Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hubachiisa Warraaf Kenname

Hubachiisa Warraaf Kenname

Ijoollee keessaniif kennaa gaarii akkamii kennuu dandeessu? Jaalala, qajeelfamaafi eegumsa keessan dabalatee wanti isaan barbaachisu hedduun jira. Haataʼu malee, kennaa guddaan hundarra caalu, waaʼee Yihowaafi waaʼee dhugaa isa Macaafa Qulqulluu keessatti argamuu isaan barsiisuudha. (Yohannis 17:3) Beekumsi kun, ijoolleen keessan xinnummaasaaniitii jalqabanii garaa guutuudhaan Yihowaa akka jaallataniifi akka isa tajaajilan isaan gargaaruu dandaʼa.—Maatewos 21:16.

Warri hedduun, ijoolleen xixinnoon barumsaafi gilgaala gaggabaabaa dafanii akka hubatan bira gaʼaniiru. Kanaafuu, birooshura Barumsa Macaafa Qulqulluukoo jedhu kana isinii qopheessuu keenyatti gammachuu guddaatu nutti dhagaʼama. Barumsi as keessa jiru hundi, seera buʼuuraa ykn barumsa Macaafa Qulqulluu karaa salphaa taʼeen barsiisuuf kan qophaaʼedha. Fakkiifi ibsi fakkii sanarratti kenname, keessumaa ijoollee umrii waggaa sadiifi isaa gad taʼaniif kan qophaaʼedha. Yaadawwan gilgaala hojjechuuf gargaaranis itti dabalamaniiru. Birooshurri Barumsa Macaafa Qulqulluukoo jedhu kun ijoolleen akka itti xaphataniif kan qophaaʼe miti. Kanaa manna, ijoollee keessanii wajjin akka dubbistaniifi carraa isaanii wajjin mariʼachuuf qabdan akka guddistan yaadamee kan qophaaʼedha.

Birooshurri kun, ijoollee keessan ‘mucummaa isaaniitii jalqabee’ dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuuf akka isin gargaaru ni abdanna.—2 Ximotewos 3:14, 15.

Obboloota keessan,

Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa