Seensa Kutaa 11
Kutaan kun seenaa Kitaaba Qulqulluu Afaan Giriikii keessa jiru ibsa. Yesuus kan dhalate maatii hiyyeessa magaalaa xinnoo keessa jiraatu keessatti ture. Inni abbaa isaa isa anaaxii taʼee wajjin hojjeteera. Yesuus isa ilmaan namootaa fayyisu dha. Yihowaan, Mootii Mootummaa samii akka taʼu isa filateera. Warra yoo taatan, ijoolleen keessan Yihowaan maatii fi haala Yesuus keessatti guddatu akkamitti of eeggannoodhaan akka filate akka hubatan gargaaraa. Yihowaan Herodis akka isa hin ajjeesne Yesuusiin kan eege akkamitti akka taʼee fi wanti tokko iyyuu kaayyoon Yihowaa akka hin raawwatamne gufuu taʼuu akka hin dandeenye isaan hubachiisaa. Yihowaan Yesuusiif karaa akka qopheessu Yohaannisiin kan muude akkamitti akka taʼe isaan barsiisaa. Yesuus ijoollummaa isaatii jalqabee ogummaa Yihowaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti akka taʼe ibsaa.
KUTAA KANA KEESSATTI
BARUMSA 68
Elsaabex Ilma Deesse
Abbaan manaa Elsaabex hamma mucichi dhalatutti dubbachuu akka hin dandeenye kan itti himame maaliifi?
BARUMSA 70
Maleekonni, Yesuus Dhalachuu Isaa Beeksisan
Tiksitoonni beeksisicha dhagaʼan dafanii tarkaanfii fudhatan.
BARUMSA 72
Yesuus Yeroo Ijoollee Turetti
Barsiisota mana qulqullummaa keessa turan kan ajaaʼibsiise akkamitti?
BARUMSA 73
Yohaannis Karicha Qopheesse
Yohaannis guddatee raajii taʼe. Dhufaatii Masiihichaa barsiise. Namoonni sun ergaa isaa yommuu dhagaʼan maal godhan?