonni Caaffata Qulqullaaʼoo kan qaban taʼus, barumsa barsiistonni amantii barsiisaniif caalaatti xiyyeeffannaa kennu turan. Kunis, Saaʼol wanta gadhee akka raawwatu isa godheera.

Isxifaanos Yerusaalemitti yommuu qabamu Saaʼol achi ture. Isxifaanos mana murtii Fariisonni tokko tokko abbootii firdii itti turanitti geeffame. Himanni isarratti yoo dhihaateyyuu hin sodaanne. Yeroo sanatti waaʼee Yihowaafi waaʼee Yesus dubbachuudhaan, abbootii firdii kanaaf akka gaariitti dhugaa baʼe.

Haataʼu malee abbootiin firdii kun wanta dhagaʼanitti hin gammanne. Sana durayyuu waaʼee Yesus wanta hedduu beeku turan. Kun taʼuusaa yeroo muraasa dura Yesusiin ajjeesisanii turan. Sana booda garuu Yihowaan Yesusiin duʼaa kaasee gara samiitti isa fudhateera. Abbootiin firdii kun ilaalchasaanii jijjiiruu mannaa, duuka buutota Yesus ariʼachuusaanii itti fufan.

Abbootiin firdii kun Isxifaanosiin qabanii magaalaadhaa ala isa baasan. Garmalee erga isa reebanii booda, iddoo inni kufetti dhagaa itti darbachuu jalqaban. Akkuma fakkii kanarratti argitu, yeroo kanatti Saaʼolis dhaabatee isaan ilaalaa jira. Saaʼol Isxifaanos ajjeefamuunsaa sirriidha jedhee yaada ture.

Saaʼol Isxifaanosiin ajjeesuun sirrii akka ture kan isatti dhagaʼame maaliifi?

Saaʼol akkas jedhee kan yaade maaliif akka taʼe beektaa?— Eeyyee, Saaʼol hamma yeroo sanaatti Fariisota keessaa tokko waan tureefi barumsi isaan barsiisanis sirriidha jedhee waan amanuuf ture. Fakkeenya geggeessitoota amantii warra Fariisota sanaa hordofa ture.—Hojii Ergamootaa 7:54-60.

Isxifaanos erga ajjeefamee boodahoo Saaʼol maal godhe?— Sana boodammoo bartoota Yesus hunda balleessuuf yaalii gochuu jalqabe. Gara manasaanii dhaqee dhiirotaafi dubartoota harkisee manasaanii keessaa erga baasee booda, mana hidhaatti isaan galcha ture. Bartoonni Yesus hedduun Yerusaalem keessaa kan baqatan taʼus, waaʼee Yesus lallabuusaanii hin dhiisne.—Hojii Ergamootaa 8:1-4.

Kunimmoo, Saaʼol duuka buutota Yesus caalaatti akka jibbu isa godhe. Kanaaf, gara Angafa Lubootaa Qayyaafaa dhaqee Kiristiyaanota Damaasqootti argaman hunda hiisisuuf heyyama gaafate. Saaʼol namoonni kun hidhamanii gara Yerusaalemitti geeffamuudhaan, akka adabaman gochuu barbaade. Haataʼu malee, utuu inni gara Damaasqoo dhaqaa jiruu wanti nama ajaaʼibsiisu tokko ni raawwatame.

Saaʼolitti dubbachaa kan jiru eenyudha? Dhaqeehoo maal akka godhu itti himaa jira?

Ifti guddaan samii keessaa erga itti baʼee booda sagalee, “Saaʼol, Saaʼol, maaliif na ariʼatta?” jedhu dhagaʼe. Kana kan dubbate Yesus ture. Ifni sun garmalee guddaa waan tureef ija Saaʼol jaamse; kanaan kan kaʼes namoonni isaa wajjin turan harkasaa qabanii gara Damaasqootti isa geessan.

Guyyoota sadii booda, Yesus Damaasqootti mulʼataan duuka buutuusaa isa Anaaniyaas jedhamutti mulʼate. Yesus, Anaaniyaas Saaʼol bira akka dhaqu, ijasaa akka isaaf banuufi isaa wajjin akka dubbatu itti hime. Saaʼol, yommuu Anaaniyaas dhugaa waaʼee Yesus dubbatu itti himu ni amane. Ijisaas deebiʼee ilaaluu jalqabe. Jireenyisaa guutummaatti waan jijjiirameef, amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajiluu jalqabe.—Hojii Ergamootaa 9:1-22.

