Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Obbolaa Koo Wajjin Walii Galee Jiraachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Obbolaa Koo Wajjin Walii Galee Jiraachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

BOQONNAA 6

Obbolaa Koo Wajjin Walii Galee Jiraachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Yaadawwan armaan gadii keessaa walitti dhufeenya obbolaa kee wajjin qabdu caalaatti kan ibsurratti mallattoo ✔ godhi.

□ Baayʼee walitti dhihaanna

□ Wal dandeenyee jiraanna

□ Yeroo hunda wal lolla

OBBOLAAN tokko tokko baayʼee walitti dhihaatu. Fakkeenyaaf, shamarreen waggaa 19 Feliishaa jedhamtu, “Obboleettiin tiyya Iriinaan waggaa 16 dha; ishiin hiriyootan baayʼee itti dhihaadhu keessaa tokkodha” jetteetti. Shamarreen waggaa 17 Kaarlii jedhamtu obboleessa ishii Eeriik isa umuriin isaa waggaa 20 taʼe ilaalchisee, “Baayʼee walii galla. Matumaa walitti buunee hin beeknu” jetteetti.

Karaa biraatiinimmoo obbolaa hedduun akkuma Looranii fi Maarlaa isaanitti dhagaʼama. Looran, “Wanta hundumaarratti wal lolla. Wanta xinnoorrattillee walii galuu hin dandeenyu” jetteetti. Yookiinimmoo tarii akkuma Aliis ishii umuriin ishii waggaa 12 taʼee sitti dhagaʼama taʼa; Aliis obboleessa ishii Deeniis isa umuriin isaa waggaa 14 taʼe ilaalchisee akkana jetteetti: “Baayʼee na aarsa. Balbala utuu hin rurukkutin kutaa koo seena, miʼa koos utuu na hin heyyamsiisin fudhata. Deeniis akkuma daaʼimaa isa godha.”

Atoo obboleessa ykn obboleettii si aarsan qabdaa? Dhugaadha, warri kee mana keessa seerri akka jiraatu gochuuf itti gaafatamummaa qabu. Haa taʼu malee, atis warra kaan wajjin walii galtee jiraachuu barachuun si barbaachisa. Kana utuma warra kee wajjin jiraattuu barachuu dandeessa.

Mee obboleessa ykn obboleettii kee wajjin wanti walitti isin buusu maal akka taʼe yaadi. Yeroo baayʼee maalirratti wal loltu? Wantoota armaan gadii keessaa isa baayʼee si aarsurratti mallattoo ✔ godhi.

Qabeenya. Obbolaan koo miʼa koo utuu na hin heyyamsiisin fudhatu.

Amala. Obbolaan koo ofittoodha, namaaf hin yaadan ykn jireenya koo toʼachuuf yaalu.

Iccitii dhuunfaa. Obbolaan koo balbala utuu hin rurukkutin kutaa koo seenu ykn utuu na hin heyyamsiisin iimeelii ykn ergaa koo dubbisu.

Kan biraa ․․․․․

Obbolaan kee yeroo hunda wanta gochuu qabdu sitti himuuf yaaluudhaan ykn mirga kee siif kabajuu diduudhaan yeroo hunda kan si aarsan yoo taʼe, isaanitti haaloo qabachuu dhiisuun ulfaataa taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun, ‘Akkuma funyaan cuunfuun dhiiga baasu, aarii kakaasuun lola fida’ jedha. (Fakkeenya 30:33) Funyaan cuunfuun dhiigni akka dhangalaʼu akkuma godhu haaloo qabachuunis aarii kakaasa. Kanaafuu, haaloo qabachuun rakkinichi caalaatti akka hammaatu godha. (Fakkeenya 26:21) Maarree, aariidhaan falmii keessa seenuurraa of qusachuu kan dandeessu akkamitti? Tarkaanfiin jalqabaa sababa isa sirrii adda baafachuudha.

Wanta Taʼee fi Sababasaa

Rakkinoonni obbolaa gidduutti uumaman akkuma finniisaati. Finniisni rakkina alaan jiru qofa fakkaachuu dandaʼa; garuu madaan gogaarratti mulʼatu gogaa jala infeekshiniin akka jiru kan mulʼisudha. Haaluma wal fakkaatuun, walitti buʼiinsi obbolaa gidduutti uumamu yeroo baayʼee rakkinicha duuba sababiin kan biraa akka jiru argisiisa.

