Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 40

Waaqayyoon Gammachiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?

Waaqayyoon Gammachiisuu kan Dandeenyu Akkamitti?

WAAQAYYOON gammachiisuuf maal gochuu dandeenya? Wanti isaaf kennuu dandeenyu jiraa?— Yihowaan, “Bineensi caakkaa keessa jiraatan hundinuu . . . kan koo ti” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Meetichi kan koo ti, warqichis kan koo ti” jedheera. (Faarfannaa 24:1; 50:10; Haagee 2:8) Haataʼu malee, wanti Waaqayyoof kennuu dandeenyu tokko jira. Wanti kun maal akka taʼe beektaa?—

Yihowaan, isa tajaajiluufis taʼe dhiisuuf mirga nuu kenneera. Wanta inni barbaadu akka goonu nu hin dirqisiisu. Mee amma, Waaqayyo isa tajaajiluufis taʼe dhiisuuf mirga akka qabaannu godhee kan nu uume maaliif akka taʼe haa ilaallu.

Tarii maashinoota hojii tokko tokko hojjetan beekta taʼa. Eeyyee, maashinoonni kun wanta namni isaan tolche akka hojjetan barbaadu kamiyyuu hojjetu malee, wanta hojjetan filachuu hin dandaʼan. Yihowaan hunda keenya akka maashinoota kanaa, wanta inni barbaadu qofa akka raawwannu godhee nu uumuu dandaʼa ture. Haataʼu malee, akkas hin goone. Maaliif akka taʼe beektaa?— Ashaangulliitiin tokko tokko akkuma maashiniiti. Yommuu isarraa wanti tokko tuqamu, ashaangulliitichi wanta akka raawwatu godhamee hojjetame sana raawwata. Ashaangulliitii akkasii argitee beektaa?— Yeroo baayʼee namoonni ashaangulliitiidhaan taphachuun isaan nuffisiisa. Waaqayyo nuyis akkuma maashinii wanta tokko akka hojjetu godhamee tolchametti, fedhii keenya malee akka isaaf ajajamnu hin barbaadu. Yihowaan jaalalaafi fedhiidhaan kakaanee akka isa tajaajillu barbaada.

Waaqayyo akka maashinii kanaa godhee kan nu hin uumne maaliifi?

Abbaan keenya inni samii fedhii keenyaan yommuu isa tajaajillu maaltu kan isatti dhagaʼamu sitti fakkaata?— Mee natti himi, amala ati argisiistuun warrikee maaltu isaanitti dhagaʼama?— Macaafni Qulqulluun, ilmi ogeessi “abbaa isaa in gammachiisa,” ilmi gowwaan garuu “haadha isaa gaddisiisa” jedha. (Fakkeenya 10:1) Wanta haati ykn abbaankee si ajajan raawwachuunkee akka isaan gammachiisu hubatteettaa?— Yommuu isaaniif ajajamuu didduhoo maaltu isaanitti dhagaʼama?—

Yihowaa fi warrakee gammachiisuu kan dandeessu akkamitti?

Mee ammammoo waaʼee Yihowaa Abbaa keenya isa samii haa ilaallu. Yihowaan akkamitti isa gammachiisuu akka dandeenyu nutti himeera. Macaafa Qulqulluukee baasiitii Fakkeenya 27:11 ilaali. Achirratti Waaqayyo, “Yaa ilma ko, [yaa intala koo jechuus ni dandeenya] nama ana arrabsuuf [“isa natti gaʼisuuf,” NW] deebii kennuu akkan dandaʼutti, ati ogeessa taʼi, garaa na ciibsi!” nuun jedheera. Namatti gaʼisuu jechuun maal jechuu akka taʼe beektaa?— Namni tokko sitti kolfuufi wanta nan godha jette raawwachuu akka hin dandeenye dubbachuudhaan sitti gaʼisuu dandaʼa. Seexanni Yihowaatti kan gaʼisu akkamittiree?— Mee haa ilaallu.

Boqonnaa 8ffaa kitaaba kanaarratti, Seexanni hundarra caalee argamuufi namoonni hundi akka isaaf ajajaman gochuu kan barbaadu taʼuusaa barannee akka turre ni yaadatta. Seexanni, namoonni Yihowaa kan waaqeffatan, inni jireenya barabaraa waan isaaniif kennuufidha jedha. Seexanni Addaamiifi Hewwaan Yihowaadhaaf akka hin ajajamne erga godhee booda, ‘Namoonni kan si tajaajilan wanta tokko waan sirraa argataniif qofadha. Carraasaa utuu naa kennitee, nama hundumaa sirraa jalʼisuu nan dandaʼa’ jechuudhaan Waaqayyorratti gaaffii kaaseera.

Addaamiifi Hewwaan erga cubbuu hojjetanii booda, Seexanni Yihowaarratti mormii kan kaase akkamitti?

Jechoonni kun kallattiidhaan Macaafa Qulqulluu keessatti akka hin argamne beekamaadha. Haataʼu malee, waaʼee nama Iyoob jedhamuu yommuu dubbisnu, Seexanni wanta kanaa wajjin wal fakkaatu Waaqayyotti akka dubbate hubanna. Iyoob Waaqayyoof amanamaa taʼuufi dhiisuunsaa, Seexanaafis taʼe Yihowaadhaaf jijjiirama qaba. Mee amma, Macaafa Qulqulluu keenyarraa Iyoob boqonnaa 1fi 2 baasnee wanta raawwatame haa ilaallu.