Saaʼol wanta gadhee raawwachaa kan ture maaliif akka taʼe amma sii galee?— Eeyyee, wanta gadhee waan barateefidha. Inni namoota Waaqayyoof amanamoo hin taane hordofaa ture. Garee namoota Dubbii Waaqayyoo caalaa ilaalcha namootaatiif dursa kennan keessa ture. Maarree, Fariisonni kaan Waaqayyoon mormuusaanii yoo itti fufaniyyuu, Saaʼol jijjiiramee wanta gaarii raawwachuu kan jalqabe maaliifi?— Sababiinsaa Saaʼol nama dhugaa jibbu waan hin turreefidha. Kanaaf wanta sirrii taʼe yommuu baratu, hojiirra oolchuun isa hin rakkisne.

Yeroo booda Saaʼol maal akka taʼe beektaa?— Eeyyee, ergamaa Yesus isa Phaawulos jedhamu taʼe. Kana malees, Phaawulos namoota kaan caalaa kitaabota Macaafa Qulqulluu hedduu akka barreesse hin dagatin.

Namoonni akka Phaawulos jijjiiramuu dandaʼan hedduun jiru. Haataʼu malee, qaamni namoonni wanta gadhee akka raawwatan gochuuf carraaqu waan jiruuf jijjiirama akkasii gochuun salphaa miti. Qaamni kun eenyu akka taʼe beektaa?— Yesus karaa gara Damaasqoo geessurratti yommuu Saaʼolitti mulʼate eenyummaa qaama kanaa dubbateera. Yeroo sanatti Yesus samiirraa, “Dukkanattii gara ifaatti, aangoo Seexanaa jalaas gara Waaqayyootti haa deebiʼaniif, ija isaanii in banta” jechuudhaan Saaʼolitti dubbateera.—Hojii Ergamootaa 26:17, 18.

Eeyyee, namoonni hundi wanta gadhee akka raawwatan gochuuf carraaqqii kan godhu Seexanadha. Atoo yeroo tokko tokko wanta gaarii gochuun si rakkisaa?— Hundi keenya kana gochuun nu rakkisa. Seexanni kana gochuun rakkisaa akka nutti taʼu godheera. Haataʼu malee, yeroo hunda wanta gaarii raawwachuun rakkisaa akka nutti taʼu kan godhu wanti garabiraanis jira. Wanti kun maal akka taʼe beektaa?— Cubbuu dhaalledha.

Yeroo baayʼee wanta gaarii gochuu mannaa, wanta dogoggora taʼe raawwachuun akka nutti salphatu kan godhu cubbuu dhaalle kanadha. Maarree maal gochuu qabna?— Eeyyee, wanta sirrii taʼe raawwachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. Kana yoo goone, Yesus inni nu jaallatu akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.

Yesus yommuu lafarra ture, namoota wanta gadhee raawwachaa kan turan taʼus yeroo booda jijjiirama godhan ni jaallata ture. Yesus, namoonni kun jijjiirama gochuun hangam akka isaanitti ulfaatu beeka ture. Fakkeenyaaf, bara duriitti dubartoonni dhiirota hedduu wajjin saalqunnamtii raawwatan jiru turan. Kun gocha gadhee taʼedha. Macaafni Qulqulluun, dubartoonni gocha akkasii raawwatan ejjitoota ykn gaalamootota akka jedhaman ibsa.

Yesus dubartii gocha gadhee raawwachaa turte kanaaf dhiifama kan godhe maaliifi?

Yeroo tokko dubartiin akkasii tokko waaʼee Yesus dhageessee gara mana Fariisicha Yesusin keessummummaa simate tokkoo dhufte. Isheenis miilla Yesusitti urgooftuu dibdee, imimmaansheetiin miillasaa jiistee rifeensa mataasheetiin haxoofti turte. Cubbuu hojjettetti baayʼee waan gadditeef, Yesus dhiifama godheeraaf. Fariisichi garuu dubartii kanaaf dhiifamni godhamuu qaba jedhee hin yaanne.—Luqaas 7:36-50.

Yeroo garabiraattimmoo Yesus Fariisota tokko tokkoon maal akka jedheen beektaa?— “Gaalamootonni isin dura mootummaa Waaqayyootti in galu” jedheen. (Maatewos 21:31) Yesus akkas kan jedhe gaalamootonni isatti waan amananiifi gocha gadhee raawwachuusaanii waan dhiisaniifidha. Fariisonni garuu duuka buutota Yesusirratti wanta gadhee raawwachuusaanii itti fufaniiru.

Kanaaf, Macaafni Qulqulluun wanti gochaa jirru gadhee akka taʼe yoo nutti hime jijjiirama gochuuf, akkasumas wanta Yihowaan nurraa barbaadu raawwachuuf fedhii qabaachuu qabna. Kana yoo goone Yihowaan kan nutti gammadu taʼuusaarrayyuu, jireenya barabaraa nuu kenna.

Wanta gadhee taʼe raawwachuurraa fagaachuuf kan nu gargaaru maal akka taʼe beekuuf, Faarfannaa 119:9-11; Fakkeenya 3:5-7 fi 12:15 haa dubbisnu.