Tarii finniisa sana cuunfuudhaan balleessuuf yaalta taʼa. Garuu balleessuuf yaalaa kan jirtu mallattoo alaan mulʼatudha; kunimmoo infeekshiniin sun caalaatti akka hammaatuu fi godaannisa akka taʼu gochuu dandaʼa. Wanti kanarra wayyu garuu finniisni kan biraan akka sirratti hin baaneef infeekshinii sana yaaluudha. Walitti buʼiinsa obbolaa kee wajjin uumamu wajjin haala wal qabateenis akkasuma gochuu dandeessa. Sababa rakkinicha duuba jiru hubachuuf yaali; akkas gochuun kee rakkina uumame sanarratti utuu hin taʼin, buʼuura rakkinichaarratti xiyyeeffachuuf si gargaara. Gorsa Solomoon Mootichi, “Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha” jechuudhaan kennes hojiirra oolchuu ni dandeessa.—Fakkeenya 19:11.

Fakkeenyaaf, Aliis ishiin olitti caqasamte waaʼee obboleessa ishii Deeniis yeroo dubbattu, “Balbala utuu hin rurukkutin kutaa koo seena, miʼa koos utuu na hin heyyamsiisin fudhata” jetteetti. Kun wanta inni yeroo godhu argitedha. Haa taʼu malee, sababiin inni kana itti godhe inni sirriin maal sitti fakkaata? Dhimmichi kabaja wajjin kan wal qabatu taʼuu dandaʼa. Aliis matumaa gara kutaa ishii akka hin seenne ykn miʼa ishii akka hin fudhanne Deeniisitti himuudhaan rakkinicha furuuf yaaluu dandeessi. Akkas gochuun ishii garuu wanta alaan mulʼatu qofaaf furmaata taʼa; walitti buʼiinsa kan biraattis geessuu dandaʼa. Aliis, Deeniis iccitii dhuunfaa fi qabeenya ishii akka kabaju amansiisuu yoo dandeesse garuu walitti dhufeenyi isaanii akka fooyyaʼu homaa hin shakkisiisu.

Walitti Buʼiinsa Furuu ykn Akka hin Uumamne Gochuu

Sababii itti obbolaa kee wajjin walitti buute adda baafachuun wanta rakkinicha furuuf si gargaaru keessaa tokko akka taʼe beekamaadha. Haa taʼu malee, wanta rakkinichaaf sababa taʼe furuu fi gara fuulduraattis rakkinni akka hin uumamne gochuuf maal gochuu dandeessa? Tarkaanfiiwwan armaan gadii jaʼan fudhachuuf yaali.

1. Seerota buʼuura taʼan tokko tokkorratti walii galaa. Wanti sii fi obbolaa kee gidduutti walitti buʼiinsi akka uumamu godhe maal akka taʼe irra deebiʼii yaadi. Seerota lamaan keessaniyyuu irratti walii galtanii fi sababa walitti buʼiinsa keessanii furuu dandaʼan tokko tokko baasuuf yaalaa. Fakkeenyaaf, qabeenyarratti yoo walitti buutan Seerri 1​ffaan akkana kan jedhu taʼuu dandaʼa: “Yeroo hundumaa miʼa nama kan biraa fudhachuu dura heyyama gaafachuu.” Seerri 2​ffaan immoo akkana kan jedhu taʼuu dandaʼa: “Namni tokko, ‘Miʼa kanatti fayyadamuu hin dandeessu’ yoo jedhe mirga isaa kabajuu.” Seerota kana yeroo baastan ajaja Yesuus, “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa” jechuudhaan kenne yaadaa. (Maatewos 7:12) Akkas gochuudhaan seerota lamaan keessaniyyuu hordofuu dandeessan baafachuu dandeessu. Achiis seerota kanarratti walii galuu isaanii mirkaneeffachuuf warra keessan mariisisaa.—Efesoon 6:1.

