Boqonnaa 8
Waaqayyo Hundumarra Ni Caala
QAAMNI aangoo, humnaafi jabinaan hunda keenya caalu jiraachuusaa akka amantu beekamaadha. Qaamni kun eenyu sitti fakkaata?— Yihowaadha. Ilmisaa inni Barsiisaa Guddicha taʼehoo nu caalaa?— Innis akka nu caalu beekamaadha.
Yesus, Waaqayyoo wajjin samiirra jiraachaa ture. Inni qaama hafuuraa kan qabu taʼuusaarrayyuu ergamaa Waaqayyooti. Waaqayyo ergamoota ykn qaamota hafuuraa garabiraahoo uumeeraa?— Eeyyee, ergamoota miliyoona hedduudhaan lakkaaʼaman uumeera. Ergamoonni kunis aangoofi humna guddaa nurra caalu qabu.—Ibroota 1:7; Daaniʼel 7:10.
Ergamaan Maariyaamitti dubbate maqaansaa eenyu akka taʼe ni yaadattaa?— Eeyyee, Gabriʼel jedhama. Mucaan isheen deessu, Ilma Waaqayyoo akka jedhamu isheetti himee ture. Waaqayyo Ilmisaa inni qaama hafuuraa ture, mucaa taʼee lafarratti akka dhalatuuf garaa Maariyaam keessa isa kaaʼe.—Luqaas 1:26, 27.
Dinqiin akkasii raawwatamuusaa ni amantaa? Yesus samiirra jiraachaa akka turehoo ni amantaa?— Inni samiirra jiraachaa akka ture ofiisaatii dubbateera. Yesus kana beekuu kan dandaʼe akkamitti? Maariyaam wanta Gabriʼel isheetti himee ture, ijoollummaasaatti isatti himuu hin ooltu. Yoseefis, Abbaansaa Waaqayyo taʼuusaa Yesusitti himee taʼuu dandaʼa.
Yommuu Yesus cuuphamettis Waaqayyo samiirraa, ‘Kun ilma kooti!’ jedhee dubbatee ture. (Maatewos 3:17) Yesus galgala duʼasaa dura turetti, “Yaa abbaa, ulfina isa utuu biyyi lafaa hin uumamin ani si biratti qaba tureen, ofii kee biratti ulfina anaaf kenni!” jedhee kadhannaa dhiheessee ture. (Yohannis 17:5) Eeyyee, Yesus deebiʼee Waaqayyoo wajjin samiirra jiraachuuf kadhannaa dhiheesseera. Gara samiitti deebiʼuu kan dandaʼu akkamittiree?— Yihowaan qaama hafuuraa ijaan hin argamne yoo isaaf kenne ykn yoo ergamaa isa godhe qofadha.
Mee amma gaaffii barbaachisaa tokkon si gaafadha. Ergamoonni hundi gaarii sitti fakkaatuu?— Eeyyee, yeroo tokko hundisaaniiyyuu gaarii turan. Yihowaan waan isaan uumeefi wanti Yihowaan uume hundi gaarii waan tureefidha. Haataʼu malee, ergamoota kana keessaa inni tokko hamaa taʼe. Kun taʼuu kan dandaʼe akkamitti?
Deebii kanaa argachuuf, jalqabarratti yeroo Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin uume wanta raawwatame haa ilaallu. Namoonni tokko tokko seenaan waaʼeesaanii ibsu sobadha jedhanii dubbatu. Barsiisaa Guddichi garuu seenaan kun dhugaa taʼuusaa beeka ture.
Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniin yeroo uume, dhaaba ashaakiltii bareedduu Eeden jedhamtu keessa isaan kaaʼe. Bakki kun dhaaba jannataa ture. Ijoollee hedduu godhachuufi maatii guddaa qabaatanii barabaraaf Jannata keessa jiraachuu dandaʼu turan. Haataʼu malee, barumsi barbaachisaan barachuun isaan barbaachisu tokko jira ture. Waaʼee kanaa armaan olitti ilaalleerra. Mee waaʼee barumsa kanaa yaadachuuf haa yaallu.
Uumama 2:17; 3:3) Maarree, Addaamiifi Hewwaan barumsa akkamii barachuu qabu ture?—
Yihowaan, ija mukeetii dhaaba ashaakiltii keessa jiran hunda nyaachuu akka dandaʼan Addaamiifi Hewwaanitti himee ture. Haataʼu malee, mukti akka isaan irraa hin nyaanne dhowwaman tokko jira ture. Waaqayyo, yoo ija mukaa sana nyaatan maal akka taʼan isaanitti himee ture. ‘Dhuguma in duutu’ jedheen. (Ajajamuu barachuu qabu turan. Eeyyee, lubbuudhaan jiraachuun keenya Yihowaadhaaf ajajamuu keenyarratti kan hundaaʼedha! Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof akka ajajaman afaaniin qofa utuu hin taʼin, gochasaaniitiinis argisiisuu qabu turan. Waaqayyoof yoo ajajaman, akka isa jaallataniifi Bulchaasaanii akka taʼu akka barbaadan argisiisu. Kana gochuunsaaniimmoo, barabaraaf Jannata keessa akka jiraatan isaan dandeessisa ture. Haataʼu malee, ija mukaa dhowwame sanarraa nyaachuunsaanii maal argisiisa?—
Wanta Waaqayyo isaaniif kenneef dinqisiifannaa akka hin qabne argisiisa. Atoo, utuu jannata sana keessa jirta taʼee ni ajajamta turtee?— Addaamiifi Hewwaan jalqabarratti ajajamanii turan. Haataʼu malee, qaamni isaanirra caalu tokko Hewwaaniin gowwoomse. Yihowaadhaaf akka hin ajajamne ishee godhe. Qaamni kun eenyu akka taʼe beektaa?—
Macaafni Qulqulluun bofni tokko Hewwaanitti akka dubbate ibsa. Haataʼu malee, bofni dubbachuu akka hin dandeenye beekta. Maarree, bofni kun dubbachuu kan dandaʼe akkamitti?— Bofni waan dubbachaa jiru kan fakkeesse ergamaa hamaa tokkodha. Kan dubbachaa ture garuu ergamaa sana ture. Ergamaan kun wantoota gadhee taʼan yaaduu jalqabe. Addaamiifi Hewwaan akka isa waaqeffataniifi akka isaaf ajajaman barbaade. Aangoo Waaqayyoos fudhachuu hawwe.
Kanaaf, ergamaa hamaan kun Hewwaan yaada dogoggoraa akka qabaattu godhe. Ergamaan kun bofa sanatti fayyadamee, ‘Waaqayyo dhugaasaa isinitti hin dubbanne. Yoo ija mukichaarraa nyaattan akkuma Waaqayyoo ogeessota taatu malee hin duutan’ jedheen. Utuu si taʼee, wanta dubbatame kana ni amanta turtee?—
Hewwaan wanta Waaqayyo isheedhaaf hin kennine hawwuu jalqabde. Ija mukaa dhowwame sanarraa nyaatte. Addaamiifis ni kennite. Addaam wanta bofichi dubbatetti amanuu baatus, fedhii guddaan inni Hewwaanii wajjin jiraachuuf qabu, jaalala Waaqayyoof qaburra kan caalu ture. Kanaaf, innis ija mukaa dhowwame sanarraa nyaate.—Uumama 3:1-6; 1 Ximotewos 2:14.
Kun rakkina akkamii isaanitti fide?— Addaamiifi Hewwaan mudaa akka qabaatan, akka Roomaa 5:12) Macaafni Qulqulluun, ergamaan Hewwaaniin gowwoomse maqaansaa Seexana akka jedhamu, ergamoonni hamoo taʼan kaanimmoo hafuurota hamoo akka jedhaman ibsa.—Yaaqoob 2:19; Mulʼata 12:9.
dullooman, achiis akka duʼan godhe. Mudaa kan qaban waan taʼaniif, ijoolleensaanii hundis mudaa kan qaban taʼan; yeroo boodas dulloomanii duʼan. Wanti Waaqayyo dubbate dhugaa ture! Dhugumayyuu, lubbuudhaan jiraachuun keenya Yihowaadhaaf ajajamuu keenyarratti kan hundaaʼedha. (Ergamaan Waaqayyo gaarii godhee uume tokko, maaliif ergamaa gadhee akka taʼe amma hubatteettaa?— Eeyyee, wantoota gadhee yaaduu waan jalqabeefidha. Hundumaa caalee argamuu barbaade. Waaqayyo Addaamiifi Hewwaan ijoollee akka godhatan akka isaanitti hime waan beekuuf, hundisaanii akka isa waaqeffatan barbaade. Seexanni namni hundi Yihowaadhaaf akka hin ajajamne gochuu barbaada. Kana waan taʼeefis yaada dogoggoraa akka qabaannu gochuu yaala.—Yaaqoob 1:13-15.
Seexanni namni tokkoyyuu Yihowaa hin jaallatu jechuudhaan dubbata. Anis taʼe ati, Waaqayyoon akka hin jaallanneefi wanta Waaqayyo jedhu gochuu akka hin barbaanne dubbata. Yihowaadhaaf kan ajajamnu, wanti hundi karaa barbaanneen yoo raawwatame qofa akka taʼe dubbata. Haataʼu malee, wanti Seexanni dubbate kun sirriidhaa? Nuyi namoota akkasiitii?
Barsiisaa Guddichi Seexanni sobduu akka taʼe dubbateera! Yesus, garaa guutuudhaan Yihowaa akka jaallatu isaaf ajajamuudhaan argisiiseera. Yesus, Waaqayyoof kan ajajame yeroo salphaa isaaf taʼetti qofa hin turre. Namoonni kaan ajajamuun akka isatti ulfaatu yeroo godhanitti dabalatee, yeroo hunda Waaqayyoof ajajameera. Hanga duʼaattis Yihowaadhaaf amanamaa taʼuusaa mirkaneesseera. Waaqayyo duʼaa isa kaasee jireenya barabaraa kan isaaf kennes kanaafidha.
Kanaaf diinni inni guddaan eenyu sitti fakkaata?— Eeyyee, Seexana isa Diiyaabilos jedhamudha. Ijaan isa arguu ni dandeenyaa?— Hin dandeenyu! Haataʼu malee inni dhugumaan akka jiruufi nu caalaa humna akka qabu beekna. Taʼus, qaamni Seexana caalu eenyudha?— Yihowaadha. Kanaaf Waaqayyo nu eeguu akka dandaʼu beekna.
Caqasoota Waaqa isa kam waaqeffachuu akka qabnu ibsan kana dubbisi: Keessa Deebii 30:19, 20; Iyaasuu 24:14, 15; Fakkeenya 27:11 fi Maatewos 4:10.