Barumsa 3
Abdiin hiriyaan isaa akka dhukkubsate dhagaʼe.
Kanaaf akkas jedhe: “Kaʼeen waa godhaaf.
Isa gammachiisuuf xalayaan barreessaaf
achiis manattan geessaaf!”Namaaf waan gaarii godhi; atis, namni sunis ni gammaddu!
GILGAALA
Mucaa keetiif dubbisi:
Mucaankee wantoota kana akka sitti argisiisu gaafadhu:
Mana Minjaala Abdii
Aduu Simbira Muka
Mucaakee gaafadhu:
Nama dhukkubsate tokko beektaa?
Nama akkasii akkamitti gammachiisuu dandeenya?