2. Seerota baastan sana hordofi. Phaawulos ergamaan akkana jedhee barreesseera: “Ati inni nama kan biraa barsiistu, of hin barsiistuu? Ati inni, ‘Hin hatin’ jettee lallabdu, ni hattaa?” (Roomaa 2:21) Qajeelfama kana hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti? Obbolaan kee iccitii dhuunfaa kee akka siif kabajan yoo barbaadde atis kan isaanii kabajuu qabda; fakkeenyaaf, gara kutaa isaanii seenuu kee dura balbala rurukkutuu qabda; ykn iimeelii ykn ergaa isaanii dubbisuu kee dura isaan heyyamsiisuu qabda.

3. Daftee hin aarin. Kun gorsa gaariidha kan jennu maaliifi? Sababiin isaas Kitaabni Qulqulluun, “Aariin bobaa gowwootaa jala waan jiruuf, aariidhaaf hin ariifatin” jedha. (Lallaba 7:9) Salphaatti kan aartu yoo taʼe jireenyi kee gammachuu hin qabaatu. Obbolaan kee wanta si aarsu gochuu ykn dubbachuun isaanii hin oolu. Haa taʼu malee, ‘Ani kanaan dura wanta akkasii isaanirratti godhee beekaa?’ jedhii of gaafadhu. (Maatewos 7:1-5) Jeeniin akkana jetteetti: “Yeroo umuriin koo waggaa 13 turetti namoota hundumaatiif baayʼee gaarii akkan taʼe natti dhagaʼama ture; akkasumas ilaalchi koo kan warra kaaniirra akka caaluu fi fudhatama argachuu akka qabu natti dhagaʼama ture. Quxusuun koos yeroo ammaatti miira akkasiitu ishiitti dhagaʼama. Kanaafuu, wanta ishiin dubbattutti aaruu dhiisuufan yaala.”

4. Dhiifama godhi, achiis irraanfadhu. Rakkinoota ciccimoorratti mariʼachuunii fi furmaata kennuun barbaachisaadha. Haa taʼu malee, dogoggora obbolaan kee hojjetan hundumaa kaasuun si barbaachisaa? Yihowaan ‘balleessaa tuffattee kan bira darbitu’ yoo taʼe sitti gammada. (Fakkeenya 19:11) Shamarreen waggaa 19 Aliisan jedhamtu akkana jetteetti: “Anii fi obboleettiin tiyya Reechal yeroo baayʼee garaagarummaa qabnu furuun nu hin rakkisu. Lamaan keenyayyuu dafnee dhiifama gaafanna; achiis wanta rakkinichaaf sababa taʼuu dandaʼa jennee yaannu dubbanna. Yeroo tokko tokko rakkinicha kaasuu koo dura yeroo muraasni akka darbun godha. Yeroo baayʼee guyyaa ittaanutti dhimmichi salphaa taʼee waan natti mulʼatuuf, kaasuuniyyuu akka na barbaachisu natti hin dhagaʼamu.”

5. Warri keessan akka isin araarsan gaafadhu. Atii fi obbolaan kee dhimma barbaachisaa tokko furuu yoo dadhabdan tarii warri keessan nagaa buusuuf isin gargaaruu dandaʼu. (Roomaa 14:19) Gargaarsa warra keessanii utuu hin gaafatin walitti buʼiinsa keessan furuu dandaʼuun mallattoo bilchinaa akka taʼe yaadadhu.

6. Amaloota gaggaarii obbolaan kee qaban dinqisiifadhu. Obbolaan kee amaloota dinqisiifattu akka qaban beekamaadha. Amala obbolaa kee keessaa isa dinqisiifattu tokko barreessi.

Maqaa

․․․․․

Amalan dinqisiifadhu

․․․․․

Dogoggora obbolaa keetiirratti xiyyeeffachuu mannaa, amaloota gaggaarii isaan qaban isaanitti himuuf carraa barbaaddadhu.—Faarfannaa 130:3; Fakkeenya 15:23.