Iyoob boqonnaa 1⁠rratti akka ibsametti, yommuu ergamoonni Yihowaa biratti wal gaʼan Seexannis achitti argamuusaa qalbeeffadhu. Kanaaf Yihowaan, “Ati eessaa dhufte?” jedhee Seexana gaafate. Seexannis lafarra naannaʼaa akka ture dubbate. Yihowaanimmoo, ‘Iyoobiin argiteettaa? Inni nama na tajaajiluufi waan gadheerraa fagaatedha’ jedheen.—Iyoob 1:6-8.

Yeruma sana Seexanni sababii dhiheessuu jalqabe. Akkas jedhe: ‘Iyoob kan si waaqeffatu rakkina tokkoyyuu waan hin qabneefidha. Eegumsa isaaf gochuufi isa eebbisuukee utuu dhiistee fuulleetti si arrabsa’ jedheen. Yihowaanis, ‘Tole egaa, qaamasaa hin tuqin malee wanta feete isarratti raawwachuu dandeessa’ jedhee deebiseef.—Iyoob 1:9-12.

Seexanni maal godheree?— Namoonni tiksoota Iyoob ajjeesanii looniifi harrootasaa akka fudhatan godhe. Achiis bakakkaan hoolotaafi tiksootasaanii ajjeese. Takka tureemmoo, namoonni dhufanii tiksitoota ajjeesanii gaalotasaa hatanii deeman. Dhumarrattis Seexanni, bubbeen mana ijoolleen Iyoob kurnan keessa turan diigee hundasaanii akka ajjeesu godhe. Iyoob rakkoowwan kun hundi irra gaʼanis Yihowaa tajaajiluu hin dhiisne.—Iyoob 1:13-22.

Yihowaan yommuu Seexanni deebiʼee isa bira dhufu, Iyoob ammayyuu amanamaa taʼuusaa itti hime. Seexanni, ‘Qaama Iyoob akkan miidhu utuu naaf heyyamtee, fuulleetti si arrabsa’ jechuudhaan sababii garabiraa dhiheesse. Kanaaf Yihowaan, Seexanni Iyoobiin akka hin ajjeesne isa akeekkachiisuudhaan, qaamasaa akka miidhu heyyameef.

Iyoob rakkoowwan akkamii dandaʼee dabarse? Kunoo Waaqayyoon kan gammachiise maaliifi?

Seexannis yeruma sana qaamni Iyoob guutummaatti akka madaaʼu godhe. Madaansaa foolii gadhee waan qabuuf, eenyuyyuu isatti dhihaachuu hin barbaadu ture. Haati manaasaallee, “Waaqayyoon arrabsii duʼi!” jetteen. Namoonni michootasaa jedhamanis dhufanii, rakkinni kun hundi kan isarra gaʼe cubbuu guddaa waan hojjeteef akka taʼe dubbachuudhaan, caalaatti akka gaddu isa godhan. Seexanni Iyoobitti rakkinaafi gidiraa kana hunda yoo itti fidellee, inni garuu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajileera.—Iyoob 2:1-13; 7:5; 19:13-20.

Iyoob amanamaa taʼuusaatiin Yihowaatti maaltu kan dhagaʼame sitti fakkaata?— Yihowaan Seexanaan, ‘Iyoobiin ilaali. Inni fedhasaatiin na tajaajila’ jechuu dandaʼuunsaa, amanamummaa Iyoobitti akka gammade argisiisa. Atoo akkuma Iyoob, nama Seexanni sobduu taʼuusaa saaxiluudhaan Yihowaan si caqasu taʼuu dandeessaa?— Yaanni Seexanni namni hundi Yihowaa tajaajiluu akka dhiisu gochuu akka dandaʼu dubbate soba taʼuusaa mirkaneessuun mirga guddaadha. Yesus kana akka mirga guddaatti ilaaleera.

Barsiisaa Guddichi, Seexanni wanta dogoggora taʼe akka isa raawwachiisu hin heyyamneef. Wanti Yesus godhe kun Abbaasaa hammam akka gammachiise mee yaadi. Yihowaan harkasaa gara Yesusitti qabee Seexanaan, ‘Ilmakoo ilaali! Inni waan na jaallatuuf, guutummaatti anaaf amanamaadha!’ jechuu dandaʼeera. Yesusis garaa Abbaasaa ciibsuusaatti hammam gammadee akka ture yaadi. Kanaan kan kaʼes, mukarratti fannifamee hamma duʼutti obsaan dandaʼeera.—Ibroota 12:2.

Atis akkuma Barsiisaa Guddichaa taʼuudhaan Yihowaa gammachiisuu barbaaddaa?— Taanaan, wanta Yihowaan akka gootu barbaadu barachuufi wanta baratte hojiirra oolchuudhaan isa gammachiisi.

Yesus Waaqayyoon gammachiisuuf maal akka godheefi nuyis maal gochuu akka qabnu beekuuf, Fakkeenya 23:22-25; Yohannis 5:30; 6:38; 8:28fi 2 Yohannis 4 dubbisi.