Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Ijoolleen Warrasaaniirraa Argachuu Qaban

Wanta Ijoolleen Warrasaaniirraa Argachuu Qaban

ABBAAFI haadha kan taʼan hundi, wanta namoonni guutummaatti hubachuu hin dandeenye tokko akka uumamu gochuurratti qooda guddaa qabu. Lamaansaaniiyyuu kutaa qaamasaaniirraa xinnoo xinnoo walitti buusu. Sana booda, mucaan qaama guutuu qabu tokko garaa haadhaa keessatti guddachuu jalqaba. Kanarraa kaʼuudhaan, namoonni yeroo daaʼimni tokko dhalatu, “mucaa godhachuun dinqiidha” jedhanii dubbachuunsaanii kan nama ajaaʼibsiisu miti.

Haataʼu malee mucaa godhachuun, warraaf itti gaafatamummaa isa jalqabaa qofadha. Ijoolleen jalqabarratti jireenyisaanii guutummaatti kunuunsa warrisaanii karaa foonii isaaniif godhanirratti kan hundaaʼe taʼus, yeroo guddachaa deeman garuu wantoota karaa foonii isaan barbaachisan qofa dhiheessuun gaʼaa miti. Yeroo kanatti sammuudhaan, miiraafi amalaan, akkasumas karaa hafuuraa akka guddatan gargaarsi isaan barbaachisa.

Ijoolleen, keessumaa guddina gaarii akka argisiisaniif jaalala warrasaanii argachuun isaan barbaachisa. Ijoollee keessan akka jaallattan dubbachuun barbaachisaa taʼus, jaalala keessan hojiidhaan argisiisuun garuu caalaatti barbaachisaadha. Eeyyee, warri ijoolleesaaniitiif fakkeenya gaarii taʼuun, ijoolleenimmoo qajeelfama seerawwan buʼuuraa ittiin jiraatan argachuun isaan barbaachisa. Qajeelfamawwan kanammoo, daaʼimummaasaaniitii jalqabee argachuu qabu. Gargaarsa barbaachisu utuu hin argatin yoo guddatan garuu, rakkina guddaadhaaf saaxilamuunsaanii hin oolu.

Qajeelfamni hundarra caalummoo Macaafa Qulqulluu keessatti argama. Qajeelfama Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼe akkasii kennuun faayidaa hangana hin jedhamne qaba. Ijoolleen qajeelfama akkasii argachuunsaanii, wanti barachaa jiran wanta namni tokko dubbate utuu hin taʼin, wanta Uumaasaanii, jechuunis Abbaansaanii inni samii dubbate taʼuusaa akka hubatan godha. Gorsi kunimmoo jireenyasaaniirratti jijjiirama guddaa fida.

Macaafni Qulqulluun warri, ijoolleensaanii qajeelfama sirrii taʼe sammuutti akka qabatan gochuuf carraaqqii cimaa akka godhan jajjabeessa. Haataʼu malee, ijoolleen yommuu guddachaa dhufan, yeroo baayʼee warri wantoota barbaachisaa taʼan kaasanii isaanii wajjin mariʼachuun isaan rakkisa. Kitaabni Barsiisaa Guddicharraa Baradhu jedhamu kun, rakkinni akkasii akka hin uumamne isin gargaaruuf yaadamee kan qophaaʼedha. Kitaabni kun, barumsa hafuuraa ijoollee keessanii wajjin dubbistan qabatee dhihaateera. Kana malees, kitaabichi ijoolleefi namoonni isaanii wajjin kitaaba kana dubbisan akka waliin mariʼatan godha.

Kitaabni kun, ijoolleen yaada akka kennan karaa jajjabeessuun kan qophaaʼe taʼuusaa hubachuun keessan hin oolu. Gaaffii bakka barbaachisaa taʼetti dhihaatu hedduus qabateera. Gaaffiiwwan kanarra yommuu geessan mallattoo sarara dalgee (—) argitu. Mallattoon kun, takka akka turtaniifi mucichi deebii akka kennu akka jajjabeessitan isin yaadachiisuuf kan qophaaʼedha. Ijoolleen mareerratti hirmaachuun isaan gammachiisa. Kun taʼuu baannaan garuu, mucaan sun dafee nuffuufi xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuu dhiisuu dandaʼa.

Hundumaa caalaa garuu, gaaffiiwwan kun, wanta garaa mucichaa keessa jiru hubachuuf isin gargaaru. Yeroo tokko tokko mucichi deebii dogoggora taʼe kennuu akka dandaʼu beekamaadha. Haataʼu malee, yaanni gaaffiiwwan hundatti aansee argamu, mucichi ilaalcha sirrii akka qabaatu gargaaruuf yaadamee kan qophaaʼedha.

Fakkiiwwan 230 ol taʼaniifi kitaabicha keessatti argaman, kitaabichi adda akka taʼu godhaniiru. Fakkiiwwan kana keessaa garri caalaansaanii, mucichi wanta argeefi wanta dubbiserratti hundaaʼee deebii akka kennu kan isa gargaaranidha. Kanaaf, mucichaa wajjin fakkiiwwanirratti mariʼadhaa. Fakkiiwwan kun, mucichi wanta barachaa jiru akka gaariitti hubachuuf kan isa gargaaran taʼuu dandaʼu.

Mucichi yommuu dubbisuu baratu, kitaabicha isiniifis taʼe ofiisaatiif akka dubbisu isa jajjabeessaa. Irra deddeebiʼee kitaabicha yoo dubbise, gorsi gaariin achi keessa jiru caalaatti sammuusaafi garaasaa keessa seena. Haataʼu malee, jaalalliifi ulfina walii kennuun isin gidduu jiru caalaatti akka jabaatu yoo barbaaddan, yeroo hunda kitaabicha waliin dubbisuu qabdu.

Waggoottan kurnan muraasa darbanirraa haala adda taʼeen, yeroo ammaatti ijoolleen saalqunnamtii seeraan ala taʼeef, hojiiwwan hafuura xuraaʼoofi gochawwan gadhee taʼan kaaniif saaxilamaniiru. Kanaan kan kaʼes, ijoolleen eegumsi kan isaan barbaachisu siʼa taʼu, kitaabni kunimmoo eegumsa isaaniif godhamuu qabu karaa ulfina qabuufi ifa taʼeen ibsa. Hunda caalaa garuu, ijoolleen Madda ogummaa hundumaa kan taʼe Abbaa keenya Yihowaatti akka dhihaatan gochuun barbaachisaadha. Wanti Yesus inni Barsiisaa Guddicha taʼe yeroo hunda gochaa tures kanadha. Kitaabni kun isinis taatan maatiin keessan, jireenya Yihowaa gammachiisu akka jiraattaniifi eebba barabaraa akka argattan isin gargaara jennee abdanna.