Kitaabni Qulqulluun obbolaan keenya michoota nutti dhihaatan kan taʼan yeroo hunda akka hin taane dubbata. (Fakkeenya 18:24) Haa taʼu malee, ‘sababa itti isaan komattu yoo qabaattellee, isaan dandaʼuu kee yoo itti fufte’ michummaan obbolaa kee wajjin qabdu akka cimu gochuu ni dandeessa. (Qolosaayis 3:13) Akkas yoo goote obbolaan kee baayʼee si aarsuu dhiisuu dandaʼu. Tarii atis baayʼee isaan aarsuu dhiisuu dandeessa!

BOQONNAA ITTI AANURRATTI

Of dandeessee jiraachuuf qophaaʼuu kee akkamitti beekuu dandeessa?

CAQASA IJOO

“Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.”—Filiphisiyus 4:5.

GORSA GAARII

Obboleessa ykn obboleettii kee wajjin walii galuun si rakkisa yoo taʼe, haala kana carraa barumsa jireenya keetiif si fayyadu itti argattu akka taʼetti ilaali.

KANA BEEKTAA?

Manaa baatee of dandeessee yeroo jiraattu, yeroo tokko tokko namoonni si aarsan si mudachuu dandaʼu; namoonni si wajjin hojjetanii fi namoonni kan biroon naamusa gaarii kan hin qabne, kan namaaf hin yaannee fi ofittoo taʼuu dandaʼu. Amma yeroo maatii kee wajjin jiraattu haalawwan rakkisoo akkasii nagaadhaan furuu barachuu dandeessa.

WANTAN GOCHUU YAADE

Seerota obbolaa koo wajjin irratti walii galuu dandeenyu ․․․․․

Obbolaa koo akkan hin aarsineef akkanan godha ․․․․․

Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․

MAAL SITTI FAKKAATA?

● Garaagarummaa wanta taʼee fi sababa sirrii wanti sun itti taʼe gidduu jiru hubachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

● Obbolaa qabaachuun faayidaa akkamii qaba jettee yaadda?

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 46rra jiru]

“Utuun obbolaa qabaachuu baadhee yaadannoowwan baayʼee na gammachiisan tokko tokko qabaachuu hin dandaʼun ture. Warra obbolaa qabaniif, ‘Obbolaa qabaachuu keessan salphistanii hin ilaalinaa!’ jechuun barbaada.”—Meerliin

[Saanduqa fuula 42rra jiru]

Gilgaala

Sababa Rakkinichaa Adda Baafadhu

Rakkina obbolaa gidduutti uumamuuf wanta sababa taʼu adda baafachuurratti dandeettii kee fooyyeffachuu ni barbaaddaa? Taanaan, fakkeenya Yesuus waaʼee ilma mana abbaa isaa dhiisee deemuudhaan dhaala isaa qisaasessee ibsu dubbisi. (Luqaas 15:11-32) Yeroo inni gara manaatti deebiʼu obboleessa isaa isa hangafaatti maaltu akka dhagaʼame hubachuuf yaali. Achiis gaaffilee armaan gadiitiif deebii kenni.

Wanti obboleessi isaa hangafaa akka aaru godhe maalidha? ․․․․․

Sababii sirriin miirri akkasii akka isatti dhagaʼamu godhe maal sitti fakkaata? ․․․․․

Abbaan isaanii rakkinicha furuuf kan yaale akkamitti? ․․․․․

Obboleessi hangafaa rakkinicha furuuf maal gochuutu isa barbaachisa? ․․․․․

Ammammoo waaʼee walitti buʼiinsa dhiheenyatti sii fi obbolaa kee gidduutti uumamee yaadi. Achiis gaaffilee armaan gadii jalatti deebii kee barreessi. ․․․․․

Wanti akka walitti buutan godhe maalidha? ․․․․․

Sababii sirriin walitti buʼiinsi sun akka uumamu godhe maal sitti fakkaata? ․․․․․

Seeronni rakkinicha furuu fi gara fuulduraattis akka hin uumamne gochuuf irratti walii galuu dandeessan maalfaʼi? ․․․․․

[Fakkii fuula 43rra jiru]

Rakkinoonni obbolaa gidduutti uumaman akkuma finniisaati; rakkinoota kana furuuf wanta alaan mulʼatu qofa utuu hin taʼin sababa rakkinicha duuba jiru furuu si barbaachisa